< תהילים 140 >
לַמְנַצֵּחַ מִזְמוֹר לְדָוִֽד׃ חַלְּצֵנִי יְהוָה מֵאָדָם רָע מֵאִישׁ חֲמָסִים תִּנְצְרֵֽנִי׃ | 1 |
Dura Buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, namoota hamoo jalaa na baasi; namoota finciltoota
אֲשֶׁר חָשְׁבוּ רָעוֹת בְּלֵב כָּל־יוֹם יָגוּרוּ מִלְחָמֽוֹת׃ | 2 |
warra garaa isaanii keessatti hammina yaadanii guyyaa hunda waraana kaasan narraa eegi.
שָֽׁנֲנוּ לְשׁוֹנָם כְּֽמוֹ־נָחָשׁ חֲמַת עַכְשׁוּב תַּחַת שְׂפָתֵימוֹ סֶֽלָה׃ | 3 |
Isaan arraba isaanii akkuma bofaa qaratu; hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.
שָׁמְרֵנִי יְהוָה ׀ מִידֵי רָשָׁע מֵאִישׁ חֲמָסִים תִּנְצְרֵנִי אֲשֶׁר חָשְׁבוּ לִדְחוֹת פְּעָמָֽי׃ | 4 |
Yaa Waaqayyo, harka hamootaa narraa eegi; namoota finciltoota warra miilla koo kiyyootti galchuu yaadan jalaa na baasi.
טָֽמְנֽוּ־גֵאִים ׀ פַּח לִי וַחֲבָלִים פָּרְשׂוּ רֶשֶׁת לְיַד־מַעְגָּל מֹקְשִׁים שָֽׁתוּ־לִי סֶֽלָה׃ | 5 |
Of tuultonni dhoksanii kiyyoo na dura kaaʼaniiru; ribuu kiyyoo isaanii diriirsaniiru; karaa koo irras kiyyoo isaanii kaaʼaniiru.
אָמַרְתִּי לַיהוָה אֵלִי אָתָּה הַאֲזִינָה יְהוָה קוֹל תַּחֲנוּנָֽי׃ | 6 |
Yaa Waaqayyo, ani, “Ati Waaqa koo ti” siin nan jedha. Yaa Waaqayyo, waammata koo dhagaʼi.
יְהֹוִה אֲדֹנָי עֹז יְשׁוּעָתִי סַכֹּתָה לְרֹאשִׁי בְּיוֹם נָֽשֶׁק׃ | 7 |
Yaa Waaqayyo Gooftaa, fayyisaa koo jabaa, ati guyyaa waraanaatti gaachana mataa naa taate.
אַל־תִּתֵּן יְהוָה מַאֲוַיֵּי רָשָׁע זְמָמוֹ אַל־תָּפֵק יָרוּמוּ סֶֽלָה׃ | 8 |
Yaa Waaqayyo, akka fedhiin hamootaa fiixaan baʼu hin godhin; akka isaan of hin tuulleef, akka karoorri isaanii milkaaʼu hin godhin.
רֹאשׁ מְסִבָּי עֲמַל שְׂפָתֵימוֹ יכסומו יְכַסֵּֽמוֹ׃ | 9 |
Mataan warra na marsanii, hammina afaan isaaniitii baʼuun haa haguugamu.
ימיטו יִמּוֹטוּ עֲלֵיהֶם גֶּֽחָלִים בָּאֵשׁ יַפִּלֵם בְּמַהֲמֹרוֹת בַּֽל־יָקֽוּמוּ׃ | 10 |
Barbadaan ibiddaa isaan irra haa buʼu; isaan ibiddatti illee haa darbataman; akka lammata hin kaaneefis boolla qileetti haa darbataman.
אִישׁ לָשׁוֹן בַּל־יִכּוֹן בָּאָרֶץ אִישׁ־חָמָס רָע יְצוּדֶנּוּ לְמַדְחֵפֹֽת׃ | 11 |
Maqa balleessitoonni lafa irra hin jiraatin; namni jalʼaan waan hamaadhaan haa badu.
ידעת יָדַעְתִּי כִּֽי־יַעֲשֶׂה יְהוָה דִּין עָנִי מִשְׁפַּט אֶבְיֹנִֽים׃ | 12 |
Waaqayyo rakkattootaaf falmee hiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka.
אַךְ צַדִּיקִים יוֹדוּ לִשְׁמֶךָ יֵשְׁבוּ יְשָׁרִים אֶת־פָּנֶֽיךָ׃ | 13 |
Dhugumaan namni qajeelaan maqaa kee ni galateeffata; namni tolaanis fuula kee dura ni jiraata.