< תהילים 91 >

ישב בסתר עליון בצל שדי יתלונן 1
Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu, gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.
אמר--ליהוה מחסי ומצודתי אלהי אבטח-בו 2
Anis Waaqayyoon, “Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti; Waaqa koo kan ani amanadhuu dha” nan jedha.
כי הוא יצילך מפח יקוש מדבר הוות 3
Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa, dhukkuba nama fixu jalaas si baasa.
באברתו יסך לך--ותחת-כנפיו תחסה צנה וסחרה אמתו 4
Inni baallee isaatiin si dhoksa; atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta; amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa.
לא-תירא מפחד לילה מחץ יעוף יומם 5
Atis naasuu halkanii, yookaan xiyya guyyaan futtaafamu hin sodaattu;
מדבר באפל יהלך מקטב ישוד צהרים 6
golfaa dukkana keessa deemu, yookaan dhaʼicha guyyaa saafaan nama balleessu hin sodaannu.
יפל מצדך אלף--ורבבה מימינך אליך לא יגש 7
Kumni tokko si cinatti, kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa; garuu sitti hin dhiʼaatu.
רק בעיניך תביט ושלמת רשעים תראה 8
Ati ijuma kee qofaan ilaalta; adaba hamootatti dhufus ni argita.
כי-אתה יהוה מחסי עליון שמת מעונך 9
Ati waan Waaqayyoon iddoo kooluu itti galtu, Waaqa Waan Hundaa Olii iddoo jireenya keetii godhatteef,
לא-תאנה אליך רעה ונגע לא-יקרב באהלך 10
wanni hamaan si hin tuqu; dhaʼichis dunkaana keetti hin dhiʼaatu.
כי מלאכיו יצוה-לך לשמרך בכל-דרכיך 11
Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif, ergamoota isaa siif ni ajaja;
על-כפים ישאונך פן-תגף באבן רגלך 12
isaanis akka miilla keetiin dhagaatti hin buuneef harka isaaniitiin ol si fuudhu.
על-שחל ופתן תדרך תרמס כפיר ותנין 13
Ati leencaa fi buutii irra ejjetta; leenca saafelaa fi jawwee ni dhidhiitta.
כי בי חשק ואפלטהו אשגבהו כי-ידע שמי 14
Waaqayyos akkana jedha; “Sababii inni na jaallatuuf, ani isa nan oolcha; waan inni maqaa koo beekuuf isa nan eega.
יקראני ואענהו--עמו-אנכי בצרה אחלצהו ואכבדהו 15
Inni na waammata; anis nan deebisaaf; rakkina keessatti ani isa wajjin nan taʼa; isa nan oolcha; ulfinas nan kennaaf.
ארך ימים אשביעהו ואראהו בישועתי 16
Ani umurii dheeraa isa nan quufsa; fayyisuu koos isatti argisiisa.”

< תהילים 91 >