< הוֹשֵׁעַ 6 >
לְכוּ֙ וְנָשׁ֣וּבָה אֶל־יְהוָ֔ה כִּ֛י ה֥וּא טָרָ֖ף וְיִרְפָּאֵ֑נוּ יַ֖ךְ וְיַחְבְּשֵֽׁנוּ׃ | 1 |
“Kottaa gara Waaqayyootti deebinaa. Inni nu ciccireera; garuu nu fayyisa; inni nu madeesseera; garuu madaa keenya ni waldhaana.
יְחַיֵּ֖נוּ מִיֹּמָ֑יִם בַּיּוֹם֙ הַשְּׁלִישִׁ֔י יְקִמֵ֖נוּ וְנִחְיֶ֥ה לְפָנָֽיו׃ | 2 |
Akka nu fuula isaa dura jiraannuuf, guyyaa lama booddee nu bayyanachiisa; guyyaa sadaffaatti immoo deebisee nu dhaaba.
וְנֵדְעָ֣ה נִרְדְּפָ֗ה לָדַ֙עַת֙ אֶת־יְהוָ֔ה כְּשַׁ֖חַר נָכ֣וֹן מֽוֹצָא֑וֹ וְיָב֤וֹא כַגֶּ֙שֶׁם֙ לָ֔נוּ כְּמַלְק֖וֹשׁ י֥וֹרֶה אָֽרֶץ׃ | 3 |
Kottaa Waaqayyoon haa beeknu; isa beekuufis haa tattaaffannu. Akkuma aduun dhugumaan baatu sana inni dhugumaan ni dhufa; inni akkuma bokkaa gannaa, akkuma bokkaa birraa kan lafa quubsu sanaatti gara keenya ni dhufa.
מָ֤ה אֶֽעֱשֶׂה־לְּךָ֙ אֶפְרַ֔יִם מָ֥ה אֶעֱשֶׂה־לְּךָ֖ יְהוּדָ֑ה וְחַסְדְּכֶם֙ כַּֽעֲנַן־בֹּ֔קֶר וְכַטַּ֖ל מַשְׁכִּ֥ים הֹלֵֽךְ׃ | 4 |
“Yaa Efreem, ani maalan si godha? Yaa Yihuudaa, ani maalan si godha? Jaalalli keessan akkuma hurrii ganamaa, akkuma fixeensa barii baduu ti.
עַל־כֵּ֗ן חָצַ֙בְתִּי֙ בַּנְּבִיאִ֔ים הֲרַגְתִּ֖ים בְּאִמְרֵי־פִ֑י וּמִשְׁפָּטֶ֖יךָ א֥וֹר יֵצֵֽא׃ | 5 |
Kanaafuu ani raajota kootiin isin cicciree dubbii afaan kootiin isin fixe; murtiin koos akkuma aduu ni baʼa.
כִּ֛י חֶ֥סֶד חָפַ֖צְתִּי וְלֹא־זָ֑בַח וְדַ֥עַת אֱלֹהִ֖ים מֵעֹלֽוֹת׃ | 6 |
Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii; aarsaa gubamu caalaa Waaqa beekuu nan fedha.
וְהֵ֕מָּה כְּאָדָ֖ם עָבְר֣וּ בְרִ֑ית שָׁ֖ם בָּ֥גְדוּ בִֽי׃ | 7 |
Isaan akkuma Addaam kakuu cabsaniiru; achittis anaaf hin amanamne.
גִּלְעָ֕ד קִרְיַ֖ת פֹּ֣עֲלֵי אָ֑וֶן עֲקֻבָּ֖ה מִדָּֽם׃ | 8 |
Giliʼaad magaalaa hamootaa kan dhiigaan faalamtee dha.
וּכְחַכֵּ֨י אִ֜ישׁ גְּדוּדִ֗ים חֶ֚בֶר כֹּֽהֲנִ֔ים דֶּ֖רֶךְ יְרַצְּחוּ־שֶׁ֑כְמָה כִּ֥י זִמָּ֖ה עָשֽׂוּ׃ | 9 |
Akkuma saamtuun riphxee nama eeggattu sana, gareen lubootaas akkasuma godhu; isaan yakka qaanessaa hojjechuudhaan karaa Sheekem irratti nama ajjeesu.
בְּבֵית֙ יִשְׂרָאֵ֔ל רָאִ֖יתִי שַׁעֲרֽוּרִיָּ֑ה שָׁ֚ם זְנ֣וּת לְאֶפְרַ֔יִם נִטְמָ֖א יִשְׂרָאֵֽל׃ | 10 |
Ani mana Israaʼel keessatti waan suukaneessaa tokko argeera. Achitti Efreem ni sagaagale; Israaʼelis ni xuraaʼe.
גַּם־יְהוּדָ֕ה שָׁ֥ת קָצִ֖יר לָ֑ךְ בְּשׁוּבִ֖י שְׁב֥וּת עַמִּֽי׃ פ | 11 |
“Yaa Yihuudaa sittis haamamuun murteeffameera. “Yeroo ani boojuu saba koo deebisutti,