< שמואל ב 5 >

ויבאו כל שבטי ישראל אל דוד חברונה ויאמרו לאמר הננו עצמך ובשרך אנחנו׃ 1
Gosoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit bira dhufanii akkana jedhan; “Nu foonii fi dhiiga kee ti.
גם אתמול גם שלשום בהיות שאול מלך עלינו אתה הייתה מוציא והמבי את ישראל ויאמר יהוה לך אתה תרעה את עמי את ישראל ואתה תהיה לנגיד על ישראל׃ 2
Duraan yeroo Saaʼol mootii keenya turetti, namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture. Waaqayyos, ‘Situ saba koo Israaʼelin tiksa; bulchaa isaaniis ni taata’ siin jedhee ture.”
ויבאו כל זקני ישראל אל המלך חברונה ויכרת להם המלך דוד ברית בחברון לפני יהוה וימשחו את דוד למלך על ישראל׃ 3
Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit mooticha bira dhufanitti mootichi Kebroonitti fuula Waaqayyoo duratti isaan wajjin kakuu gale; isaanis Daawitin dibanii Israaʼel irratti mootii isa godhan.
בן שלשים שנה דוד במלכו ארבעים שנה מלך׃ 4
Daawit yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa soddoma ture; innis waggaa afurtama bulche.
בחברון מלך על יהודה שבע שנים וששה חדשים ובירושלם מלך שלשים ושלש שנה על כל ישראל ויהודה׃ 5
Kebroon keessatti waggaa torbaa fi jiʼa jaʼa Yihuudaa irratti mootii ture; Yerusaalem keessatti immoo waggaa soddomii sadii guutummaa Israaʼelii fi Yihuudaa irratti mootii taʼe.
וילך המלך ואנשיו ירושלם אל היבסי יושב הארץ ויאמר לדוד לאמר לא תבוא הנה כי אם הסירך העורים והפסחים לאמר לא יבוא דוד הנה׃ 6
Mootichii fi namoonni isaa Yebuusota achi jiraatan loluuf gara Yerusaalemitti ni qajeelan. Yebuusonnis Daawitiin, “Ati as hin seentu; jaamaa fi naafni iyyuu of irraa si deebisu” jedhan. Isaan, “Daawit as seenuu hin dandaʼu” jedhanii yaadan.
וילכד דוד את מצדת ציון היא עיר דוד׃ 7
Taʼus Daawit daʼannoo Xiyoon Magaalaa Daawit ni qabate.
ויאמר דוד ביום ההוא כל מכה יבסי ויגע בצנור ואת הפסחים ואת העורים שנאו נפש דוד על כן יאמרו עור ופסח לא יבוא אל הבית׃ 8
Daawitis gaafas, “Namni Yebuusota dhaʼuuf baʼu kam iyyuu, ‘naafotaa fi jaamota’ lubbuu Daawitiin jibbaman bira gaʼuuf karaa boʼoo bishaaniitiin darbuu qaba” jedhe. Sababiin isaan, “‘Jaamonnii fi naafonni’ masaraa mootii hin seenan” jedhaniif kanuma.
וישב דוד במצדה ויקרא לה עיר דוד ויבן דוד סביב מן המלוא וביתה׃ 9
Daawitis iddoo jireenya isaa daʼannoo sana godhatee Magaalaa Daawit jedhee moggaase. Inni Miiloodhaa jalqabee naannoo ishee marsee ijaare.
וילך דוד הלוך וגדול ויהוה אלהי צבאות עמו׃ 10
Innis sababii Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu isa wajjin tureef yeruma yeroon jabaachaa dhufe.
וישלח חירם מלך צר מלאכים אל דוד ועצי ארזים וחרשי עץ וחרשי אבן קיר ויבנו בית לדוד׃ 11
Yeroo kanatti Hiiraam mootiin Xiiroos ergamoota wajjin muka birbirsaa, namoota muka soofanii fi warra dhagaa soofan gara Daawit erge; isaanis Daawitiif masaraa ijaaran.
וידע דוד כי הכינו יהוה למלך על ישראל וכי נשא ממלכתו בעבור עמו ישראל׃ 12
Daawitis akka Waaqayyo saba Israaʼel irratti mootii godhee jabeessee isa dhaabee fi akka saba Israaʼeliif jedhee mootummaa isaa guddiseef ni beeke.
ויקח דוד עוד פלגשים ונשים מירושלם אחרי באו מחברון ויולדו עוד לדוד בנים ובנות׃ 13
Daawitis erga Kebroonii baʼee booddee saajjatoowwanii fi niitota biraa Yerusaalem keessatti fuudhe; ilmaanii fi intallan dabalataa dhalataniif.
ואלה שמות הילדים לו בירושלם שמוע ושובב ונתן ושלמה׃ 14
Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Solomoon,
ויבחר ואלישוע ונפג ויפיע׃ 15
Yibehaar, Eliishuuwaa, Nefeg, Yaafiiyaa,
ואלישמע ואלידע ואליפלט׃ 16
Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu.
וישמעו פלשתים כי משחו את דוד למלך על ישראל ויעלו כל פלשתים לבקש את דוד וישמע דוד וירד אל המצודה׃ 17
Filisxeemonni yommuu akka Daawit dibamee Israaʼel irratti mootii taʼe dhagaʼanitti, humna guutuudhaan isa barbaacha ol baʼan; Daawit garuu waan kana dhagaʼee gara daʼannoo jabaatti gad buʼe.
ופלשתים באו וינטשו בעמק רפאים׃ 18
Yeroo kanatti Filisxeemonni dhufanii Sulula Refaayim keessa faffacaʼan;
וישאל דוד ביהוה לאמר האעלה אל פלשתים התתנם בידי ויאמר יהוה אל דוד עלה כי נתן אתן את הפלשתים בידך׃ 19
kanaafuu Daawit, “Ani baʼee Filisxeemota dhaʼuu? Ati dabarsitee harka kootti isaan kennitaa?” jedhee Waaqayyoon gaafate. Waaqayyos, “Baʼi; ani dhugumaan Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii” jedhee deebiseef.
ויבא דוד בבעל פרצים ויכם שם דוד ויאמר פרץ יהוה את איבי לפני כפרץ מים על כן קרא שם המקום ההוא בעל פרצים׃ 20
Kanaafuu Daawit gara Baʼaal Pheraaziim dhaqe; achittis isaan moʼate. Innis, “Akkuma bishaan mana isaa cabsee yaaʼu sana Waaqayyo fuula koo duratti diinota koo cabsee baʼeera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun Baʼaal Pheraaziim jedhamee waamame.
ויעזבו שם את עצביהם וישאם דוד ואנשיו׃ 21
Filisxeemonni waaqota isaanii tolfamoo achitti dhiisanii baqatan; Daawitii fi namoonni isaa immoo isaan fuudhanii deeman.
ויספו עוד פלשתים לעלות וינטשו בעמק רפאים׃ 22
Filisxeemonni amma illee dhufanii Sulula Refaayim keessa faffacaʼan;
וישאל דוד ביהוה ויאמר לא תעלה הסב אל אחריהם ובאת להם ממול בכאים׃ 23
kanaafuu Daawit Waaqayyoon gaafate; Waaqayyos akkana jedheen; “Kallattiidhaan itti hin baʼin; garuu duubaan isaan marsiitii muka qilxuu duratti isaan waraani.
ויהי בשמעך את קול צעדה בראשי הבכאים אז תחרץ כי אז יצא יהוה לפניך להכות במחנה פלשתים׃ 24
Akkuma fiixee muka qilxuu irraan sagalee duulaa dhageesseen dafiitii baʼi; Waaqayyo loltoota Filisxeem dhaʼuudhaaf si dura baʼeera jechuudhaatii.”
ויעש דוד כן כאשר צוהו יהוה ויך את פלשתים מגבע עד באך גזר׃ 25
Kanaafuu Daawit akkuma Waaqayyo isa ajaje sana Gibeʼoon jalqabee hamma Geeziritti Filisxeemota dhaʼe.

< שמואל ב 5 >