< תהילים 76 >
למנצח בנגינת מזמור לאסף שיר ב נודע ביהודה אלהים בישראל גדול שמו | 1 |
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa Ribuutiin. Faarfannaa Asaaf. Yihuudaa keessatti Waaqni beekamaa dha; maqaan isaas Israaʼel keessatti guddaa dha.
ויהי בשלם סוכו ומעונתו בציון | 2 |
Dunkaanni isaa Saalem keessa, iddoon jireenya isaa Xiyoon keessa jira.
שמה שבר רשפי-קשת מגן וחרב ומלחמה סלה | 3 |
Innis achitti xiyya bobaʼuu fi gaachana, goraadee fi meeshaawwan waraanaa caccabse.
נאור אתה אדיר-- מהררי-טרף | 4 |
Ati ifa uffattee miidhagdeerta; ati tulluuwwan bara baraa caalaa Surra qabeessa.
אשתוללו אבירי לב-- נמו שנתם ולא-מצאו כל-אנשי-חיל ידיהם | 5 |
Gootonni boojiʼamaniiru; hirribaanis fudhatamaniiru; duultota keessaas namni tokko iyyuu harka sochoofachuu hin dandeenye.
מגערתך אלהי יעקב נרדם ורכב וסוס | 6 |
Yaa Waaqa Yaaqoob, ifannaa keetiin fardeenii fi warri fardeen yaabbatan of wallaalaniiru.
אתה נורא אתה--ומי-יעמד לפניך מאז אפך | 7 |
Siʼi qofatu sodaatamuu qaba. Yommuu ati aartu eenyutu fuula kee dura dhaabachuu dandaʼaa?
משמים השמעת דין ארץ יראה ושקטה | 8 |
Ati samii irraa murtii kennite; laftis ni sodaatte; ni calʼiftes;
בקום-למשפט אלהים-- להושיע כל-ענוי-ארץ סלה | 9 |
yaa Waaqi, wanni kunis yommuu ati murtii kennuudhaaf, rakkattoota biyyattii fayyisuuf kaatetti taʼe.
כי-חמת אדם תודך שארית חמת תחגר | 10 |
Dheekkamsi ati namatti dheekkamtu dhugumaan ulfina siif fida; warra dheekkamsa kee irraa hafanis ni hidhatta.
נדרו ושלמו ליהוה אלהיכם כל-סביביו--יבילו שי למורא | 11 |
Waaqayyo Waaqa keessaniif wareegaa; wareegichas guuttadhaa; warri naannoo isaa jiraatan hundinuus Waaqa sodaatamuu qabu sanaaf kennaawwan haa fidan.
יבצר רוח נגידים נורא למלכי-ארץ | 12 |
Inni hafuura bulchitootaa ni cabsa; mootonni lafaas isa sodaatu.