< תהילים 63 >
מזמור לדוד בהיותו במדבר יהודה ב אלהים אלי אתה-- אשחרך צמאה לך נפשי-- כמה לך בשרי בארץ-ציה ועיף בלי-מים | 1 |
Faarfannaa Daawit. Yeroo inni Gammoojjii Yihuudaa keessa turetti. Yaa Waaqi, ati Waaqa koo ti; ani dhugumaan sin barbaadadha; lafa gogaa fi gammoojjii, lafa bishaan hin jirretti, lubbuun koo si dheebotti; foon koos sitti gaggaba.
כן בקדש חזיתך-- לראות עזך וכבודך | 2 |
Kanaafuu ani iddoo qulqulluu keessattin si arge; humna keetii fi ulfina kees nan ilaale.
כי-טוב חסדך מחיים שפתי ישבחונך | 3 |
Waan jaalalli kee jireenya caaluuf, hidhiin koo si jajatti.
כן אברכך בחיי בשמך אשא כפי | 4 |
Ani hamman jirutti sin eebbisa; maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.
כמו חלב ודשן תשבע נפשי ושפתי רננות יהלל-פי | 5 |
Lubbuun koo akka nama dhukaa fi cooma quufeetti quufti; afaan koos hidhii ililleetiin si jajata.
אם-זכרתיך על-יצועי-- באשמרות אהגה-בך | 6 |
Ani siree koo irratti sin yaadadha; halkan guutuus waaʼee kee nan yaada.
כי-היית עזרתה לי ובצל כנפיך ארנן | 7 |
Waan ati gargaarsa koo taateef, ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha.
דבקה נפשי אחריך בי תמכה ימינך | 8 |
Lubbuun koo sitti maxxanti; harki kee mirgaa ol na qaba.
והמה--לשואה יבקשו נפשי יבאו בתחתיות הארץ | 9 |
Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuu boolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu.
יגירהו על-ידי-חרב מנת שעלים יהיו | 10 |
Isaan dabarfamanii goraadeetti kennamu; nyaata waangoos ni taʼu.
והמלך ישמח באלהים יתהלל כל-הנשבע בו כי יסכר פי דוברי-שקר | 11 |
Mootiin garuu Waaqaatti ni gammada; namni Waaqaan kakatu hundinuu ulfina argata; afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama.