< תהילים 105 >
הוֹדוּ לַיהֹוָה קִרְאוּ בִשְׁמוֹ הוֹדִיעוּ בָעַמִּים עֲלִילוֹתָֽיו׃ | 1 |
Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa; waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
שִֽׁירוּ־לוֹ זַמְּרוּ־לוֹ שִׂיחוּ בְּכׇל־נִפְלְאוֹתָֽיו׃ | 2 |
Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa; waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.
הִֽתְהַלְלוּ בְּשֵׁם קׇדְשׁוֹ יִשְׂמַח לֵב ׀ מְבַקְשֵׁי יְהֹוָֽה׃ | 3 |
Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa; garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu.
דִּרְשׁוּ יְהֹוָה וְעֻזּוֹ בַּקְּשׁוּ פָנָיו תָּמִֽיד׃ | 4 |
Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa; yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
זִכְרוּ נִפְלְאוֹתָיו אֲשֶׁר־עָשָׂה מֹפְתָיו וּמִשְׁפְּטֵי־פִֽיו׃ | 5 |
Dinqii inni hojjete, hojii isaa dinqii sanaa fi murtii inni labse yaadadhaa;
זֶרַע אַבְרָהָם עַבְדּוֹ בְּנֵי יַעֲקֹב בְּחִירָֽיו׃ | 6 |
isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Abrahaam taatan, isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa.
הוּא יְהֹוָה אֱלֹהֵינוּ בְּכׇל־הָאָרֶץ מִשְׁפָּטָֽיו׃ | 7 |
Inni Waaqayyo Waaqa keenya; murtiin isaas lafa hunda irra jira.
זָכַר לְעוֹלָם בְּרִיתוֹ דָּבָר צִוָּה לְאֶלֶף דּֽוֹר׃ | 8 |
Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata;
אֲשֶׁר כָּרַת אֶת־אַבְרָהָם וּשְׁבוּעָתוֹ לְיִשְׂחָֽק׃ | 9 |
inni kakuu Abrahaam wajjin gale, kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.
וַיַּעֲמִידֶהָ לְיַעֲקֹב לְחֹק לְיִשְׂרָאֵל בְּרִית עוֹלָֽם׃ | 10 |
Kanas Yaaqoobiif seera, Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee akkana jedhee mirkaneesseera:
לֵאמֹר לְךָ אֶתֵּן אֶת־אֶֽרֶץ־כְּנָעַן חֶבֶל נַחֲלַתְכֶֽם׃ | 11 |
“Ani biyya Kanaʼaan qooda ati dhaaltu godhee siif nan kenna.”
בִּֽהְיוֹתָם מְתֵי מִסְפָּר כִּמְעַט וְגָרִים בָּֽהּ׃ | 12 |
Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti, dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti,
וַיִּֽתְהַלְּכוּ מִגּוֹי אֶל־גּוֹי מִמַּמְלָכָה אֶל־עַם אַחֵֽר׃ | 13 |
sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo gara mootummaa biraatti jooran.
לֹא־הִנִּיחַ אָדָם לְעׇשְׁקָם וַיּוֹכַח עֲלֵיהֶם מְלָכִֽים׃ | 14 |
Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne; sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:
אַֽל־תִּגְּעוּ בִמְשִׁיחָי וְלִנְבִיאַי אַל־תָּרֵֽעוּ׃ | 15 |
“Dibamtoota koo hin tuqinaa; raajota koos hin miidhinaa.”
וַיִּקְרָא רָעָב עַל־הָאָרֶץ כׇּֽל־מַטֵּה־לֶחֶם שָׁבָֽר׃ | 16 |
Inni beela biyyattiitti waame; midhaan nyaataa hundas ni balleesse;
שָׁלַח לִפְנֵיהֶם אִישׁ לְעֶבֶד נִמְכַּר יוֹסֵֽף׃ | 17 |
innis Yoosef namicha akka garbaatti gurgurame tokko isaan dura erge.
עִנּוּ בַכֶּבֶל (רגליו) [רַגְלוֹ] בַּרְזֶל בָּאָה נַפְשֽׁוֹ׃ | 18 |
Isaan foncaadhaan miilla isaa luqqisan; mormi isaas sibiila keessa galfame;
עַד־עֵת בֹּא־דְבָרוֹ אִמְרַת יְהֹוָה צְרָפָֽתְהוּ׃ | 19 |
hamma wanni inni duraan dursee dubbate guutamutti dubbiin Waaqayyoo isa qore.
שָׁלַח מֶלֶךְ וַיַּתִּירֵהוּ מֹשֵׁל עַמִּים וַֽיְפַתְּחֵֽהוּ׃ | 20 |
Mootiin nama ergee gad isa dhiisise; bulchaan sabaa isa hiiksise.
שָׂמוֹ אָדוֹן לְבֵיתוֹ וּמֹשֵׁל בְּכׇל־קִנְיָנֽוֹ׃ | 21 |
Mootichis mana isaa irratti ajajaa, qabeenya isaa hunda irratti immoo bulchaa isa godhate;
לֶאְסֹר שָׂרָיו בְּנַפְשׁוֹ וּזְקֵנָיו יְחַכֵּֽם׃ | 22 |
kanas akka inni akkuma fedhetti qondaaltota isaa gorsuuf, akka inni maanguddoota isaa ogummaa barsiisuuf godhe.
וַיָּבֹא יִשְׂרָאֵל מִצְרָיִם וְיַעֲקֹב גָּר בְּאֶֽרֶץ־חָֽם׃ | 23 |
Israaʼel biyya Gibxi dhaqe; Yaaqoobis akka alagaatti biyya Haam keessa jiraate.
וַיֶּפֶר אֶת־עַמּוֹ מְאֹד וַיַּעֲצִמֵהוּ מִצָּרָֽיו׃ | 24 |
Waaqayyo saba isaa akka malee baayʼise; akka isaan amajaajota isaanii caalaa jabaatanis godhe;
הָפַךְ לִבָּם לִשְׂנֹא עַמּוֹ לְהִתְנַכֵּל בַּעֲבָדָֽיו׃ | 25 |
innis akka isaan saba isaa jibbanii fi akka isaan tajaajiltoota isaatti mariʼataniif yaada isaanii geeddare.
שָׁלַח מֹשֶׁה עַבְדּוֹ אַהֲרֹן אֲשֶׁר בָּחַר־בּֽוֹ׃ | 26 |
Waaqnis Musee tajaajilaa isaatii fi Aroon filatamaa isaa erge.
שָֽׂמוּ־בָם דִּבְרֵי אֹתוֹתָיו וּמֹפְתִים בְּאֶרֶץ חָֽם׃ | 27 |
Isaanis jara gidduutti mallattoo isaa, biyya Haam keessatti immoo dinqii isaa argisiisan.
שָׁלַֽח חֹשֶׁךְ וַיַּחְשִׁךְ וְלֹֽא־מָרוּ אֶת־[דְּבָרֽוֹ] (דבריו)׃ | 28 |
Inni dukkana ergee biyyattii dukkaneesse; isaan dubbii isaatti fincilaniiruutii.
הָפַךְ אֶת־מֵימֵיהֶם לְדָם וַיָּמֶת אֶת־דְּגָתָֽם׃ | 29 |
Inni bishaanota isaanii dhiigatti geeddaree akka qurxummiiwwan isaanii dhuman godhe.
שָׁרַץ אַרְצָם צְפַרְדְּעִים בְּחַדְרֵי מַלְכֵיהֶֽם׃ | 30 |
Fatteen biyya isaanii guutee diinqa mootota isaanii keessa yaaʼe.
אָמַר וַיָּבֹא עָרֹב כִּנִּים בְּכׇל־גְּבוּלָֽם׃ | 31 |
Inni dubbannaan tuunni tisiisaatii fi bookeen biyya isaanii hunda keessa guutte.
נָתַן גִּשְׁמֵיהֶם בָּרָד אֵשׁ לֶהָבוֹת בְּאַרְצָֽם׃ | 32 |
Inni qooda bokkaa cabbii isaaniif roobse; bakakkaas biyya isaaniitti erge;
וַיַּךְ גַּפְנָם וּתְאֵנָתָם וַיְשַׁבֵּר עֵץ גְּבוּלָֽם׃ | 33 |
wayinii isaaniitii fi muka harbuu isaanii balleesse; mukkeen biyya isaaniis ni caccabse.
אָמַר וַיָּבֹא אַרְבֶּה וְיֶלֶק וְאֵין מִסְפָּֽר׃ | 34 |
Inni dubbannaan hawwaannisnii fi korophisni hedduun dhufan;
וַיֹּאכַל כׇּל־עֵשֶׂב בְּאַרְצָם וַיֹּאכַל פְּרִי אַדְמָתָֽם׃ | 35 |
isaanis biqiltuu biyya jaraa hunda nyaatan; waan lafti isaanii baases ni fixan.
וַיַּךְ כׇּל־בְּכוֹר בְּאַרְצָם רֵאשִׁית לְכׇל־אוֹנָֽם׃ | 36 |
Ergasii inni hangafa biyya isaanii hunda, jabina isaanii jalqabaas ni dhaʼe.
וַֽיּוֹצִיאֵם בְּכֶסֶף וְזָהָב וְאֵין בִּשְׁבָטָיו כּוֹשֵֽׁל׃ | 37 |
Akka sabni Israaʼel meetii fi warqee baadhatee baʼu godhe; gosa isaanii keessaa namni tokko iyyuu hin gufanne.
שָׂמַח מִצְרַיִם בְּצֵאתָם כִּֽי־נָפַל פַּחְדָּם עֲלֵיהֶֽם׃ | 38 |
Israaʼeloonni baanaan warri Gibxi gammadan; isaan Israaʼelin sodaatanii turaniitii.
פָּרַשׂ עָנָן לְמָסָךְ וְאֵשׁ לְהָאִיר לָֽיְלָה׃ | 39 |
Inni akka gaaddisaatti duumessa isaan irra qabe; akka halkaniin isaaniif ibsuuf immoo ibidda qabsiiseef.
שָׁאַל וַיָּבֵא שְׂלָו וְלֶחֶם שָׁמַיִם יַשְׂבִּיעֵֽם׃ | 40 |
Isaan kadhannaan inni dimbiriqqee kenneef; buddeena samiitiinis isaan quufse.
פָּתַח צוּר וַיָּזוּבוּ מָיִם הָלְכוּ בַּצִּיּוֹת נָהָֽר׃ | 41 |
Innis kattaa bane; bishaanis keessaa gad dhangalaʼe; akkuma bishaan lagaattis gammoojjii keessaa yaaʼe.
כִּֽי־זָכַר אֶת־דְּבַר קׇדְשׁוֹ אֶֽת־אַבְרָהָם עַבְדּֽוֹ׃ | 42 |
Inni waadaa isaa qulqulluu, kan garbicha isaa Abrahaamiif gale sana yaadateeraatii.
וַיּוֹצִא עַמּוֹ בְשָׂשׂוֹן בְּרִנָּה אֶת־בְּחִירָֽיו׃ | 43 |
Inni saba isaa gammachuun, warra isaaf filataman immoo ililleedhaan baaseera;
וַיִּתֵּן לָהֶם אַרְצוֹת גּוֹיִם וַעֲמַל לְאֻמִּים יִירָֽשׁוּ׃ | 44 |
inni biyya ormootaa isaaniif kenne; isaanis waan saboonni sun itti dadhaban dhaalan;
בַּעֲבוּר ׀ יִשְׁמְרוּ חֻקָּיו וְתוֹרֹתָיו יִנְצֹרוּ הַֽלְלוּ־יָֽהּ׃ | 45 |
kanas akka isaan sirna isaa eeganii seera isaatiif bulaniif godhe. Haalleluuyaa.