< איוב 21 >
וַיַּעַן אִיּוֹב וַיֹּאמַֽר׃ | 1 |
Iyyoob akkana jedhee deebise:
שִׁמְעוּ שָׁמוֹעַ מִלָּתִי וּתְהִי־זֹאת תַּנְחוּמֹֽתֵיכֶֽם׃ | 2 |
“Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa; kun waan isin ittiin na jajjabeessitan haa taʼu.
שָׂאוּנִי וְאָנֹכִי אֲדַבֵּר וְאַחַר דַּבְּרִי תַלְעִֽיג׃ | 3 |
Yeroo ani dubbadhu naa obsaa; erga ani dubbadhee booddee isin natti qoosuu dandeessu.
הֶאָנֹכִי לְאָדָם שִׂיחִי וְאִם־מַדּוּעַ לֹֽא־תִקְצַר רוּחִֽי׃ | 4 |
“Dhugumaan kan ani komadhu namaa? Ani maaliif obsa hin dhabne ree?
פְּנוּ־אֵלַי וְהָשַׁמּוּ וְשִׂימוּ יָד עַל־פֶּֽה׃ | 5 |
Na ilaalaatii dinqisiifadhaa; harka keessanis afaan keessan irra kaaʼadhaa.
וְאִם־זָכַרְתִּי וְנִבְהָלְתִּי וְאָחַז בְּשָׂרִי פַּלָּצֽוּת׃ | 6 |
Ani yommuu waan kana yaadu nan sodaadha; hollannaanis na qabata.
מַדּוּעַ רְשָׁעִים יִֽחְיוּ עָתְקוּ גַּם־גָּבְרוּ חָֽיִל׃ | 7 |
Hamoonni maaliif itti fufanii lubbuun jiraatu? Maaliif dulloomanii humnas argachaa deemu?
זַרְעָם נָכוֹן לִפְנֵיהֶם עִמָּם וְצֶאֱצָאֵיהֶם לְעֵינֵיהֶֽם׃ | 8 |
Ijoolleen isaanii naannoo isaaniitti, sanyiin isaaniis fuula isaanii duratti jabaatanii dhaabatu.
בָּתֵּיהֶם שָׁלוֹם מִפָּחַד וְלֹא שֵׁבֶט אֱלוֹהַּ עֲלֵיהֶֽם׃ | 9 |
Manni isaanii nagaa dha; waan sodaatu illee hin qabu; uleen Waaqaas isaan hin tuqxu.
שׁוֹרוֹ עִבַּר וְלֹא יַגְעִל תְּפַלֵּט פָּרָתוֹ וְלֹא תְשַׁכֵּֽל׃ | 10 |
Kormi isaanii dhalchuu hin dadhabu; saawwan isaanii ni dhalu; hin gatatanis.
יְשַׁלְּחוּ כַצֹּאן עֲוִילֵיהֶם וְיַלְדֵיהֶם יְרַקֵּדֽוּן׃ | 11 |
Isaan ijoollee isaanii akkuma bushaayeetti bobbaasu; daaʼimman isaanii immoo ni burraaqu.
יִשְׂאוּ כְּתֹף וְכִנּוֹר וְיִשְׂמְחוּ לְקוֹל עוּגָֽב׃ | 12 |
Dibbee fi kiraaraan sirbu; sagalee ululleetiinis ni gammadu.
(יבלו) [יְכַלּוּ] בַטּוֹב יְמֵיהֶם וּבְרֶגַע שְׁאוֹל יֵחָֽתּוּ׃ (Sheol ) | 13 |
Isaan bara isaanii badhaadhummaadhaan fixatu; nagaadhaanis ni awwaalamu. (Sheol )
וַיֹּאמְרוּ לָאֵל סוּר מִמֶּנּוּ וְדַעַת דְּרָכֶיךָ לֹא חָפָֽצְנוּ׃ | 14 |
Taʼu illee isaan Waaqaan akkana jedhu; ‘Nu dhiisi! Nu karaa kee beekuuf fedhii hin qabnu.
מַה־שַּׁדַּי כִּֽי־נַעַבְדֶנּוּ וּמַה־נּוֹעִיל כִּי נִפְגַּע־בּֽוֹ׃ | 15 |
Akka nu isa tajaajilluuf Waaqni waan Hunda Dandaʼu eenyu? Nu isa kadhannee maal arganna?’
הֵן לֹא בְיָדָם טוּבָם עֲצַת רְשָׁעִים רָחֲקָה מֶֽנִּי׃ | 16 |
Badhaadhummaan isaanii garuu isaan harka hin jiru; kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha.
כַּמָּה ׀ נֵר־רְשָׁעִים יִדְעָךְ וְיָבֹא עָלֵימוֹ אֵידָם חֲבָלִים יְחַלֵּק בְּאַפּֽוֹ׃ | 17 |
“Garuu ibsaan hamootaa yoom iyyuu ni dhaamaa? Balaan yoom iyyuu isaanitti dhufaa? Waaqnis dheekkamsa isaatiin badiisa isaanitti fidaa?
יִֽהְיוּ כְּתֶבֶן לִפְנֵי־רוּחַ וּכְמֹץ גְּנָבַתּוּ סוּפָֽה׃ | 18 |
Isaan akkuma cidii fuula qilleensaa duraa ti; akkuma habaqii bubbeen hamaan fudhatee deemuu ti.
אֱלוֹהַּ יִצְפֹּן־לְבָנָיו אוֹנוֹ יְשַׁלֵּם אֵלָיו וְיֵדָֽע׃ | 19 |
Isin, ‘Waaqni balleessaa nama tokkoo ilmaan isaatiif kuusa’ jettu. Akka inni waan kana beekuuf Waaqni namichuma mataa isaatiif gatii isaa haa kennu!
יִרְאוּ עֵינָו כִּידוֹ וּמֵחֲמַת שַׁדַּי יִשְׁתֶּֽה׃ | 20 |
Iji isaa badiisa isaa haa argu; inni xoofoo dheekkamsa Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu haa dhugu.
כִּי מַה־חֶפְצוֹ בְּבֵיתוֹ אַחֲרָיו וּמִסְפַּר חֳדָשָׁיו חֻצָּֽצוּ׃ | 21 |
Inni yeroo jiʼi isaaf qoodame dhumutti, waaʼee maatii isaa kan dhiisee biraa deemu sanaa dhimma maalii qabaata?
הַלְאֵל יְלַמֶּד־דָּעַת וְהוּא רָמִים יִשְׁפּֽוֹט׃ | 22 |
“Namni tokko iyyuu Waaqa beekumsa barsiisuu dandaʼaa? Waaqni ol aantotatti iyyuu ni muraatii.
זֶה יָמוּת בְּעֶצֶם תֻּמּוֹ כֻּלּוֹ שַׁלְאֲנַן וְשָׁלֵֽיו׃ | 23 |
Namni tokko utuma itti tolee nagaan jiraatuu, utuma humna guutuu qabuu,
עֲטִינָיו מָלְאוּ חָלָב וּמֹחַ עַצְמוֹתָיו יְשֻׁקֶּֽה׃ | 24 |
utuma dhagni isaa gabbatee jiruu, utuma lafeen isaa dhukaan guutamee jiruu ni duʼa.
וְזֶה יָמוּת בְּנֶפֶשׁ מָרָה וְלֹֽא־אָכַל בַּטּוֹבָֽה׃ | 25 |
Namni biraa immoo utuu gammachuu tokko illee hin argin, jireenya hadhaaʼaa jiraachaa duʼa.
יַחַד עַל־עָפָר יִשְׁכָּבוּ וְרִמָּה תְּכַסֶּה עֲלֵיהֶֽם׃ | 26 |
Isaan biyyoo keessa wal bira ciciisu; lachan isaaniittuu raammoon ni tuutaʼa.
הֵן יָדַעְתִּי מַחְשְׁבֽוֹתֵיכֶם וּמְזִמּוֹת עָלַי תַּחְמֹֽסוּ׃ | 27 |
“Ani yaada keessanii fi mala isin ittiin na miidhuu barbaaddan nan beeka.
כִּי תֹאמְרוּ אַיֵּה בֵית־נָדִיב וְאַיֵּה אֹהֶל ׀ מִשְׁכְּנוֹת רְשָׁעִֽים׃ | 28 |
Isin, ‘Manni namicha guddaa, dunkaanni namoonni hamoon keessa jiraatan amma eessa jira?’ jettu.
הֲלֹא שְׁאֶלְתֶּם עוֹבְרֵי דָרֶךְ וְאֹתֹתָם לֹא תְנַכֵּֽרוּ׃ | 29 |
Isin namoota karaa deeman hin gaafannee? Waan isaan jedhanis hin qalbeeffannee?
כִּי לְיוֹם אֵיד יֵחָשֶׂךְ רָע לְיוֹם עֲבָרוֹת יוּבָֽלוּ׃ | 30 |
Akka namni hamaan guyyaa balaa oolfamu, akka inni guyyaa dheekkamsaa illee baraaramu hin qalbeeffannee?
מִֽי־יַגִּיד עַל־פָּנָיו דַּרְכּוֹ וְהוּא־עָשָׂה מִי יְשַׁלֶּם־לֽוֹ׃ | 31 |
Namni fuuluma isaa dura dhaabatee hojii isaa itti himu eenyu? Namni gatii waan inni hojjetee baasuuf eenyu?
וְהוּא לִקְבָרוֹת יוּבָל וְֽעַל־גָּדִישׁ יִשְׁקֽוֹד׃ | 32 |
Inni gara awwaalaatti geeffama; awwaalli isaas ni eegama.
מָֽתְקוּ־לוֹ רִגְבֵי ־ נָחַל וְאַחֲרָיו כׇּל־אָדָם יִמְשׁוֹךְ וּלְפָנָיו אֵין מִסְפָּֽר׃ | 33 |
Biyyoon sulula keessaa isatti miʼaawa; namoonni hundi isa duukaa buʼu; namoonni akka malee baayʼeenis fuula isaa dura deemu.
וְאֵיךְ תְּנַחֲמוּנִי הָבֶל וּתְשׁוּבֹתֵיכֶם נִשְׁאַר־מָֽעַל׃ | 34 |
“Yoos isin akkamiin waan faayidaa hin qabneen na jajjabeessuu dandeessu ree? Deebiin keessanis soba qofa!”