< תהילים 85 >
למנצח לבני-קרח מזמור ב רצית יהוה ארצך שבת שבות (שבית) יעקב | 1 |
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqayyo, ati lafa keetiif arjoomteerta; boojuu Yaaqoobis deebifteerta.
נשאת עון עמך כסית כל-חטאתם סלה | 2 |
Ati balleessaa uummata keetii dhiifteertaaf; cubbuu isaanii hundumaas dhoksiteerta.
אספת כל-עברתך השיבות מחרון אפך | 3 |
Dheekkamsa kee hunda fageessiteerta; aarii kee sodaachisaa sana irraas deebiteerta.
שובנו אלהי ישענו והפר כעסך עמנו | 4 |
Yaa Waaqa Fayyisaa keenya, iddoo keenyatti nu deebisi; dheekkamsa kees nurraa qabi.
הלעולם תאנף-בנו תמשך אפך לדר ודר | 5 |
Ati bara baraan nutti aartaa? Dheekkamsa kee dhaloota tokko irraa dhaloota kaanitti dabarsitaa?
הלא-אתה תשוב תחינו ועמך ישמחו-בך | 6 |
Akka sabni kee sitti gammaduuf, ati lubbuu nutti hin deebiftuu?
הראנו יהוה חסדך וישעך תתן-לנו | 7 |
Yaa Waaqayyo, araara kee nutti mulʼisi; fayyina kees nuu kenni.
אשמעה-- מה-ידבר האל יהוה כי ידבר שלום--אל-עמו ואל-חסידיו ואל-ישובו לכסלה | 8 |
Ani waan Waaqayyo Waaqni jedhu nan dhaggeeffadha; inni saba isaa qulqullootaaf nagaa abdachiisa; isaan garuu gara gowwummaatti hin deebiʼin.
אך קרוב ליראיו ישעו לשכן כבוד בארצנו | 9 |
Akka ulfinni isaa lafa keenya irra jiraatuuf, fayyisuun isaa dhugumaan warra isa sodaatanitti dhiʼoo jira.
חסד-ואמת נפגשו צדק ושלום נשקו | 10 |
Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan; qajeelummaa fi nagaan wal dhungatan.
אמת מארץ תצמח וצדק משמים נשקף | 11 |
Amanamummaan lafa keessaa burqa; qajeelummaan immoo samii irraa gad ilaala.
גם-יהוה יתן הטוב וארצנו תתן יבולה | 12 |
Waaqayyo dhugumaan waan gaarii ni kenna; lafti keenyas midhaan ishee ni kenniti.
צדק לפניו יהלך וישם לדרך פעמיו | 13 |
Qajeelummaan fuula isaa dura deema; miilla isaatiifis karaa qopheessa.