< תהילים 23 >

מזמור לדוד יהוה רעי לא אחסר 1
Faarfannaa Daawit. Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.
בנאות דשא ירביצני על-מי מנחות ינהלני 2
Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa; gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa;
נפשי ישובב ינחני במעגלי-צדק למען שמו 3
inni lubbuu natti deebisa. Maqaa isaatiif jedhees karaa qajeelaa irra na deemsisa.
גם כי-אלך בגיא צלמות לא-אירא רע-- כי-אתה עמדי שבטך ומשענתך המה ינחמני 4
Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu; uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.
תערך לפני שלחן-- נגד צררי דשנת בשמן ראשי כוסי רויה 5
Ati utuma diinonni koo ilaalanuu fuula koo duratti maaddii naa qopheessita. Mataa koo zayitii dibda; xoofoon koos guutuu irraan dhangalaʼaa dha.
אך טוב וחסד ירדפוני-- כל-ימי חיי ושבתי בבית-יהוה לארך ימים 6
Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee, bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu; anis bara baraan, mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.

< תהילים 23 >