< הַשֵּׁנִית לְיוֹחָנָן 1 >

הזקן אל הגבירה הבחירה ואל בניה אשר אני אהב אתם באמת ולא אני לבדי כי אם גם כל ידעי האמת׃ 1
Jaarsicha irraa, Gara giiftii filatamtuu fi ijoollee ishee, warra ani dhugaadhaan jaalladhu, warra ana qofa utuu hin taʼin warri dhugaa beekan hundi akkasuma jaallataniitti;
למען האמת העמדת בקרבנו וגם תהיה עמנו לעולם׃ (aiōn g165) 2
kunis sababii dhugaa nu keessa jiraatuu fi isa bara baraan nu wajjin jiraatu sanaatiif: (aiōn g165)
יהי עמכם חסד ורחמים ושלום מאת האלהים אבינו ומאת אדנינו ישוע המשיח בן האב באמת ובאהבה׃ 3
Ayyaanni, araarrii fi nagaan Waaqa Abbaa biraa, Yesuus Kiristoos Ilma Abbaa biraas, dhugaa fi jaalalaan nu wajjin ni taʼa.
שמחתי למאד כי מצאתי מבניך מתהלכים באמת כמצוה אשר קבלנו מאת האב׃ 4
Ani waan ijoollee kee keessaa tokko tokko akka isaan akkuma Abbaan nu ajajetti dhugaan jiraatan argeef baayʼee gammadeera.
ועתה מבקש אני ממך הגבירה ולא ככתב אליך מצוה חדשה כי אם את אשר היתה לנו מראש לאהבה איש את רעהו׃ 5
Ammas yaa giiftii jaallatamtuu, ani ajaja durumaa jalqabee nuuf kenname sana malee ajaja haaraa siif barreessuutti hin jiru. Akka wal jaallannuufis sin kadhadha.
וזאת היא האהבה אשר נתהלך במצותיו זאת היא המצוה אשר שמעתם מראש להתהלך בה׃ 6
Jaalallis kana: kunis ajaja isaa eegnee jiraachuu dha. Akkuma isin durumaa jalqabdanii dhageessan sana ajajni isaa akka isin jaalalaan jiraattanii dha.
כי מתעים רבים באו לעולם אשר אינם מודים בישוע המשיח כי בא בבשר זה הוא המתעה וצר המשיח׃ 7
Gowwoomsitoonni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe hin amanne hedduun addunyaa seenaniiru. Namni akkanaa kam iyyuu gowwoomsituu fi farra Kiristoos.
השמרו לכם פן תאבד ממנו פעלתנו כי אם נקח משכרתנו שלמה׃ 8
Isin akka gatii guutuu argattan malee akka waan hojjettan sana hin dhabneef of eeggadhaa.
כל העבר על תורת המשיח ואיננו עמד בה אין לו אלהים והעמד בתורת המשיח יש לו גם האב גם הבן׃ 9
Namni barsiisa Kiristoosiin hin jiraanne kan barsiisa sana keessaa baʼu kam iyyuu Waaqa hin qabu; namni barsiisa Kiristoosiin jiraatu hundinuu immoo Abbaas Ilmas qaba.
כל הבא אליכם ולא יביא את התורה הזאת לא תאספו אתו הביתה ולא תשאלו לו לשלום׃ 10
Isin yoo namni kam iyyuu gara keessan dhufee garuu barsiisa kana hin fidin, mana keessanitti ol isa hin galchinaa yookaan isa hin simatinaa.
כי השאל בשלומו הוא משתתף במעשיו הרעים׃ 11
Namni isa simatu kam iyyuu hojii isaa hamaa sana keessatti qooda qabaataatii.
הרבה לי לכתב אליכם ולא חפצתי בניר ובדיו כי אקוה לבוא אליכם ולדבר פה אל פה למען תהיה שמחתנו שלמה׃ 12
Ani waanan isiniif barreessu baayʼee qaba; taʼus waraqaa fi qalamiitti fayyadamuu hin barbaadu. Qooda kanaa akka gammachuun keenya guutuu taʼuuf ani gara keessan dhufee ifaan ifatti haasofnu abdiin qaba.
בני אחותך הבחירה שאלים לשלומך אמן׃ 13
Ijoolleen obboleettii kee kan filatamte sanaas nagaa siif dhaamu.

< הַשֵּׁנִית לְיוֹחָנָן 1 >