< שיר השירים 5 >

באתי לגני אחתי כלה--אריתי מורי עם בשמי אכלתי יערי עם דבשי שתיתי ייני עם חלבי אכלו רעים שתו ושכרו דודים 1
Yaa obboleettii ko, misirrittii ko, ani dhufee biqiltuu koo seeneera; ani qumbii koo urgooftuu koo wajjin walitti qabadheera. Ani dhaaba damma koo nadhii isaa wajjin nyaadheera; daadhii wayinii koos aannan koo wajjin dhugeera. Michoota Yaa michoota, nyaadhaa dhugaa; jaalalas dhugaa quufaa.
אני ישנה ולבי ער קול דודי דופק פתחי לי אחתי רעיתי יונתי תמתי--שראשי נמלא טל קוצותי רסיסי לילה 2
Ani rafeera; garaan koo garuu dammaqeera. Mee dhaggeeffadhaa! Michuun koo balbala rurrukutaa jiraatii; inni akkana jedha; “Yaa obboleettii ko, miidhagduu ko, gugee koo kan mudaa hin qabne, balbala naaf bani. Mataan koo fixeensaan, rifeensi koos jiidha halkaniitiin tortoreera.”
פשטתי את כתנתי--איככה אלבשנה רחצתי את רגלי איככה אטנפם 3
Ani uffata koo of irraa baaseera; akkamittan deebisee uffadha ree? Miilla koo dhiqadheera; akkamittan deebisee xureessa ree?
דודי שלח ידו מן החר ומעי המו עליו 4
Michuun koo qaawwa balbalaatiin harka galche; lapheen koo isaaf ni dhaʼate.
קמתי אני לפתח לדודי וידי נטפו מור ואצבעתי מור עבר על כפות המנעול 5
Ani michuu kootiif balbala banuuf nan kaʼe; qabannoo balbalaa irrattis harka koo irraa qumbiin, quba koo irraa immoo qumbiin dhangalaʼaan coccobe.
פתחתי אני לדודי ודודי חמק עבר נפשי יצאה בדברו--בקשתיהו ולא מצאתיהו קראתיו ולא ענני 6
Ani michuu kootiif balbala nan bane; michuun koo garuu achi hin jiru; inni deemeera. Deemuu isaattis garaan koo ni rifate. Ani isa nan barbaade; garuu hin arganne. Ani isa nan waame; inni garuu hin owwaanne.
מצאני השמרים הסבבים בעיר הכוני פצעוני נשאו את רדידי מעלי שמרי החמות 7
Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan. Isaanis na reebanii na madeessan; warri dallaa eegan sunis wayyaa koo narraa baafatan!
השבעתי אתכם בנות ירושלם אם תמצאו את דודי--מה תגידו לו שחולת אהבה אני 8
Yaa intallan Yerusaalem, isin michuun koo yoo argitan jaalalaan dhukkubsachuu koo akka isatti naaf himtan isinan kakachiisa.
מה דודך מדוד היפה בנשים מה דודך מדוד שככה השבעתנו 9
Yaa ishee dubartoota hunda caalaa bareeddu, michuun kee maaliin warra kaan caala? Ati kan akkas nu kakachiiftu, michuun kee maaliin warra kaan caala?
דודי צח ואדום דגול מרבבה 10
Michuun koo diimaa cululuqaa dha; inni namoota kuma kudhan keessaa ni mulʼata.
ראשו כתם פז קוצותיו תלתלים שחרות כעורב 11
Mataan isaa warqee akka malee qulqulluu dha; rifeensi mataa isaa jigaa dha; akkuma arraagessaas gurraacha.
עיניו כיונים על אפיקי מים רחצות בחלב--ישבות על מלאת 12
Iji isaa akkuma gugee burqaa bishaanii biraa kan aannaniin dhiqamee akka faayaatti kaaʼatamuu dha.
לחיו כערוגת הבשם מגדלות מרקחים שפתותיו שושנים--נטפות מור עבר 13
Maddiin isaa akkuma madabii biqiltuu urgooftuu kan shittoo baasuu ti. Hidhiin isaa akkuma daraaraa qumbiin irraa coccobuu ti.
ידיו גלילי זהב ממלאים בתרשיש מעיו עשת שן מעלפת ספירים 14
Harki isaa ulee warqee kan biiraleedhaan faayeffamee dha. Dhagni isaa akkuma ilka arbaa kan sanpeeriin miidhagfamee dha.
שוקיו עמודי שש מיסדים על אדני פז מראהו כלבנון--בחור כארזים 15
Miilli isaa utubaa dhagaa adii kan baattuu warqee qulqulluu irraa hojjetame irra dhaabamee dha. Bifti isaa akkuma Libaanoon, akkuma birbirsaa Libaanoon filatamaa dha.
חכו ממתקים וכלו מחמדים זה דודי וזה רעי בנות ירושלם 16
Dubbiin isaa waan hunda caalaa miʼaawaa dha; inni guutumaan guutuutti namatti tola. Yaa intallan Yerusaalem, kun michuu koo ti; kun michuu koo ti.

< שיר השירים 5 >