< ג'ון 8 >
Yesuus garuu gara Tulluu Ejersaa dhaqe.
אולם למחרת בבוקר חזר לבית־המקדש. עד מהרה התאספו סביבו אנשים רבים והוא החל ללמד אותם. | 2 |
Ganama bariis deebiʼee mana qulqullummaa dhufe; innis namni hundumtuu isa biratti walitti qabamnaan taaʼee isaan barsiise.
בעודו מלמד הביאו אליו הסופרים והפרושים אישה שנתפסה במעשה ניאוף, והעמידו אותה לפני הקהל. | 3 |
Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko isatti fidan. Gidduu isaaniis dhaabachiisanii,
”רבי, אישה זאת נתפסה במעשה ניאוף, “אמרו, | 4 |
Yesuusiin akkana jedhan; “Yaa barsiisaa, dubartiin kun utuu ejja hojjettuu qabamte.
”ותורת משה מצווה עלינו לרגום באבנים נשים כאלה. מה דעתך?“ | 5 |
Museen Seera keessatti akka warri akkanaa dhagaadhaan tumaman nu ajajeera. Ati immoo maal jetta?”
הם רצו לנסות את ישוע, שכן חיפשו סיבה להכשיל ולהרשיע אותו. אולם ישוע התכופף וצייר באצבעו על הקרקע. | 6 |
Isaanis waan ittiin isa himatan argachuuf jedhanii isa qoruudhaaf waan kana gaafatan. Yesuus garuu gad jedhee quba isaatiin lafa irratti barreessuu jalqabe.
כשהאיצו בו הסופרים והפרושים להשיב לשאלתם, הזדקף ישוע ואמר:”מי שלא חטא מעולם ישליך בה את האבן הראשונה!“ | 7 |
Isaanis ittuma fufanii isa gaafannaan ol jedhee, “Isin keessaa namni cubbuu hin qabne dursee isheetti dhagaa haa darbatu” jedheen.
הוא התכופף שוב והמשיך לצייר באצבעו על הקרקע. | 8 |
Ammas gad jedhee lafa irratti barreesse.
כל השומעים נמלאו בושה, ובזה אחר זה עזבו את המקום, מזקן עד צעיר, וישוע נותר לבדו עם האישה. | 9 |
Isaanis yommuu kana dhagaʼanitti maanguddootaa jalqabanii tokko tokkoon baʼanii sokkan; Yesuus immoo dubartittii achuma dhaabattee jirtu wajjin kophaa hafe.
ישוע נשא את ראשו וראה שנותר לבדו עם האישה.”היכן מאשימיך? האם הרשיע אותך מישהו?“שאל אותה. | 10 |
Yesuusis ol jedhee, “Dubartii nana, warri si himatan meerre? Namni tokko iyyuu sitti hin murree?” jedheen.
”לא אדוני“, השיבה האישה.”אם כן גם אני לא ארשיע אותך. לכי לשלום ואל תחטאי יותר.“ | 11 |
Isheenis, “Yaa Gooftaa, namni tokko iyyuu natti hin murre” jetteen. Yesuusis, “Anis sitti hin muruu deemi; garuu siʼachi cubbuu hin hojjetin” jedheen.]
ישוע דיבר שוב אל העם:”אני אור העולם. כל ההולך אחרי לא יתעה שוב בחשכה, אלא יקבל את אור החיים“. | 12 |
Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate.
”אתה סתם מתפאר בעצמך ודבריך אינם מוכיחים דבר!“קראו לעברו הפרושים. | 13 |
Fariisonnis, “Ati waaʼee mataa keetii dhugaa baata; dhuga baʼumsi kee immoo dhugaa miti” jedhaniin.
”אני אמנם מעיד על עצמי, אולם דברי נכונים, שכן אני יודע מאין באתי ולאן אני הולך. | 14 |
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif dhugaa baʼe illee ani akkan eessaa dhufee fi akkan garam deemu waanan beekuuf dhuga baʼumsi koo dhugaa dha. Isin garuu akka ani eessaa dhufe yookaan akka ani garam deemu hin beektan.
אתם שופטים אותי לפי קנה־המידה של העולם, ואילו אני איני שופט איש עתה. | 15 |
Isin akka yaada fooniitti murteessitu; ani nama tokkotti illee hin muru.
אם אני בכל זאת שופט, אני שופט בצדק, כי איני מחליט על דעת עצמי; אני מתייעץ עם אלוהים האב אשר שלח אותי. | 16 |
Garuu ani yoon mure illee murtiin koo dhugaa dha; kan murus na qofa miti. Ani Abbaa na erge sana wajjinan jiraatii.
התורה אומרת כי על־פי שני עדים יקום דבר, לא כן? | 17 |
Dhuga baʼumsi nama lamaa akka dhugaa taʼe Seera keessan keessatti barreeffameera.
ובכן, אני עד אחד, ואבי אשר שלחני הוא העד השני.“ | 18 |
Ani ofii kootiif dhugaa nan baʼa; Abbaan na erges waaʼee koo dhugaa baʼa.”
”היכן אביך?“שאלו אותו.”אינכם יודעים מיהו אבי, מפני שאינכם יודעים מי אני. לו היכרתם אותי הייתם מכירים גם את אבי.“ | 19 |
Isaanis, “Abbaan kee eessa jira?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo deebisee, “Isin anas, Abbaa koos hin beektan; utuu na beektanii silaa Abbaa koos ni beektu turtan” jedhe.
ישוע דיבר דברים אלה באגף האוצר בבית־המקדש, אולם איש לא אסר אותו, כי טרם הגיע המועד. | 20 |
Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti, kutaa buusiin itti kuufamu keessatti barsiisaa jiruu dubbii kana dubbate. Garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu isa hin qabne.
”אני הולך מכאן“, המשיך ישוע.”אתם תחפשו אותי ותמותו בחטאיכם. אינכם יכולים לבוא למקום שאליו אני הולך.“ | 21 |
Yesuus amma illee, “Ani nan deema; isin na barbaaddu; cubbuu keessaniinis ni duutu. Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan” isaaniin jedhe.
”האם הוא עומד להתאבד?“תמהו היהודים.”למה הוא מתכוון באמרו:’אינכם יכולים לבוא למקום שאליו אני הולך‘?“ | 22 |
Yihuudoonnis, “‘Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaa of ajjeesuufii laata?” jedhan.
ישוע הסביר להם:”מקומי בשמים מעל, ואילו מקומכם בארץ למטה; אתם שייכים לעולם הזה, ואני איני מהעולם הזה. | 23 |
Innis ittuma fufee akkana jedhe; “Isin kan gadii ti; ani kan olii ti. Isin kan addunyaa kanaa ti; ani immoo kan addunyaa kanaa miti.
משום כך אמרתי לכם שתמותו בחטאיכם; אם לא תאמינו שאני הוא תמותו בחטאיכם.“ | 24 |
Akka isin cubbuu keessaniin duutan ani isinitti himeera; isin yoo akka ani isa taʼe amanuu baattan, cubbuu keessaniin ni duutu.”
”מי אתה?“שאלו.”אני הוא זה שאמרתי לכם כל הזמן“, השיב ישוע. | 25 |
Isaanis, “Ati eenyu?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Ani isuma jalqabaa kaasee isinitti dubbachaa turee dha.
”יש לי הרבה דברים לומר עליכם, לשפוט ולהרשיע אתכם, אך איני עושה זאת. אני מוסר לכם אך ורק מה שנאמר לי על־ידי שולחי, שהוא האמת.“ | 26 |
Ani waaʼee keessan waanan jedhuu fi waanan murteessu baayʼeen qaba. Garuu inni na erge dhugaa qabeessa; anis waanan isa irraa dhagaʼe addunyaatti nan hima.”
והם עדיין לא הבינו שהוא התכוון לאלוהים. | 27 |
Isaan garuu akka inni waaʼee Abbaa isaa isaanitti himaa ture hin hubanne.
ישוע המשיך:”כאשר תרימו את בן־האדם (על הצלב), תדעו ותבינו שאני הוא המשיח ושאיני עושה דבר על דעת עצמי, אלא אני מספר לכם מה שלימד אותי אבי. | 28 |
Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Yommuu Ilma Namaa ol fuutanitti akka ani isa taʼe, waanuma Abbaan na barsiisen dubbadha malee akka ani ofii kootiin homaa hin hojjennees ni beektu.
שולחי תמיד איתי; הוא לא נטש אותי, כי אני עושה תמיד את הטוב בעיניו.“ | 29 |
Inni na erge na wajjin jira; sababii ani yeroo hunda waan isa gammachiisu hojjedhuuf, inni kophaa koo na hin dhiifne.”
כשדיבר ישוע דברים אלה, יהודים רבים האמינו שהוא המשיח. | 30 |
Utuma inni dubbatuus, namoonni baayʼeen isatti amanan.
על כן הוא אמר להם:”אם תקיימו את דברי תהיו תלמידי באמת. | 31 |
Yesuus Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; “Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti.
אתם תדעו את האמת, והאמת תוציא אתכם לחופשי!“ | 32 |
Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa.”
”זרע אברהם אנחנו, “קראו היהודים לעומתו,”ומעולם לא היינו עבדים לאיש. כיצד, אם כן, אתה אומר שנהיה בני־חורין?“ | 33 |
Isaanis, “Nu sanyii Abrahaam; nu eenyumaafuu takkumaa hin garboomne. Yoos ati akkamitti bilisa baatu nuun jetta ree?” jedhaniin.
”אני אומר לכם במלוא האמת, “ענה ישוע,”כל מי שחוטא הוא עבד לחטא, | 34 |
Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti.
ולעבד אין כל זכויות, בעוד שלבן יש את כל הזכויות. (aiōn ) | 35 |
Garbichi bara baraan mana hin jiraatu; ilmi garuu bara baraan ni jiraata. (aiōn )
לכן, אם הבן מוציא אתכם לחופשי, תהיו חופשיים באמת! | 36 |
Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu.
אני יודע שזרע אברהם אתם, אולם יש ביניכם אחדים שרוצים להרוג אותי, מפני שאינם יכולים לסבול את דברי. | 37 |
Isin sanyii Abrahaam taʼuu keessan anuu beeka. Garuu sababii dubbiin koo isin keessatti iddoo hin qabneef na ajjeesuu barbaaddu.
אני מספר לכם את מה שראיתי אצל אבי, ואילו אתם עושים את מה שראיתם אצל אביכם.“ | 38 |
Ani waanan Abbaa koo biratti argen dubbadha; isinis waanuma abbaa keessan irraa dhageessan hojjettu.”
”אברהם הוא אבינו!“השיבו היהודים. אולם ישוע השיב:”אילו הייתם בני אברהם, הייתם נוהגים כמוהו. | 39 |
Isaanis, “Abbaan keenya Abrahaam” jedhan. Yesuus immoo akkana jedhe; “Isin utuu ijoollee Abrahaam taatanii silaa hojii Abrahaam hojjete ni hojjettu turtan.
אולם עתה מבקשים אתם להרוג אותי על שסיפרתי לכם את האמת אשר שמעתי מאלוהים. אברהם מעולם לא היה עושה דבר כזה! | 40 |
Isin garuu ana nama dhugaa Waaqa irraa dhagaʼe isinitti hime ajjeesuu barbaaddu. Abrahaam waan akkasii hin hojjenne.
ואילו אתם עושים את מעשי אביכם האמתי.“”אין אנו ממזרים! יש לנו אב אחד – האלוהים!“טענו. | 41 |
Isin waan abbaan keessan hojjete hojjettu.” Isaanis, “Nu ejjaan hin dhalanne. Abbaa tokkicha qabna; innis Waaqa” jedhaniin.
אולם ישוע המשיך:”אילו אלוהים היה באמת אביכם, אזי הייתם אוהבים אותי, שהרי באתי אליכם מאת האלוהים. לא באתי על דעת עצמי – אלוהים שלח אותי. | 42 |
Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin utuu Waaqni abbaa keessan taʼee silaa na jaallattu turtan; ani Waaqa biraa baʼeen dhufeetii. Isatu na erge malee ani ofii kootiin hin dhufne.
האם אתם יודעים מדוע אינכם מבינים את דברי? מפני שאינכם מסוגלים להקשיב לי. | 43 |
Wanni ani dubbadhu maaliif isinii hin galu? Sababiin isaas waan isin waan ani jedhu fudhachuu hin feeneef.
השטן הוא אביכם, ואתם רוצים לעשות את חפצו! הוא היה רוצח ונשאר רוצח; הוא שונא את האמת, כי אין בו שמץ של אמת; כל דבריו הם שקר בכוונה תחילה, שהרי הוא מלך השקרים. | 44 |
Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee diiyaabiloos; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata.
אינכם מאמינים לי משום שאני אומר את האמת. | 45 |
Isin garuu waan ani dhugaa dubbadhuuf na hin amantan!
האם יכול מישהו מכם להוכיח אותי על איזשהו עוון? ואם אני אומר את האמת, מדוע אינכם מאמינים לי? | 46 |
Isin keessaa namni cubbuudhaan na himatu eenyu? Erga ani dhugaa dubbadhee, isin maaliif na hin amanne?
ילדי האלוהים מקשיבים בשמחה לקול אביהם, אולם אתם אינכם מקשיבים, כי אינכם ילדי האלוהים!“ | 47 |
Namni kan Waaqaa taʼe kam iyyuu dubbii Waaqaa ni dhagaʼa. Isin waan kan Waaqaa hin taʼiniif hin dhageessan.”
”בצדק קראנו לך שומרוני!“קראו בחזרה בחימה.”שד נכנס בך!“ | 48 |
Yihuudoonnis deebisanii, “Ati nama Samaariyaa ti; hafuura hamaatu si keessa jira jechuun keenya dhugaa mitii?” jedhaniin.
”לא נכנס בי שד“, ענה ישוע.”אתם לועגים ובזים לי רק מפני שאני מכבד את אבי. | 49 |
Yesuus immoo akkana jedhe; “Hafuurri hamaan na keessa hin jiru; ani Abbaa koo nan kabaja; isin garuu na hin kabajjan.
איני מבקש כבוד לעצמי, אולם אלוהים אבי דורש זאת למעני, והוא ישפוט את מי שאינו מאמין בי. | 50 |
Ani ulfina mataa koo hin barbaadu; garuu kan isa barbaadu tokkotu jira; innis Abbaa murtii ti.
אני אומר לכם ברצינות ובכנות: מי שישמע בקולי לא ימות לעולם!“ (aiōn ) | 51 |
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin argu.” (aiōn )
”עכשיו אנחנו בטוחים שנכנס בך שד“, אמרו לו.”אפילו אברהם והנביאים מתו, ואילו אתה טוען שכל השומע בקולך לא ימות לעולם? (aiōn ) | 52 |
Yihuudoonnis akkana jedhaniin; “Akka hafuurri hamaan si keessa jiru nu amma barreerra. Abrahaam duʼeera; raajonnis duʼaniiru; ati garuu, ‘Eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin dhandhamu’ jetta. (aiōn )
האם אתה גדול וחזק מאברהם אבינו או מהנביאים? למי אתה חושב את עצמך?“ | 53 |
Ati abbaa keenya Abrahaam caaltaa? Inni duʼeera; raajonnis duʼaniiru. Egaa ati eenyu ofiin jetta ree?”
”אם אני מכבד את עצמי, אין לכך כל ערך“, אמר ישוע.”אולם אבי מכבד אותי – כן, האב אשר אתם קוראים לו אלוהיכם | 54 |
Yesuus akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif ulfina kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Kan ulfina naa kennu Abbaa koo isuma isin Waaqa keenya jettaniin sanaa dha.
למרות אינכם מכירים אותו. אולם אני מכיר אותו, ואם אכחיש זאת אהיה לשקרן כמוכם. אני באמת מכיר אותו ושומע בקולו. | 55 |
Yoo isin isa beekuu baattan illee ani isa beeka. Ani utuu isa hin beeku jedhee silaa akkuma keessan sobduu nan taʼa ture. Ani garuu isa beeka; dubbii isaa illee nan eega.
אברהם אביכם שש לראות את יום בואי; הוא ראה אותו ושמח.“ | 56 |
Abbaan keessan Abrahaam guyyaa koo arguuf gammadee ture; innis ni arge; ni gammades.”
”איך יכולת לראות את אברהם?“שאלו היהודים בחוסר אמון.”לא מלאו לך עדיין חמישים שנה אפילו!“ | 57 |
Yihuudoonnis, “Umuriin kee waggaa shantama iyyuu hin guunne; yoos Abrahaamin argiteertaa?” jedhaniin.
”אמן אומר אני לכם, עוד לפני שאברהם נולד, אני הוא!“השיב ישוע. | 58 |
Yesuusis, “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; utuu Abrahaam hin dhalatin iyyuu ani anuma” isaaniin jedhe.
דבריו עוררו את חמתם, והם החלו להשליך עליו אבנים. אולם ישוע נעלם מעיניהם, עבר על פניהם ויצא מהמקדש. | 59 |
Kana irratti isaan isa dhaʼuuf jedhanii dhagaa guurratan; Yesuus garuu dhokatee mana qulqullummaatii baʼee deeme.