< מִשְׁלֵי 12 >
אֹהֵ֣ב מ֖וּסָר אֹ֣הֵֽב דָּ֑עַת וְשֹׂנֵ֖א תֹוכַ֣חַת בָּֽעַר׃ | 1 |
Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata; kan sirreeffamuu jibbu garuu gowwaa dha.
טֹ֗וב יָפִ֣יק רָ֭צֹון מֵיְהוָ֑ה וְאִ֖ישׁ מְזִמֹּ֣ות יַרְשִֽׁיעַ׃ | 2 |
Namni gaariin Waaqayyo biratti fudhatama argata; Waaqayyo garuu nama hammina malatutti ni mura.
לֹא־יִכֹּ֣ון אָדָ֣ם בְּרֶ֑שַׁע וְשֹׁ֥רֶשׁ צַ֝דִּיקִ֗ים בַּל־יִמֹּֽוט׃ | 3 |
Namni tokko hamminaan jabaatee hin dhaabatu; qajeelaan garuu hin buqqifamu.
אֵֽשֶׁת־חַ֭יִל עֲטֶ֣רֶת בַּעְלָ֑הּ וּכְרָקָ֖ב בְּעַצְמֹותָ֣יו מְבִישָֽׁה׃ | 4 |
Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha; niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.
מַחְשְׁבֹ֣ות צַדִּיקִ֣ים מִשְׁפָּ֑ט תַּחְבֻּלֹ֖ות רְשָׁעִ֣ים מִרְמָֽה׃ | 5 |
Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha; gorsi jalʼootaa garuu gowwoomsaa dha.
דִּבְרֵ֣י רְשָׁעִ֣ים אֱרָב־דָּ֑ם וּפִ֥י יְ֝שָׁרִ֗ים יַצִּילֵֽם׃ | 6 |
Dubbiin hamootaa dhiiga dhangalaasuuf riphee nama eeggata; haasaan tolootaa garuu duʼa jalaa nama baasa.
הָפֹ֣וךְ רְשָׁעִ֣ים וְאֵינָ֑ם וּבֵ֖ית צַדִּיקִ֣ים יַעֲמֹֽד׃ | 7 |
Namoonni hamoon ni garagalfamu; deebiʼaniis hin argaman; manni qajeeltotaa garuu jabaatee dhaabata.
לְֽפִי־שִׂ֭כְלֹו יְהֻלַּל־אִ֑ישׁ וְנַעֲוֵה־לֵ֝֗ב יִהְיֶ֥ה לָבֽוּז׃ | 8 |
Namni tokko akkuma ogummaa isaatti jajama; namni yaada jalʼaa qabu immoo ni tuffatama.
טֹ֣וב נִ֭קְלֶה וְעֶ֣בֶד לֹ֑ו מִ֝מְּתַכַּבֵּ֗ד וַחֲסַר־לָֽחֶם׃ | 9 |
Namni tuffatamaan hojjetaa qabu tokko, nama of kabaju kan waan nyaatu iyyuu hin qabne caala.
יֹודֵ֣עַ צַ֭דִּיק נֶ֣פֶשׁ בְּהֶמְתֹּ֑ו וְֽרַחֲמֵ֥י רְ֝שָׁעִ֗ים אַכְזָרִֽי׃ | 10 |
Namni qajeelaan lubbuu horii isaatiif yaada; hojiin jalʼootaa garuu tolaan isaa iyyuu hammina.
עֹבֵ֣ד אַ֭דְמָתֹו יִֽשְׂבַּֽע־לָ֑חֶם וּמְרַדֵּ֖ף רֵיקִ֣ים חֲסַר־לֵֽב׃ | 11 |
Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata; kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu.
חָמַ֣ד רָ֭שָׁע מְצֹ֣וד רָעִ֑ים וְשֹׁ֖רֶשׁ צַדִּיקִ֣ים יִתֵּֽן׃ | 12 |
Hamoonni boojuu jalʼootaa hawwu; hiddi qajeeltotaa garuu ni lalisa.
בְּפֶ֣שַׁע שְׂ֭פָתַיִם מֹוקֵ֣שׁ רָ֑ע וַיֵּצֵ֖א מִצָּרָ֣ה צַדִּֽיק׃ | 13 |
Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama; namni qajeelaan garuu rakkoo jalaa miliqa.
מִפְּרִ֣י פִי־אִ֭ישׁ יִשְׂבַּע־טֹ֑וב וּגְמ֥וּל יְדֵי־אָ֝דָ֗ם יָשׁוּב (יָשִׁ֥יב) לֹֽו׃ | 14 |
Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama; hojiin harka namaas isumaaf deebiʼa.
דֶּ֣רֶךְ אֱ֭וִיל יָשָׁ֣ר בְּעֵינָ֑יו וְשֹׁמֵ֖עַ לְעֵצָ֣ה חָכָֽם׃ | 15 |
Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata; namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa.
אֱוִ֗יל בַּ֭יֹּום יִוָּדַ֣ע כַּעְסֹ֑ו וְכֹסֶ֖ה קָלֹ֣ון עָרֽוּם׃ | 16 |
Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama; namni hubataan garuu arrabsoo tuffata.
יָפִ֣יחַ אֱ֭מוּנָה יַגִּ֣יד צֶ֑דֶק וְעֵ֖ד שְׁקָרִ֣ים מִרְמָֽה׃ | 17 |
Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna; dhuga baatuun sobaa garuu soba dubbatti.
יֵ֣שׁ בֹּ֖וטֶה כְּמַדְקְרֹ֣ות חָ֑רֶב וּלְשֹׁ֖ון חֲכָמִ֣ים מַרְפֵּֽא׃ | 18 |
Dubbiin of eeggannaa hin qabne akkuma goraadee nama waraana; arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa.
שְֽׂפַת־אֱ֭מֶת תִּכֹּ֣ון לָעַ֑ד וְעַד־אַ֝רְגִּ֗יעָה לְשֹׁ֣ון שָֽׁקֶר׃ | 19 |
Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata; arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata.
מִ֭רְמָה בְּלֶב־חֹ֣רְשֵׁי רָ֑ע וּֽלְיֹעֲצֵ֖י שָׁלֹ֣ום שִׂמְחָֽה׃ | 20 |
Garaa warra waan hamaa malatanii keessa gowwoomsaatu jira; warri nagaa buusan garuu gammachuu qabu.
לֹא־יְאֻנֶּ֣ה לַצַּדִּ֣יק כָּל־אָ֑וֶן וּ֝רְשָׁעִ֗ים מָ֣לְאוּ רָֽע׃ | 21 |
Qajeeltotatti miidhaan tokko iyyuu hin dhufu; hamoonni rakkinaan guutamu.
תֹּועֲבַ֣ת יְ֭הוָה שִׂפְתֵי־שָׁ֑קֶר וְעֹשֵׂ֖י אֱמוּנָ֣ה רְצֹונֹֽו׃ | 22 |
Waaqayyo arraba sobu ni jibba; warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada.
אָדָ֣ם עָ֭רוּם כֹּ֣סֶה דָּ֑עַת וְלֵ֥ב כְּ֝סִילִ֗ים יִקְרָ֥א אִוֶּֽלֶת׃ | 23 |
Namni hubataan beekaa taʼuu isaa dhokfata; gowwoonni garuu gowwummaa isaanii labsu.
יַד־חָרוּצִ֥ים תִּמְשֹׁ֑ול וּ֝רְמִיָּ֗ה תִּהְיֶ֥ה לָמַֽס׃ | 24 |
Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa; dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa.
דְּאָגָ֣ה בְלֶב־אִ֣ישׁ יַשְׁחֶ֑נָּה וְדָבָ֖ר טֹ֣וב יְשַׂמְּחֶֽנָּה׃ | 25 |
Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa; dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa.
יָתֵ֣ר מֵרֵעֵ֣הוּ צַדִּ֑יק וְדֶ֖רֶךְ רְשָׁעִ֣ים תַּתְעֵֽם׃ | 26 |
Namni qajeelaan ollaa isaa karaa argisiisa; karaan hamootaa garuu karaa irraa nama jalʼisa.
לֹא־יַחֲרֹ֣ךְ רְמִיָּ֣ה צֵידֹ֑ו וְהֹון־אָדָ֖ם יָקָ֣ר חָרֽוּץ׃ | 27 |
Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu; kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata.
בְּאֹֽרַח־צְדָקָ֥ה חַיִּ֑ים וְדֶ֖רֶךְ נְתִיבָ֣ה אַל־מָֽוֶת׃ | 28 |
Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira; daandii sana irra duuti hin jiru.