< מִשְׁלֵי 2 >

בְּנִי אִם־תִּקַּח אֲמָרָי וּמִצְוֺתַי תִּצְפֹּן אִתָּֽךְ׃ 1
Yaa ilma ko, yoo ati dubbii koo fudhattee ajaja koos of keessatti kuufatte,
לְהַקְשִׁיב לַחׇכְמָה אׇזְנֶךָ תַּטֶּה לִבְּךָ לַתְּבוּנָֽה׃ 2
yoo ati gurra kee ogummaatti garagalfattee yaada kee hubannaatti deebifatte,
כִּי אִם לַבִּינָה תִקְרָא לַתְּבוּנָה תִּתֵּן קוֹלֶֽךָ׃ 3
yoo ati jabaattee qalbeeffannaa barbaaddee hubannaa argachuuf jettee iyyitee kadhatte,
אִם־תְּבַקְשֶׁנָּה כַכָּסֶף וְֽכַמַּטְמוֹנִים תַּחְפְּשֶֽׂנָּה׃ 4
yoo ati akkuma meetiitti isa barbaaddattee akkuma qabeenya dhokfameetti isa barbaadde,
אָז תָּבִין יִרְאַת יְהֹוָה וְדַעַת אֱלֹהִים תִּמְצָֽא׃ 5
ati Waaqayyoon sodaachuu ni hubatta; Waaqa beekuus ni argatta.
כִּֽי־יְהֹוָה יִתֵּן חׇכְמָה מִפִּיו דַּעַת וּתְבוּנָֽה׃ 6
Waaqayyo ogummaa namaa kennaatii; afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.
(וצפן) [יִצְפֹּן] לַיְשָׁרִים תּוּשִׁיָּה מָגֵן לְהֹלְכֵי תֹֽם׃ 7
Inni qajeeltotaaf ogummaa dhugaa kuusa; warra adeemsi isaanii mudaa hin qabneef gaachana;
לִנְצֹר אׇרְחוֹת מִשְׁפָּט וְדֶרֶךְ חֲסִידָו יִשְׁמֹֽר׃ 8
inni daandii tolootaa ni eega; karaa qulqulloota isaa illee ni tiksa.
אָז תָּבִין צֶדֶק וּמִשְׁפָּט וּמֵישָׁרִים כׇּל־מַעְגַּל־טֽוֹב׃ 9
Ergasii ati qajeelummaa fi murtii qajeelaa, nama wal qixxeessuu, karaa qajeelaa hundas ni hubatta.
כִּֽי־תָבוֹא חׇכְמָה בְלִבֶּךָ וְדַעַת לְֽנַפְשְׁךָ יִנְעָֽם׃ 10
Ogummaan garaa kee seena; beekumsis lubbuu kee gammachiisa.
מְזִמָּה תִּשְׁמֹר עָלֶיךָ תְּבוּנָה תִנְצְרֶֽכָּה׃ 11
Qalbeeffannaan si eega; hubannaanis si tiksa.
לְהַצִּילְךָ מִדֶּרֶךְ רָע מֵאִישׁ מְדַבֵּר תַּהְפֻּכֽוֹת׃ 12
Ogummaan karaa hamootaa irraa, namoota daba dubbatan jalaas si baraara;
הַעֹזְבִים אׇרְחוֹת יֹשֶׁר לָלֶכֶת בְּדַרְכֵי־חֹֽשֶׁךְ׃ 13
warra karaa dukkanaa irra deemuudhaaf jedhanii daandii qajeelaa dhiisan,
הַשְּׂמֵחִים לַעֲשׂוֹת רָע יָגִילוּ בְּֽתַהְפֻּכוֹת רָֽע׃ 14
warra waan hamaa hojjechuutti gammadan, warra jalʼina hojjechuun itti tolu,
אֲשֶׁר אׇרְחֹתֵיהֶם עִקְּשִׁים וּנְלוֹזִים בְּמַעְגְּלוֹתָֽם׃ 15
warra daandiin isaanii jalʼate, warra karaan isaanii dabe jalaa si baraara.
לְהַצִּילְךָ מֵאִשָּׁה זָרָה מִנׇּכְרִיָּה אֲמָרֶיהָ הֶחֱלִֽיקָה׃ 16
Ogummaatu dubartii ganda labee, niitii dubbiidhaan sossobdee ofitti nama harkiftu jalaa si baraara;
הַֽעֹזֶבֶת אַלּוּף נְעוּרֶיהָ וְאֶת־בְּרִית אֱלֹהֶיהָ שָׁכֵֽחָה׃ 17
niitii dhirsa ishee kan jalqabaa dhiiftee kakuu fuula Waaqaa duratti galte sana dagatte jalaa si baraara.
כִּי שָׁחָה אֶל־מָוֶת בֵּיתָהּ וְאֶל־רְפָאִים מַעְגְּלֹתֶֽיהָ׃ 18
Manni ishee gara duʼaatti, karaan ishee immoo gara hafuurota warra duʼaniitti nama geessaatii.
כׇּל־בָּאֶיהָ לֹא יְשׁוּבוּן וְלֹֽא־יַשִּׂיגוּ אׇרְחוֹת חַיִּֽים׃ 19
Namni gara ishee dhaqu tokko iyyuu hin deebiʼu yookaan karaa jireenyaa hin argatu.
לְמַעַן תֵּלֵךְ בְּדֶרֶךְ טוֹבִים וְאׇרְחוֹת צַדִּיקִים תִּשְׁמֹֽר׃ 20
Kanaafuu ati karaa namoota gaggaarii irra ni deemta; daandii qajeeltotaa irraas hin jalʼattu.
כִּֽי־יְשָׁרִים יִשְׁכְּנוּ־אָרֶץ וּתְמִימִים יִוָּתְרוּ בָֽהּ׃ 21
Toloonni biyyattii keessa ni jiraatuutii; warri mudaa hin qabnes achi keessa jiraatu;
וּרְשָׁעִים מֵאֶרֶץ יִכָּרֵתוּ וּבוֹגְדִים יִסְּחוּ מִמֶּֽנָּה׃ 22
hamoonni garuu biyyattii keessaa ni balleeffamu; warri hin amanamnes ishee keessaa buqqifamu.

< מִשְׁלֵי 2 >