< תהילים 54 >

למנצח בנגינת משכיל לדוד ב בבא הזיפים ויאמרו לשאול הלא דוד מסתתר עמנו ג אלהים בשמך הושיעני ובגבורתך תדינני 1
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit. Yeroo warri Ziif Saaʼol bira dhaqanii, “Daawit nu gidduu dhokatee jira” jedhanitti faarfatame. Yaa Waaqi, maqaa keetiin na fayyisi; humna keetiinis naa murteessi.
אלהים שמע תפלתי האזינה לאמרי-פי 2
Yaa Waaqi, kadhannaa koo naa dhagaʼi, dubbii afaan kootiis dhaggeeffadhu.
כי זרים קמו עלי-- ועריצים בקשו נפשי לא שמו אלהים לנגדם סלה 3
Keessumoonni natti kaʼaniiruutii; warri garaa namaa hin laafne lubbuu koo galaafachuu barbaadu; Isaanis warra Waaqaaf ulfina hin kenninee dha.
הנה אלהים עזר לי אדני בסמכי נפשי 4
Kunoo, Waaqni gargaaraa koo ti; Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti.
ישוב (ישיב) הרע לשררי באמתך הצמיתם 5
Hamminni warra maqaa na balleessanii isaanumatti haa deebiʼu; atis amanamummaa keetiin isaan balleessi.
בנדבה אזבחה-לך אודה שמך יהוה כי-טוב 6
Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa; yaa Waaqayyo, ani maqaa kee nan galateeffadha; inni gaariidhaatii.
כי מכל-צרה הצילני ובאיבי ראתה עיני 7
Inni dhiphina koo hundumaa keessaa na baaseeraatii; iji koos ol aantummaadhaan diinota koo of jalatti ilaaleera.

< תהילים 54 >