< תהילים 74 >
משכיל לאסף למה אלהים זנחת לנצח יעשן אפך בצאן מרעיתך | 1 |
Maskiilii Asaaf. Yaa Waaqi, ati maaliif bara baraan nu gatte? Aariin kee maaliif hoolota ati bobbaafte irratti akka malee bobaʼa?
זכר עדתך קנית קדם-- גאלת שבט נחלתך הר-ציון זה שכנת בו | 2 |
Saba ati dur filatte, gosa dhaala keetii, warra ati furte, Tulluu Xiyoon iddoo ati jiraattes yaadadhu.
הרימה פעמיך למשאות נצח כל-הרע אויב בקדש | 3 |
Tarkaanfii kee gara waan bara baraan diigameetti qajeelfadhu; diinni waan mana qulqullummaa keessa jiru hunda barbadeesseera.
שאגו צרריך בקרב מועדך שמו אותתם אתות | 4 |
Diinonni kee iddoo qulqulluu kee keessatti bookkisan; mallattoo isaaniis mallattoo godhanii dhaabbatan.
יודע כמביא למעלה בסבך-עץ קרדמות | 5 |
Isaan nama bosona keessatti muka muruuf qottoo ol fudhatu fakkaatu.
ועת (ועתה) פתוחיה יחד-- בכשיל וכילפות יהלמון | 6 |
Isaanis waan soofame hunda, qottoo fi burrusaan caccabsan.
שלחו באש מקדשך לארץ חללו משכן-שמך | 7 |
Isaan mana qulqullummaa kee guban; lafa jireenya Maqaa keetiis ni xureessan.
אמרו בלבם נינם יחד שרפו כל-מועדי-אל בארץ | 8 |
Garaa isaanii keessatti, “Nu guutumaan guutuutti isaan barbadeessina!” jedhan. Iddoo Waaqni biyyattii keessatti itti waaqeffamaa ture hundumas ni guban.
אותתינו לא ראינו אין-עוד נביא ולא-אתנו ידע עד-מה | 9 |
Mallattoon dinqii nuu hin kennamne; siʼachi raajiin tokko illee hin jiru; wanni kun hamma yoomiitti akka turu nu keessaa namni beeku hin jiru.
עד-מתי אלהים יחרף צר ינאץ אויב שמך לנצח | 10 |
Yaa Waaqi, hamma yoomiitti diinni sitti qoosa? Amajaajiinis bara baraan maqaa kee xureessaa?
למה תשיב ידך וימינך מקרב חוקך (חיקך) כלה | 11 |
Ati maaliif harka kee, harka kee mirgaa dachaafatta? Harka kee bobaa jalaa baafadhuutii isaan barbadeessi!
ואלהים מלכי מקדם פעל ישועות בקרב הארץ | 12 |
Yaa Waaqi, ati durumaa jalqabdee mootii koo ti; lafa irrattis hojii fayyinaa hojjetta.
אתה פוררת בעזך ים שברת ראשי תנינים על-המים | 13 |
Situ humna keetiin galaana gargar qoode; ati bishaan keessattis mataa bineensa jawwee fakkaatuu caccabsite.
אתה רצצת ראשי לויתן תתננו מאכל לעם לציים | 14 |
Situ mataa Lewaataan caccabsee nyaata godhee uumamawwan gammoojjii jiraataniif kenne.
אתה בקעת מעין ונחל אתה הובשת נהרות איתן | 15 |
Situ burqaawwanii fi bishaan yaaʼuuf karaa bane; ati laga yeroo hunda yaaʼu illee gogsiteerta.
לך יום אף-לך לילה אתה הכינות מאור ושמש | 16 |
Guyyaan kan kee ti; halkanis keetuma; ati aduu fi jiʼa uumteerta.
אתה הצבת כל-גבולות ארץ קיץ וחרף אתה יצרתם | 17 |
Situ daarii lafaa hunda dhaabe; ati bonaa fi ganna uumteerta.
זכר-זאת--אויב חרף יהוה ועם נבל נאצו שמך | 18 |
Yaa Waaqayyo, akkamitti akka diinni sitti qoosu, akkamitti akka namoonni gowwoonnis maqaa kee xureessan yaadadhu.
אל-תתן לחית נפש תורך חית ענייך אל-תשכח לנצח | 19 |
Lubbuu gugee keetii dabarsitee bineensa bosonaatti hin kennin; jireenya saba kee hiyyoomee bara baraan hin irraanfatin.
הבט לברית כי מלאו מחשכי-ארץ נאות חמס | 20 |
Kakuu kee eegi; iddoon lafaa dukkanaaʼaan hundinuu gooliidhaan guutameeraatii.
אל-ישב דך נכלם עני ואביון יהללו שמך | 21 |
Warri cunqurfaman qaanaʼanii duubatti hin deebiʼin; hiyyeeyyii fi rakkattoonni maqaa kee haa galateeffatan.
קומה אלהים ריבה ריבך זכר חרפתך מני-נבל כל-היום | 22 |
Yaa Waaqi kaʼi; dubbii kees falmadhu; akka gowwoonni guyyaa guutuu sitti qoosan yaadadhu.
אל-תשכח קול צרריך שאון קמיך עלה תמיד | 23 |
Dhaadachuu diinota keetii, bookkisuu diina keetii kan gargar hin cinne sana hin dagatin.