< 1 סלוניס 5 >
ועל דבר העתים והזמנים אין צרך לכתב אליכם אחי׃ | 1 |
Egaa yaa obboloota, waaʼee barootaatii fi waaʼee waqtiilee waan tokko iyyuu isinii barreessuu nu hin barbaachisu;
הלא אף אתם ידעתם היטב כי יום יהוה כגנב בלילה כן בוא יבוא׃ | 2 |
akka guyyaan Gooftaa akkuma hattuutti halkaniin dhufu isinuu sirriitti beektuutii.
כי בעת אמרם שלום ושלוה יבא עליהם השבר פתאם כחבלים על ההרה ולא יוכלו להמלט׃ | 3 |
Utuma namoonni, “Nagaa dha; qabbanas” jedhanuu akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufu badiisni akka tasaa isaanitti dhufa; jalaas hin baʼan.
אבל אתם אחי אינכם בחשך שישיג אתכם היום כגנב׃ | 4 |
Isin garuu yaa obboloota, akka guyyaan sun akkuma hattuutti isinitti hin dhufneef isin warra dukkana keessa jirtan miti.
אתם כלכם בני האור ובני היום לא בני הלילה אנחנו ולא בני החשך׃ | 5 |
Isin hundi ijoollee ifaa ti; ijoollee guyyaatis. Nu warra halkanii yookaan warra dukkanaa miti.
לכן אל נא נרדם כמו האחרים כי אם נשקד וננזר׃ | 6 |
Egaa kottaa nu akka warra kaanii hin rafnuu; qooda kanaa kottaa ni dammaqnaa; of qabnas.
כי הנרדמים הם בלילה נרדמים והמשתכרים משתכרים בלילה׃ | 7 |
Warri rafan halkaniin rafuutii; warri machaaʼanis halkaniin machaaʼu.
ואנחנו בני היום ננזרה נא ונלבש את שריון האמונה והאהבה וככובע את תקות הישועה׃ | 8 |
Nu garuu waan warra guyyaa taaneef kottaa amantii fi jaalala akka qomee sibiilaatti uffannee, abdii fayyinaa immoo akka qoobii sibiilaatti kaaʼannee of qabnaa.
יען אשר לא יעדנו האלהים לחרון כי אם לנחל את הישועה על ידי אדנינו ישוע המשיח׃ | 9 |
Waaqni akka nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin fayyina argannuuf malee dheekkamsaaf nu hin filanneetii.
אשר מת בעדנו למען אם נשקד ואם נישן חיה נחיה עמו יחד׃ | 10 |
Nu yoo dammaqne yookaan yoo rafne akka isa wajjin tokkummaan jiraannuuf inni nuuf duʼe.
על כן נחמו זה את זה ובנו איש את אחיו כאשר גם עשיתם׃ | 11 |
Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas.
והננו מבקשים מכם אחי להכיר את העמלים בכם ואשר הם נצבים עליכם באדון ומוכיחים אתכם׃ | 12 |
Egaa yaa obboloota, nu akka isin warra gidduu keessanitti cimanii hojjetan, kanneen karaa Gooftaatiin isin hooggananii fi isin gorsan sana kabajjan isin kadhanna.
אשר תנהגו בם כבוד עד למעלה באהבה למען פעלתם ויהי שלום ביניכם׃ | 13 |
Sababii hojii isaaniitiifis jaalalaan ulfina guddaa isaaniif kennaa. Nagaadhaanis walii wajjin jiraadhaa.
והננו מזהירים אתכם אחי הוכיחו את הסוררים אמצו את רכי הלבב תמכו את החלשים והאריכו רוח אל כל אדם׃ | 14 |
Yaa obboloota, nu akka isin warra hojii hojjechuu hin jaallanne akeekkachiiftan, sodaattota jajjabeessitan, dadhaboo gargaartan, akka nama hundumaafis obsitan isin gorsina.
וראו פן ישלם איש לאיש רעה תחת רעה כי אם רדפו בכל עת את הטוב הן לאיש איש מכם הן לכל אדם׃ | 15 |
Akka namni tokko iyyuu waan hamaaf deebii hamaa hin deebifne of eeggadhaa; qooda kanaa yeroo hunda waliif, nama hundaafis waan gaarii gochuuf carraaqaa.
utuu gargar hin kutin kadhadhaa.
הודו על הכל כי זה רצון האלהים אליכם במשיח ישוע׃ | 18 |
Haala hundumaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; fedhiin Waaqni Kiristoos Yesuusitti isiniif qabu kanaatii.
בחנו כל דבר ובטוב אחזו׃ | 21 |
waan hunda qoraa. Isa gaarii jabeessaatii qabadhaa.
Hammina gosa hundumaa irraa fagaadhaa.
והוא אלהי השלום יקדש אתכם קדשה שלמה וכל רוחכם ונפשכם וגופכם ישמר תמים בבוא אדנינו ישוע המשיח׃ | 23 |
Waaqni mataan isaa, Waaqni nagaa guutumaan guutuutti isin haa qulqulleessu. Hafuurri keessan, lubbuun keessanii fi dhagni keessan guutuun guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti mudaa irraa haa eegaman.
נאמן הקורא אתכם אשר גם יעשה׃ | 24 |
Inni isin waamu sun amanamaa dha; waan kanas ni godha.
Yaa obboloota, nuufis kadhadhaa.
שאלו לשלום כל האחים בנשיקה הקדשה׃ | 26 |
Dhungoo qulqulluudhaanis obboloota hunda nagaa gaafadhaa.
הנני משביעכם באדון שתקרא האגרת הזאת באזני כל האחים הקדשים׃ | 27 |
Ani akka xalayaan kun obboloota hundaaf dubbifamu fuula Gooftaa duratti isin ajaja.
חסד ישוע המשיח אדנינו עמכם אמן׃ | 28 |
Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isin wajjin haa taʼu.