< הָרִאשׁוֹנָה לְפֶטְרוֹס 1 >
פטרוס שליח ישוע המשיח אל תושבי תפוצות פנטוס גלטיא קפודקיא אסיא וביתוניא׃ | 1 |
Phexros ergamaa Yesuus Kiristoos irraa, Gara filatamtoota Phonxoos, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Asiyaa fi Biitaaniyaa keessa bibittinnaaʼan
הנבחרים מקדם כפי דעת אלהים האב בקדוש הרוח אל משמעת ישוע המשיח ואל הזית דמו חסד ושלום למכביר יהיו לכם׃ | 2 |
kanneen akka beekumsa Waaqa Abbaatti, karaa hojii qulqulleessuu Hafuuraatiin, akka Yesuus Kiristoosiif ajajamanii fi akka dhiigni isaa isaanitti facaafamuuf filatamaniitti: Ayyaannii fi nagaan isiniif haa baayʼatu.
ברוך האלהים אבי אדנינו ישוע המשיח אשר כרב רחמיו שב והוליד אתנו לתקוה חיה בהקמת ישוע המשיח מעם המתים׃ | 3 |
Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche;
לנחלה אשר לא תשחת ולא תגאל ולא תבל הצפונה בשמים לכם׃ | 4 |
akkasumas dhaala hin badne, kan hin xuroofne yookaan hin geeddaramnetti nu galche; dhaalli kunis samii keessa isinii kaaʼameera;
הנשמרים בעז אלהים על יד האמונה לתשועה העתידה להגלות בעת קץ׃ | 5 |
isin warra karaa amantiitiin hamma fayyina bara dhumaatti mulʼachuudhaaf qophaaʼe sanaatti humna Waaqaatiin eegamtanii dha.
אשר בה תגילו אתם המתעצבים עתה מעט לפי הצרך במסת שנות׃ | 6 |
Isinis yoo amma yeroo gabaabaaf qorumsa gosa garaa garaa keessa darbuu qabaattan iyyuu waan kanaan akka malee gammaddan.
למען תמצא אמונתכם המזקקה יקרה הרבה מן הזהב האבד הצרוף באש לתהלה ולכבוד ולתפארת בהתגלות ישוע המשיח׃ | 7 |
Wanni kunis akka amantiin keessan kan warqee yoo ibiddaan qulqulleeffame iyyuu badu sana caalu sun dhugaa taʼuun isaa mirkaneeffamee, yeroo itti Yesuus Kiristoos mulʼatutti galata, ulfinaa fi kabaja fiduuf taʼe.
אשר אהבתם ולא ראיתם ואשר עתה תאמינו בו בלא ראות אתו ובכן תגילו בשמחה מפארה עצמה מספר׃ | 8 |
Isin utuu isa hin argin isa jaallattu; amma yoo isa arguu baattan iyyuu isatti amantu; gammachuu ibsamuu hin dandeenyee fi ulfina qabeessaanis guutamtaniirtu;
בקחתכם עקב אמונתכם תשועה לנפשתיכם׃ | 9 |
isin buʼaa amantii keessanii jechuunis fayyina lubbuu keessanii argachaa jirtuutii.
את התשועה אשר עליה חקרו ודרשו הנביאים הנבאים על החסד השמור לכם׃ | 10 |
Raajonni waaʼee ayyaana isinii kennamuuf jiru sanaa dubbatan sun itti jabaatanii waaʼee fayyina kanaa qorachaa, iyyaafachaas turan;
בחקרם לדעת מתי ואיך תהיה העת אשר הודיעה רוח המשיח אשר בקרבם בהגידו מראש את ענויי המשיח ואת הגדלות אשר אחריהם׃ | 11 |
isaanis yommuu Hafuurri Kiristoos inni isaan keessa ture sun waaʼee dhiphina Kiristoosiitii fi waaʼee ulfina itti aanu sanaa duraan dursee dubbatetti yoomii fi haala akkamii keessa akka taʼu beekuuf yaalaa turan.
ונגלה להם כי לא לפנשם כי אם לנו שרתו בדברים ההם אשר הגד לכם עתה על פי המבשרים אתכם ברוח הקדש השלוח משמים דברים אשר מלאכי אלהים חמדו להשקיף אל תוכם׃ | 12 |
Namoonni Hafuura Qulqulluu isa samiidhaa ergameen wangeela isinitti lallaban sun waan amma isinitti himan keessatti utuu ofii isaanii hin taʼin isin akka tajaajilan ifa ni taʼeef; waan kana ergamoonni iyyuu gad fageenyaan arguu hawwu.
לכן חגרו מתני שכלכם התעוררו וקוו קוה לחסד אשר יבואכם בהתגלות ישוע המשיח׃ | 13 |
Kanaafuu mudhii qalbii keessanii hidhadhaa; warra of qaban taʼaa; abdii keessanis guutumaan guutuutti ayyaana yeroo Yesuus Kiristoos mulʼatutti isinii kennamu sana irra kaaʼadhaa.
כבני משמעת אל תתנהגו בתאות אשר התאויתם בעוד היותכם בבלי דעת׃ | 14 |
Akka ijoollee ajajamanii taʼaa malee hawwii hamaa bara wallaalummaa keessanii sana duukaa hin buʼinaa.
כי אם היו קדשים בכל דרכיכם כאשר קדוש הוא אשר קרא אתכם׃ | 15 |
Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu taʼe, isinis waan hojjetan hundumaan qulqulloota taʼaa;
כי על כן כתוב והייתם קדשים כי קדוש אני׃ | 16 |
“Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa” jedhamee barreeffameeraatii.
ואם אב תקראו לאלהים השפט בבלי משא פנים כפי מעללי איש ואיש התהלכו נא ביראה בימי מגוריכם׃ | 17 |
Isin erga isa utuu wal hin caalchisin nama hunda akkuma hojii isaatti itti muru sana “Abbaa” jettanii waammattanii bara keessummummaa keessan isa sodaachaa jiraadhaa.
מדעתכם כי לא בדבר נפסד בכסף או בזהב נפדיתם מדרך הבלכם אשר הנחלתם מאת אבותיכם׃ | 18 |
Isin akka jireenya faayidaa hin qabne kan abbootii keessan irraa dhaaltan irraa waan baduu dandaʼu kan akka meetiitii fi warqeetiin hin furamin beektuutii.
כי אם בדם יקר של שה תמים ומום אין בו בדם המשיח׃ | 19 |
Garuu dhiiga gatii guddaa qabu, dhiiga Kiristoos jechuunis hoolaa mudaa yookaan hanqina hin qabne sanaatiin furamtaniirtu.
הנודע מראש לפני מוסדות תבל ונגלה באחרית הימים למענכם׃ | 20 |
Inni utuu addunyaan hin uumamin duraan dursee beekame; garuu isiniif jedhee bara dhumaa kana keessa mulʼate.
המאמינים על פיו באלהים אשר הקים אתו מעם המתים ויתן לו כבוד למען היות אמונתכם גם תקוה לאלהים׃ | 21 |
Isinis karaa isaatiin Waaqa warra duʼan keessaa isa kaasee ulfina isaaf kenne sanatti amantu; kunis akka amantii fi abdiin keessan Waaqayyo taʼuuf.
זכו את נפשתיכם על ידי הרוח בשמעכם בקול האמת לאהבת אחים בלא חנפה ואהבתם איש את רעהו אהבה חזקה בלב טהור׃ | 22 |
Egaa isin waan akka obboloota keessaniif jaalala dhugaa qabaattaniif jettanii dhugaadhaaf ajajamuun of qulqulleessitaniif, cimsaatii garaa qulqulluudhaan wal jaalladhaa.
כנולדים מחדש לא מזרע נשחת כי אם מזרע לא ישחת במאמר אלהים החי והקים לעולם׃ (aiōn ) | 23 |
Isin karaa dubbii Waaqaa isa jiraatuu fi cimee dhaabatu sanaatiin sanyii hin badne irraa lammata dhalattan malee sanyii badu irraa miti. (aiōn )
כי כל בשר חציר וכל כבוד איש כציץ השדה יבש חציר נבל ציץ׃ | 24 |
“Foon hundi akkuma margaa ti; ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa margaa ti; margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;
ודבר יהוה יקום לעולם וזה הוא הדבר אשר בשר לכם׃ (aiōn ) | 25 |
dubbiin Gooftaa garuu bara baraan ni jiraata.” Dubbiin kunis wangeela isinitti lallabame sana. (aiōn )