< מלכים א 11 >

והמלך שלמה אהב נשים נכריות רבות ואת בת פרעה מואביות עמניות אדמית צדנית חתית׃ 1
Solomoon Mootichi garuu intala Faraʼoon irratti dubartoota biyya ormaa hedduu jaallate; isaanis Moʼaabota, Amoonota, Edoomota, Siidoonotaa fi Heetota turan.
מן הגוים אשר אמר יהוה אל בני ישראל לא תבאו בהם והם לא יבאו בכם אכן יטו את לבבכם אחרי אלהיהם בהם דבק שלמה לאהבה׃ 2
Jarri kunneen saboota Waaqayyo, “Sababii isaan dhugumaan garaa keessan gara waaqota ofii isaaniitti garagalchaniif isin fuudhaa fi heerumaan jaratti hin makaminaa” jedhee waaʼee isaanii Israaʼelootatti dubbatee turee dha. Taʼus Solomoon jaalalaan isaanitti hidhame.
ויהי לו נשים שרות שבע מאות ופלגשים שלש מאות ויטו נשיו את לבו׃ 3
Innis niitota maatii moototaa keessaa dhalatan dhibba torbaa fi saajjatoowwan dhibba sadii qaba ture; niitonni isaa kunneenis karaa irraa isa balleessan.
ויהי לעת זקנת שלמה נשיו הטו את לבבו אחרי אלהים אחרים ולא היה לבבו שלם עם יהוה אלהיו כלבב דויד אביו׃ 4
Akkuma Solomoon umuriidhaan dulloomaa deemeen niitonni garaa isaa gara waaqota biraatti garagalchan; garaan isaas akka garaan abbaa isaa Daawit ture sana guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa isaatiif hin kennamne.
וילך שלמה אחרי עשתרת אלהי צדנים ואחרי מלכם שקץ עמנים׃ 5
Innis Ashtooreti waaqittii Siidoonotaatii fi Moolek waaqicha Amoonotaa jibbisiisaa sana duukaa buʼe.
ויעש שלמה הרע בעיני יהוה ולא מלא אחרי יהוה כדוד אביו׃ 6
Solomoonis akkasiin fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; inni akka Daawit abbaan isaa hojjete sana guutumaan guutuutti Waaqayyo duukaa hin buune.
אז יבנה שלמה במה לכמוש שקץ מואב בהר אשר על פני ירושלם ולמלך שקץ בני עמון׃ 7
Solomoonis gaara Yerusaalemiin gara baʼa biiftuu jirtu tokko irratti Kemoosh Waaqa Moʼaab jibbisiisaa fi Moolek Waaqa Amoon jibbisiisaa sanaaf iddoo sagadaa ijaare.
וכן עשה לכל נשיו הנכריות מקטירות ומזבחות לאלהיהן׃ 8
Inni akka isaan ixaana aarsanii waaqota isaaniitiif aarsaa dhiʼeessaniifis niitota isaa kanneen biyya ormaatii fuudhe hundumaaf iyyuu akkasuma godhe.
ויתאנף יהוה בשלמה כי נטה לבבו מעם יהוה אלהי ישראל הנראה אליו פעמים׃ 9
Waaqayyos sababii garaan Solomoon Waaqayyo Waaqa Israaʼel kan yeroo lama isatti mulʼate sana irraa goreef isatti aare.
וצוה אליו על הדבר הזה לבלתי לכת אחרי אלהים אחרים ולא שמר את אשר צוה יהוה׃ 10
Waaqni akka Solomoon waaqota biraa duukaa hin buune isa dhowwu iyyuu, Solomoon ajaja Waaqayyoo hin eegne.
ויאמר יהוה לשלמה יען אשר היתה זאת עמך ולא שמרת בריתי וחקתי אשר צויתי עליך קרע אקרע את הממלכה מעליך ונתתיה לעבדך׃ 11
Kanaafuu Waaqayyo Solomooniin akkana jedhe; “Sababii yaadni kee akkana taʼee, atis kakuu fi seera ani siif kenne sana hin eeginiif, ani dhugumaan mootummaa sirraa baqaqsee tajaajilaa keetiif nan kenna.
אך בימיך לא אעשנה למען דוד אביך מיד בנך אקרענה׃ 12
Taʼus ani sababii abbaa kee Daawitiif jedhee waan kana bara jireenya keetii keessa hin godhu. Harka ilma keetii keessaa mootummaa kana nan baqaqsa.
רק את כל הממלכה לא אקרע שבט אחד אתן לבנך למען דוד עבדי ולמען ירושלם אשר בחרתי׃ 13
Taʼus ani mootummaa sana guutumaan guutuutti isa irraa hin baqaqsu; garuu ani sababii garbicha koo Daawitii fi sababii Yerusaalem ishee ani filadhe sanaatiif jedhee gosa tokko ilma keetiif nan kenna.”
ויקם יהוה שטן לשלמה את הדד האדמי מזרע המלך הוא באדום׃ 14
Waaqayyo diina tokko namicha Hadaad jedhamu kan gosa Edoom namicha sanyii moototaa tokko Solomoonitti kaase.
ויהי בהיות דוד את אדום בעלות יואב שר הצבא לקבר את החללים ויך כל זכר באדום׃ 15
Duraan yeroo Daawit Edoomiin wal lolaa turetti, Yooʼaab ajajaan loltootaa kan warra duʼe awwaaluu dhaqe sun namoota Edoom hunda barbadeesse.
כי ששת חדשים ישב שם יואב וכל ישראל עד הכרית כל זכר באדום׃ 16
Yooʼaabii fi Israaʼeloonni hundinuu hamma namoota Edoom keessa jiraatan hunda fixanitti jiʼa jaʼa achi turan.
ויברח אדד הוא ואנשים אדמיים מעבדי אביו אתו לבוא מצרים והדד נער קטן׃ 17
Hadaad garuu yeroo sana mucaa xinnaa ture; innis qondaaltota Edoom kanneen abbaa isaa tajaajilaa turan wajjin Gibxitti baqate.
ויקמו ממדין ויבאו פארן ויקחו אנשים עמם מפארן ויבאו מצרים אל פרעה מלך מצרים ויתן לו בית ולחם אמר לו וארץ נתן לו׃ 18
Isaanis Midiyaanii kaʼanii Phaaraan dhaqan. Phaaraan keessaas namoota fudhatanii gara mooticha Gibxi, gara Faraʼoon dhaqan; Faraʼoonis mana, lafa inni qubatuu fi nyaata Hadaadiif kenne.
וימצא הדד חן בעיני פרעה מאד ויתן לו אשה את אחות אשתו אחות תחפניס הגבירה׃ 19
Faraʼoon akka malee Hadaaditti gammadee obboleettii niitii isaa, obboleettii Tahifenees Mootittii isatti heerumsiise.
ותלד לו אחות תחפניס את גנבת בנו ותגמלהו תחפנס בתוך בית פרעה ויהי גנבת בית פרעה בתוך בני פרעה׃ 20
Obboleettiin Tahifenees sunis ilma Geenbaat jedhamu tokko deesseef; Taahefenee mucaa sana fuutee masaraa mootummaa keessatti guddifte. Genubatis ijoollee Faraʼoon wajjin achi jiraate.
והדד שמע במצרים כי שכב דוד עם אבתיו וכי מת יואב שר הצבא ויאמר הדד אל פרעה שלחני ואלך אל ארצי׃ 21
Hadaad utuu biyya Gibxi keessa jiruu akka Daawit abbootii ofii isaa wajjin boqotee fi akka Yooʼaab ajajaan loltootaa sunis duʼe ni dhagaʼe. Hadaadis Faraʼooniin, “Akka ani biyya kootti deebiʼuuf naa eeyyami” jedhe.
ויאמר לו פרעה כי מה אתה חסר עמי והנך מבקש ללכת אל ארצך ויאמר לא כי שלח תשלחני׃ 22
Faraʼoon immoo, “Ati maal asii dhabdee biyya keetti deebiʼuu feeta?” jedhee isa gaafate. Hadaadis deebisee, “Homaa hin dhabne; garuu akka ani dhaqu naa eeyyami!” jedheen.
ויקם אלהים לו שטן את רזון בן אלידע אשר ברח מאת הדדעזר מלך צובה אדניו׃ 23
Waaqni amma illee diina biraa Rezoon ilma Eliyaadaa namicha gooftaa isaa Hadaadezer mootichaa Zoobaa jalaa baqate sana Solomoonitti kaase.
ויקבץ עליו אנשים ויהי שר גדוד בהרג דוד אתם וילכו דמשק וישבו בה וימלכו בדמשק׃ 24
Innis yeroo Daawit loltoota Suubaa barbadeessetti namoota of biratti walitti qabatee hoogganaa tuuta finciltootaa taʼe; finciltoonni sunis Damaasqoo dhaqanii achi jiraatan; isas achitti mootii godhatan.
ויהי שטן לישראל כל ימי שלמה ואת הרעה אשר הדד ויקץ בישראל וימלך על ארם׃ 25
Reezoon rakkina Hadaad fide sanatti dabalee bara jireenya Solomoon hunda diina Israaʼel ture. Reezoon bulchaa Sooriyaa ture; Israaʼelinis akka malee jibbaa ture.
וירבעם בן נבט אפרתי מן הצרדה ושם אמו צרועה אשה אלמנה עבד לשלמה וירם יד במלך׃ 26
Yerobiʼaam ilmi Nebaat mootichatti fincile. Innis qondaaltota Solomoon keessaa nama tokko ture; inni nama gosa Efraataa kan Zereedaadhaa dhufe ture; haati isaa immoo niitii dhirsa hin qabne kan Zeruwaa jedhamtu turte.
וזה הדבר אשר הרים יד במלך שלמה בנה את המלוא סגר את פרץ עיר דוד אביו׃ 27
Sababiin inni ittiin mootichatti kaʼes kanaa dha: Solomoonis Miiloo ijaaree dallaa magaalaa abbaa isaa Daawit deebisee haaromse.
והאיש ירבעם גבור חיל וירא שלמה את הנער כי עשה מלאכה הוא ויפקד אתו לכל סבל בית יוסף׃ 28
Yerobiʼaam goota cimaa ture; Solomoonis akka dargaggeessi sun jabaatee hojii isaa hojjetu arginaan itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa kan mana Yoosef hundaa isa godhe.
ויהי בעת ההיא וירבעם יצא מירושלם וימצא אתו אחיה השילני הנביא בדרך והוא מתכסה בשלמה חדשה ושניהם לבדם בשדה׃ 29
Gaaf tokko utuu Yerobiʼaam Yerusaalem keessaa baʼaa jiruu Ahiiyaan raajichi Shiiloo kaabbaa haaraa uffatee isatti dhufe. Isaan lachuu kophuma isaanii ala turan;
ויתפש אחיה בשלמה החדשה אשר עליו ויקרעה שנים עשר קרעים׃ 30
Ahiiyaan kaabbaa haaraa uffate sana fuudhee iddoo kudha lamatti gargari tarsaase.
ויאמר לירבעם קח לך עשרה קרעים כי כה אמר יהוה אלהי ישראל הנני קרע את הממלכה מיד שלמה ונתתי לך את עשרה השבטים׃ 31
Ergasiis Yerobiʼaamiin akkana jedhe; “Qooda kudhan ofii keetii fudhadhu; Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii; ‘Kunoo ani harka Solomooniitii mootummaa baqaqsee gosa kudhan siifin kenna.
והשבט האחד יהיה לו למען עבדי דוד ולמען ירושלם העיר אשר בחרתי בה מכל שבטי ישראל׃ 32
Garuu sababii garbicha koo Daawitii fi sababii magaalaa Yerusaalem kan ani gosa Israaʼel hunda keessaa filadhe sanaatiif inni gosa tokko ni argata.
יען אשר עזבוני וישתחוו לעשתרת אלהי צדנין לכמוש אלהי מואב ולמלכם אלהי בני עמון ולא הלכו בדרכי לעשות הישר בעיני וחקתי ומשפטי כדוד אביו׃ 33
Ani sababii isaan na dhiisanii Ashtooreti waaqittii Siidoonotaa, Kemoosh waaqicha Moʼaabotaatii fi Moolek waaqicha Amoonotaa waaqeffatanii fi sababii isaan karaa koo irra hin deeminiif yookaan sababii waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe hin hojjetiniif yookaan sababii isaan akka Daawit abbaan Solomoon hojjete sana sirnaa fi seera koo hin eeginiif waan kana hojjedhe.
ולא אקח את כל הממלכה מידו כי נשיא אשתנו כל ימי חייו למען דוד עבדי אשר בחרתי אתו אשר שמר מצותי וחקתי׃ 34
“‘Ani garuu mootummaa sana guutumaan guutuutti harka Solomoonii hin fuudhu; ani sababii Daawit garbicha koo kan ani filadhe, kan ajaja koo fi sirna koo eege sanaatiif jedhee Solomoonin bara jireenya isaa guutuu bulchaa godheera.
ולקחתי המלוכה מיד בנו ונתתיה לך את עשרת השבטים׃ 35
Ani harka ilma isaatii mootummaa sana fuudhee gosa kudhan siifin kenna.
ולבנו אתן שבט אחד למען היות ניר לדויד עבדי כל הימים לפני בירושלם העיר אשר בחרתי לי לשום שמי שם׃ 36
Ani akka garbichi koo Daawit yeroo hunda Yerusaalem magaalaa ani Maqaa koo achi kaaʼachuuf filadhe sana keessatti fuula koo duratti ibsaa qabaatuuf jedhee gosa tokko ilma isaatiif nan kenna.
ואתך אקח ומלכת בכל אשר תאוה נפשך והיית מלך על ישראל׃ 37
Siʼi garuu ani nan fudhadha; atis waan garaan kee fedhu hunda ni bulchita; Israaʼel irratti mootii ni taata.
והיה אם תשמע את כל אשר אצוך והלכת בדרכי ועשית הישר בעיני לשמור חקותי ומצותי כאשר עשה דוד עבדי והייתי עמך ובניתי לך בית נאמן כאשר בניתי לדוד ונתתי לך את ישראל׃ 38
Yoo ati akkuma garbichi koo Daawit hojjete sana, waan ani si ajaju hunda hojjettee karaa koo irra deemte, yoo ati sirnaa fi ajaja koo eeguudhaan waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe hojjete, ani si wajjin nan taʼa. Anis mootummaa bulu kan akkan Daawitiif dhaabe sanaa siifis nan dhaaba; akkasumas Israaʼelin sitti nan kenna.
ואענה את זרע דוד למען זאת אך לא כל הימים׃ 39
Ani waan kanaaf jedhee sanyii Daawit nan dhiphisa; garuu bara baraanii miti.’”
ויבקש שלמה להמית את ירבעם ויקם ירבעם ויברח מצרים אל שישק מלך מצרים ויהי במצרים עד מות שלמה׃ 40
Solomoonis Yerobiʼaamin ajjeesuu yaale; Yerobiʼaam garuu gara Shiishaaq mooticha Gibxitti baqatee hamma Solomoon duʼutti achuma ture.
ויתר דברי שלמה וכל אשר עשה וחכמתו הלוא הם כתבים על ספר דברי שלמה׃ 41
Wanni bara mootummaa Solomoon keessa hojjetaman kan biraa, wanni inni hojjetee fi ogummaan isaa hundi kitaaba seenaa Solomoon keessatti barreeffamanii jiru mitii?
והימים אשר מלך שלמה בירושלם על כל ישראל ארבעים שנה׃ 42
Solomoon Yerusaalem keessatti mootii taʼee waggaa afurtama saba Israaʼel hunda ni bulche.
וישכב שלמה עם אבתיו ויקבר בעיר דוד אביו וימלך רחבעם בנו תחתיו׃ 43
Innis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa, magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Rehooboʼaam ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii ni taʼe.

< מלכים א 11 >