< תהילים 64 >
לַמְנַצֵּחַ מִזְמוֹר לְדָוִֽד׃ שְׁמַע־אֱלֹהִים קוֹלִי בְשִׂיחִי מִפַּחַד אוֹיֵב תִּצֹּר חַיָּֽי׃ | 1 |
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, yommuu ani iyyadhu sagalee koo dhagaʼi; lubbuu koos doorsisuu diinaa duraa baasi.
תַּסְתִּירֵנִי מִסּוֹד מְרֵעִים מֵרִגְשַׁת פֹּעֲלֵי אָֽוֶן׃ | 2 |
Marii jalʼootaa duraa, mala namoota hamoo duraas na dhoksi.
אֲשֶׁר שָׁנְנוּ כַחֶרֶב לְשׁוֹנָם דָּרְכוּ חִצָּם דָּבָר מָֽר׃ | 3 |
Isaan arraba isaanii akka goraadee qaratan; dubbii hadhaaʼaas akkuma xiyyaatti qopheeffatu.
לִירוֹת בַּמִּסְתָּרִים תָּם פִּתְאֹם יֹרֻהוּ וְלֹא יִירָֽאוּ׃ | 4 |
Isaan riphanii nama yakka hin qabnetti futtaasu; akkuma tasaas sodaa malee itti gad dhiisu.
יְחַזְּקוּ־לָמוֹ ׀ דָּבָר רָע יְֽסַפְּרוּ לִטְמוֹן מוֹקְשִׁים אָמְרוּ מִי יִרְאֶה־לָּֽמוֹ׃ | 5 |
Kaayyoo jalʼinaa irratti wal jajjabeessu; waaʼee dhoksanii kiyyoo kaaʼuus ni mariʼatu; “Eenyutu isa arguu dandaʼa?” jedhaniis ni yaadu.
יַֽחְפְּֽשׂוּ־עוֹלֹת תַּמְנוּ חֵפֶשׂ מְחֻפָּשׂ וְקֶרֶב אִישׁ וְלֵב עָמֹֽק׃ | 6 |
Isaanis jalʼina yaaduudhaan, “Nu mala hirʼina hin qabne malanneerra!” jedhu; yaadnii fi keessi garaa namaa gad fagoodhaatii.
וַיֹּרֵם אֱלֹהִים חֵץ פִּתְאוֹם הָיוּ מַכּוֹתָֽם׃ | 7 |
Waaqni garuu xiyya isaa isaanitti futtaasa; isaanis akkuma tasaa madaaʼu.
וַיַּכְשִׁילוּהוּ עָלֵימוֹ לְשׁוֹנָם יִתְנֹדֲדוּ כָּל־רֹאֵה בָֽם׃ | 8 |
Innis arrabuma isaaniin isaan balleessa; warri isaan argan hundinuu tuffiidhaan mataa raasu.
וַיִּֽירְאוּ כָּל־אָדָם וַיַּגִּידוּ פֹּעַל אֱלֹהִים וּֽמַעֲשֵׂהוּ הִשְׂכִּֽילוּ׃ | 9 |
Namoonni hundinuu ni sodaatu; isaan hojii Waaqaa ni labsu; waan inni hojjete illee ni qalbeeffatu.
יִשְׂמַח צַדִּיק בַּיהוָה וְחָסָה בוֹ וְיִתְהַֽלְלוּ כָּל־יִשְׁרֵי־לֵֽב׃ | 10 |
Namni qajeelaan Waaqayyotti gammada; isattis kooluu gala; gara toleeyyiin hundinuu isaan ulfina argatu.