< תהילים 116 >
אָהַבְתִּי כִּֽי־יִשְׁמַע ׀ יְהוָה אֶת־קוֹלִי תַּחֲנוּנָֽי׃ | 1 |
Ani Waaqayyoon nan jaalladha; inni sagalee waammata kootii naa dhagaʼeeraatii.
כִּֽי־הִטָּה אָזְנוֹ לִי וּבְיָמַי אֶקְרָֽא׃ | 2 |
Sababii inni gurra isaa gara kootti deebiseef, ani hamman lubbuun jiraadhutti isa nan waammadha.
אֲפָפוּנִי ׀ חֶבְלֵי־מָוֶת וּמְצָרֵי שְׁאוֹל מְצָאוּנִי צָרָה וְיָגוֹן אֶמְצָֽא׃ (Sheol ) | 3 |
Kiyyoon duʼaa na marse; dhiphinni Siiʼoolis na qabate; ani rakkinaa fi gaddaan nan moʼame. (Sheol )
וּבְשֵֽׁם־יְהוָה אֶקְרָא אָנָּה יְהוָה מַלְּטָה נַפְשִֽׁי׃ | 4 |
Anis, “Yaa Waaqayyo na oolchi!” jedhee maqaa Waaqayyoo nan waammadhe.
חַנּוּן יְהֹוָה וְצַדִּיק וֵאלֹהֵינוּ מְרַחֵֽם׃ | 5 |
Waaqayyo arjaa fi qajeelaa dha; Waaqni keenya gara laaffessa.
שֹׁמֵר פְּתָאיִם יְהֹוָה דַּלּוֹתִי וְלִי יְהוֹשִֽׁיעַ׃ | 6 |
Waaqayyo garraamota ni eega; yeroo ani baayʼee rakkadhetti isatu na gargaare.
שׁוּבִי נַפְשִׁי לִמְנוּחָיְכִי כִּֽי־יְהוָה גָּמַל עָלָֽיְכִי׃ | 7 |
Yaa lubbuu ko, boqonnaa keetti deebiʼi; Waaqayyo waan gaarii siif godheeraatii.
כִּי חִלַּצְתָּ נַפְשִׁי מִמָּוֶת אֶת־עֵינִי מִן־דִּמְעָה אֶת־רַגְלִי מִדֶּֽחִי׃ | 8 |
Ati yaa Waaqayyo lubbuu koo duʼa irraa, ija koo imimmaan irraa, miilla koo gufachuu irraa waan oolchiteef,
אֶתְהַלֵּךְ לִפְנֵי יְהוָה בְּאַרְצוֹת הַֽחַיִּֽים׃ | 9 |
ani biyya warra jiraatoo keessa, fuula Waaqayyoo dura nan jiraadha.
הֶאֱמַנְתִּי כִּי אֲדַבֵּר אֲנִי עָנִיתִי מְאֹֽד׃ | 10 |
Ani yeroo, “Ani baayʼee dhiphadheera” jedhetti, amantii koo eeggadheera.
אֲנִי אָמַרְתִּי בְחָפְזִי כָּֽל־הָאָדָם כֹּזֵֽב׃ | 11 |
Ani yommuun burjaajaʼetti, “Namni hundinuu sobduu dha” nan jedhe.
מָֽה־אָשִׁיב לַיהוָה כָּֽל־תַּגְמוּלוֹהִי עָלָֽי׃ | 12 |
Waan gaarii inni naa godhe hundaaf, ani Waaqayyoof maalan deebisa?
כּוֹס־יְשׁוּעוֹת אֶשָּׂא וּבְשֵׁם יְהוָה אֶקְרָֽא׃ | 13 |
Ani xoofoo fayyinaa ol kaasee maqaa Waaqayyoo nan waammadha.
נְדָרַי לַיהוָה אֲשַׁלֵּם נֶגְדָה־נָּא לְכָל־עַמּֽוֹ׃ | 14 |
Fuula saba isaa hundumaa duratti, ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha.
יָקָר בְּעֵינֵי יְהוָה הַמָּוְתָה לַחֲסִידָֽיו׃ | 15 |
Duuti qulqulloota isaa, fuula Waaqayyoo duratti ulfina qaba.
אֽ͏ָנָּה יְהוָה כִּֽי־אֲנִי עַבְדֶּךָ אֲֽנִי־עַבְדְּךָ בֶּן־אֲמָתֶךָ פִּתַּחְתָּ לְמוֹסֵרָֽי׃ | 16 |
Yaa Waaqayyo, ani dhugumaan tajaajilaa kee ti; ani tajaajilaa kee ilma tajaajiltuu keetii ti; ati foncaa koo narraa hiikteerta.
לְֽךָ־אֶזְבַּח זֶבַח תּוֹדָה וּבְשֵׁם יְהוָה אֶקְרָֽא׃ | 17 |
Ani aarsaa galataa siif nan dhiʼeessa; maqaa Waaqayyoos nan waammadha.
נְדָרַי לַיהוָה אֲשַׁלֵּם נֶגְדָה־נָּא לְכָל־עַמּֽוֹ׃ | 18 |
Iddoo sabni isaa hundi jirutti, ani wareega koo Waaqayyoof nan galcha;
בְּחַצְרוֹת ׀ בֵּית יְהוָה בְּֽתוֹכֵכִי יְֽרוּשָׁלִָם הַֽלְלוּ־יָֽהּ׃ | 19 |
yaa Yerusaalem si keessatti, oobdii mana Waaqayyoo irrattis nan galcha. Haalleluuyaa.