< תְהִלִּים 127 >
שִׁ֥יר הַֽמַּֽעֲל֗וֹת לִשְׁלֹ֫מֹ֥ה אִם־יְהוָ֤ה ׀ לֹא־יִבְנֶ֬ה בַ֗יִת שָׁ֤וְא ׀ עָמְל֣וּ בוֹנָ֣יו בּ֑וֹ אִם־יְהוָ֥ה לֹֽא־יִשְׁמָר־עִ֝֗יר שָׁ֤וְא ׀ שָׁקַ֬ד שׁוֹמֵֽר׃ | 1 |
Faarfannaa Ol baʼuu. Faarfannaa Solomoon. Waaqayyo mana ijaaruu baannaan, warri ijaaran akkasumaan dadhabu. Waaqayyo magaalaa eeguu baannaan, warri eegan akkasumaan dhaabachaa bulu.
שָׁ֤וְא לָכֶ֨ם ׀ מַשְׁכִּ֪ימֵי ק֡וּם מְאַֽחֲרֵי־שֶׁ֗בֶת אֹ֭כְלֵי לֶ֣חֶם הָעֲצָבִ֑ים כֵּ֤ן יִתֵּ֖ן לִֽידִיד֣וֹ שֵׁנָֽא׃ | 2 |
Isin buddeena dadhabbii guddaan argame nyaachuuf jettanii, barii barraaqaan kaʼuun keessan, turtanii rafuun keessan faayidaa hin qabu; inni warra jaallatuuf utuma isaan rafanii iyyuu waan isaan barbaachisu ni kennaaf.
הִנֵּ֤ה נַחֲלַ֣ת יְהוָ֣ה בָּנִ֑ים שָׂ֝כָ֗ר פְּרִ֣י הַבָּֽטֶן׃ | 3 |
Kunoo, ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti; iji gadameessaas badhaasa isaa ti.
כְּחִצִּ֥ים בְּיַד־גִּבּ֑וֹר כֵּ֝֗ן בְּנֵ֣י הַנְּעוּרִֽים׃ | 4 |
Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan, akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti.
אַשְׁרֵ֤י הַגֶּ֗בֶר אֲשֶׁ֤ר מִלֵּ֥א אֶת־אַשְׁפָּת֗וֹ מֵ֫הֶ֥ם לֹֽא־יֵבֹ֑שׁוּ כִּֽי־יְדַבְּר֖וּ אֶת־אוֹיְבִ֣ים בַּשָּֽׁעַר׃ | 5 |
Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha. Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.