< מתיו 25 >

”אז תידמה מלכות השמים לסיפור על עשר עלמות, אשר לקחו את המנורות שלהן ויצאו לקבל את פני החתן. 1
“Yeroo sanatti mootummaan samii dubarran kudhan kanneen ibsaa isaanii fudhatanii misirricha simachuudhaaf gad baʼan fakkaata.
אולם רק חמש מהן היו חכמות ומילאו את מנורותיהן מראש בשמן. חמש האחרות היו טיפשות ולא מילאו מראש את המנורות. 2
Isaan keessaas shan gowwoota, shan immoo ogeeyyii turan.
3
Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee zayitii hin fudhanne.
4
Warri ogeeyyiin garuu ibsaa isaanii wajjin zayitii qodaatti qabatanii turan.
”מכיוון שהחתן איחר לבוא, שכבו העלמות לנוח. בחצות הלילה הן התעוררו לקול תרועה:’החתן בא! צאנה לקבל את פניו!‘ 5
Misirrichi sun turraan hundumti isaanii mugan; ni rafanis.
6
“Halkan walakkaattis sagaleen guddaan, ‘Kunoo, misirrichi dhufeera! Baʼaatii isa simadhaa!’ jedhu tokko dhagaʼame.
”כל הבחורות קמו מיד והיטיבו את המנורות. אלה שלא היה להן שמן ביקשו מעט מחברותיהן, כי מנורותיהן דעכו. 7
“Dubarri sun hundinuus kaʼanii ibsaa isaanii qopheeffatan.
8
Warri gowwoonni sun warra ogeeyyiidhaan, ‘Ibsaan keenya nu duraa dhaamuutti jiraatii zayitii keessan irraa xinnoo nuu kennaa’ jedhan.
”אולם הבחורות החכמות ענו:’אם ניתן לכן מעט שמן לא יישאר לנו מספיק. לכו לחנות לקנות לעצמכן‘. 9
“Warri ogeeyyiinis deebisanii, ‘Hin kenninu; tarii wanni nuu fi isin gaʼu hin jiru taʼaatii. Qooda kanaa warra gurguran bira dhaqaatii ofii keessaniif bitadhaa’ jedhaniin.
”אך בזמן שהן הלכו לקנות שמן בא החתן, ואלה שהיו מוכנות נכנסו איתו אל החתונה והדלת ננעלה. 10
“Garuu utuma isaan zayitii bitachuu dhaquutti jiranuu misirrichi dhufe. Dubarri qophaaʼanis isa wajjin galma cidha fuudhaatti ol galan. Balballis ni cufame.
”כשחזרו האחרות מאוחר יותר, הן עמדו בחוץ וקראו:’אדוננו, אדוננו, פתח לנו את הדלת!‘ 11
“Ergasii dubarran kaanis dhufanii, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, balbala nuuf bani!’ jedhaniin.
”אולם הוא השיב להן מבפנים:’אינני מכיר אתכן!‘ 12
“Inni garuu deebisee, ‘Dhuguman isinitti hima; ani isin hin beeku’ jedheen.
”משום כך היו ערים ומוכנים, כי אינכם יודעים באיזה יום ובאיזו שעה אחזור.“ 13
“Kanaafuu isin sababii guyyaa sana yookaan saʼaatii sana hin beekneef dammaqaa.
ישוע המשיך:”אפשר לתאר את מלכות השמים בעזרת הסיפור על אדם שנסע לארץ רחוקה. לפני נסיעתו הוא קרא למשרתיו והפקיד בידם סכומי כסף, כדי שישקיעו אותם למענו בזמן העדרו. 14
“Ammas mootummaan samii nama biyya fagoo dhaqu tokko fakkaata; namichis garboota isaa waamee qabeenya isaa imaanaa itti kennate.
הוא נתן לאחד 50,000 שקלים, לשני – 20,000 שקלים ולשלישי – 10,000 שקלים. הוא חילק את הכסף בהתאם לכישרונו של כל אחד ויצא לדרכו. 15
Tokkoo tokkoo isaaniittis akkuma dandeettii isaaniitti, isa tokkotti taalaantii shan, isa kaanitti taalaantii lama, isa kaanitti immoo taalaantii tokko kennee kaʼee deeme.
האיש שקיבל 50,000 שקלים החל מיד לקנות ולמכור, ותוך זמן קצר הרוויח עוד 50,000 שקלים. 16
Namichi taalaantii shan fudhate sun, yeroodhuma sana dhaqee ittiin daldalee taalaantii biraa shan irraa buufate.
גם האיש שקיבל 20,000 שקלים ניגש מיד לעבודה והרוויח עוד 20,000 שקלים. 17
Inni taalaantii lama fudhates akkasuma taalaantii biraa lama irraa buufate.
אך האיש שקיבל 10,000 שקלים חפר בור באדמה והטמין בתוכו את הכסף. 18
Namichi taalaantii tokko fudhate garuu dhaqee lafa qotee maallaqa gooftaa isaa dhokse.
”לאחר זמן רב חזר האדון ממסעו, וביקש ממשרתיו לתת דין וחשבון על הכסף שהפקיד בידם. 19
“Yeroo dheeraa booddee gooftaan garboota sanaa deebiʼee herrega isaan bira jiru herregate.
האיש שקיבל 50,000 שקלים החזיר לאדוניו 100,000 שקלים. 20
Namichi taalaantii shan fudhatee ture sun taalaantii biraa shan fidee, ‘Yaa gooftaa, ati taalaantii shan imaanaa natti kennitee turte. Ani immoo kunoo, taalaantii shan irraa buufadheera’ jedheen.
האדון שיבח אותו על עבודתו הטובה ואמר:’מאחר שהיית נאמן בסכום קטן, אתן לך עכשיו אחריות גדולה יותר. בוא והשתתף בשמחתי‘. 21
“Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen.
”אחריו בא האיש שקיבל 20,000 שקלים והצהיר:’אדוני, נתת לי 20,000 שקלים, ועכשיו אני מחזיר לך סכום כפול‘. 22
“Namichi taalaantii lama fudhatee tures dhufee, ‘Yaa gooftaa, ati taalaantii lama imaanaa natti kennitee turte; ani immoo kunoo, taalaantii biraa lama irraa buufadheera’ jedheen.
”’עבודה טובה‘, אמר לו האדון.’אתה משרת טוב ונאמן. מאחר שהיית נאמן בסכום קטן, אתן לך עכשיו הרבה יותר!‘ 23
“Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen.
לאחר מכן בא האיש שקיבל 10,000 שקלים ואמר:’אדוני, ידעתי שאתה איש קשה, שמצליח לקצור במקום שלא זרעת ולאסוף במקום שלא פיזרת. משום כך פחדתי והסתרתי את הכסף באדמה – והנה הוא!‘ 24
“Namichi taalaantii tokkicha fudhatee tures dhufee akkana jedhe; ‘Yaa gooftaa, ati nama gara jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin bittinneessiniis walitti qabattu akka taate nan beeka.
25
Kanaafuu ani sodaadhee dhaqeen taalaantii kee lafa keessa dhokse. Taalaantiin kee kunoo ti.’
”אך אדוניו השיב לו:’רשע שכמוך, עבד עצלן! אם ידעת שאדרוש ממך את הרווח, 26
“Gooftaan isaas deebisee akkana jedhe; ‘Yaa garbicha hamaa dhibaaʼaa! Ati akka ani iddoon itti hin facaasinii galfadhu, iddoon itti hin bittinneessiniis walitti qabadhu beektaa?
מדוע לא הפקדת את הכסף בבנק? כך לפחות הייתי מקבל ריבית! 27
Yoos akka ani yommuun deebiʼutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf silaa maallaqa koo warra baankii bira naa kaaʼuu qabda ture.
קחו ממנו את הכסף, ותנו לאיש שיש לו כבר 100,000 28
“‘Kanaaf taalaanticha isa harkaa fuudhaatii namicha taalaantii kudhan qabuuf kennaa.
כי האיש שמנצל היטב את מה שנותנים לו – יינתן לו עוד ויהיה לו שפע רב. ואילו אדם בלתי־אחראי – גם מעט האחריות שניתנה לו תילקח ממנו. 29
Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; irraa hafaas ni qabaataatii. Kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama.
קחו עתה את המשרת הזה, שאין בו כל תועלת, והשליכוהו החוצה לחושך, שם יש בכי וחריקת שיניים‘. 30
Garbicha faayidaa hin qabne kana dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa.’
”אולם כשאני, המשיח, אבוא בתפארתי עם כל המלאכים, אשב על כיסאי בכבוד רב. 31
“Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin ergamoota Waaqaa hunda wajjin dhufutti, teessoo isaa kan ulfinaa irra ni taaʼa.
כל אומות העולם יתאספו לפני, ואני אפריד ביניהם כרועה המפריד בין הכבשים ובין העיזים. 32
Saboonni hundinuu fuula isaa duratti walitti qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolotaa fi reʼoota gargar footu sana namoota gargar ni foʼa.
את הכבשים אעמיד לימיני ואת העיזים לשמאלי. 33
Inni hoolota karaa mirga isaa, reʼoota immoo karaa bitaa isaa ni dhaabachiisa.
”לאחר מכן אני, המלך, אומר לעומדים לימיני:’בואו, ברוכי אבי, אל המלכות שהוכנה למענכם מאז היווסד העולם. 34
“Yeroo sana Mootichi warra mirga isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa mootumicha uumamuu addunyaatii jalqabee isinii qopheeffame sana dhaalaa.
כשהייתי רעב – האכלתם אותי. כשהייתי צמא – נתתם לי לשתות. כשהייתי אורח זר – הכנסתם אותי לביתכם. 35
Sababiin isaas ani beelofnaan isin nyaata naaf kennitan; dheebonnaan waan ani dhugu naaf kennitan; ani keessummaan ture; isin immoo na simattan;
כשהייתי עירום – הלבשתם אותי. כשהייתי חולה או אסור בכלא – באתם לבקר אותי‘. 36
ani daarraan daara na baaftan; dhukkubsannaan na gaafattan; hidhamnaan dhuftanii na ilaaltan.’
”ואותם צדיקים יענו:’אדוננו, מתי ראינו אותך רעב והאכלנו אותך, או צמא והשקינו אותך? 37
“Qajeeltonni sunis deebisanii akkana jedhaniin; ‘Yaa Gooftaa, yoom beeloftee si arginee waan ati nyaattu siif kennine? Yookaan yoom dheebottee si arginee waan ati dhugdu siif kennine?
או אורח זר ועזרנו לך? או עירום והלבשנו אותך? 38
Yoom keessummaa taʼuu kee arginee si simanne? Yookaan yoom daartee si arginee daara si baafne?
מתי ראינו אותך חולה או כלוא ובאנו לבקר אותך?‘ 39
Yoom dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee dhufnee si ilaalle?’
”ואני, המלך, אענה:’כשעשיתם אחד מן הדברים האלה לאחד מאחי הצעירים – כאילו עשיתם אותו לי‘. 40
“Mootiin sunis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundumaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof gootan kam iyyuu naaf gootan’ jedhaan.
לאחר מכן אפנה אל העומדים לשמאלי ואומר להם:’הסתלקו מכאן, ארורים, אל האש הנצחית שהוכנה לשטן והשדים! (aiōnios g166) 41
“Ergasiis warra bitaa isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin yaa abaaramoo, na duraa badaatii ibidda bara baraa isa diiyaabiloosii fi ergamoota isaatiif qopheeffametti galaa. (aiōnios g166)
כי כשהייתי רעב לא האכלתם אותי, וכשהייתי צמא לא נתתם לי דבר לשתות. 42
Ani beelofnaan isin waan ani nyaadhu naaf hin kennineetii; ani dheebonnaan waan ani dhugu naaf hin kennineetii;
הייתי אורח זר, אולם לא הזמנתם אותי לביתכם. הייתי עירום, ולא הלבשתם אותי. הייתי חולה וכלוא, וכלל לא באתם לבקר אותי!‘ 43
ani keessummaan ture; isin na hin simanne; ani daarraan isin daara na hin baafne; dhukkubsannaan yookaan hidhamnaan dhuftanii na hin ilaalle.’
”ואז הם יענו:’אדון, מתי ראינו אותך רעב או צמא או זר או עירום או חולה או כלוא, ולא עזרנו לך?‘ 44
“Isaanis, ‘Yaa Gooftaa, ati yoom beeloftee yookaan dheebottee yookaan keessummaa taatee yookaan daartee yookaan dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee si gargaaruu didne?’ jedhanii deebisu.
”אז יענה להם: אמן, אומר אני לכם!’כאשר סירבתם לעזור לאחד מן האחים הצעירים האלה סירבתם לעזור לי‘. 45
“Innis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof hin godhin naafis hin goone’ jedha.
”והם ילכו משם לייסורי נצח, ואילו הצדיקים – לחיי נצח.“ (aiōnios g166) 46
“Isaan kunneen adabbii bara baraatti, qajeeltonni immoo jireenya bara baraatti galu.” (aiōnios g166)

< מתיו 25 >