< תהילים 75 >

למנצח אל-תשחת מזמור לאסף שיר ב הודינו לך אלהים--הודינו וקרוב שמך ספרו נפלאותיך 1
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Yeedaloo, “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Asaaf. Yaa Waaqi, nu si galateeffanna; sababii Maqaan kee dhiʼoo taʼeef galata siif galchina; namoonni waaʼee dinqii hojii keetii odeessu.
כי אקח מועד אני מישרים אשפט 2
Ati akkana jetta; “Ani yeroo murteeffame nan filadha; kan qajeelummaadhaan muru ana.
נמגים ארץ וכל-ישביה אנכי תכנתי עמודיה סלה 3
Yommuu laftii fi sabni ishee hundi raafamanitti, kan utubaa ishee jabeessee qabu ana.
אמרתי להוללים אל-תהלו ולרשעים אל-תרימו קרן 4
Ani of tuultotaan akkana nan jedha; ‘Of hin jajinaa.’ Hamootaanis, ‘Gaanfa keessan ol hin qabatinaa.
אל-תרימו למרום קרנכם תדברו בצואר עתק 5
Gaanfa keessan samiitti hin kaasinaa; morma keessan dheereffattanii hin dubbatinaa.’”
כי לא ממוצא וממערב ולא ממדבר הרים 6
Ulfinni baʼa biiftuutii yookaan lixa biiftuutii yookaan lafa onaatii hin dhufuutii.
כי-אלהים שפט זה ישפיל וזה ירים 7
Garuu kan murtii kennu Waaqa; inni nama tokko gad buusa; kaan immoo ol baasa.
כי כוס ביד-יהוה ויין חמר מלא מסך-- ויגר מזה אך-שמריה ימצו ישתו כל רשעי-ארץ 8
Harka Waaqayyoo keessa, xoofoo wayinii urgooftuudhaan walitti makame kan hoomachaan guutame tokkotu jira; inni wayinii sana gad naqa; hamoonni lafaa hundinuu utuu siicoo isaa illee hin hambisin xuruurfatanii dhugu.
ואני אגיד לעלם אזמרה לאלהי יעקב 9
Ani garuu bara baraan waan kana nan labsa; Waaqa Yaaqoobis nan faarfadha.
וכל-קרני רשעים אגדע תרוממנה קרנות צדיק 10
Gaanfa hamoota hundaa nan caccabsa; gaanfi qajeeltotaa garuu ol ol jedha.

< תהילים 75 >