< תהילים 20 >

למנצח מזמור לדוד ב יענך יהוה ביום צרה ישגבך שם אלהי יעקב 1
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Guyyaa rakkinaatti Waaqayyo deebii siif haa kennu; maqaan Waaqa Yaaqoobis si haa eegu.
ישלח-עזרך מקדש ומציון יסעדך 2
Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu; Xiyoon irraas jabina siif haa kennu.
יזכר כל-מנחתך ועולתך ידשנה סלה 3
Aarsaa kee hunda siif haa yaadatu; qalma kee kan gubamus siif haa fudhatu.
יתן-לך כלבבך וכל-עצתך ימלא 4
Hawwii garaa keetii siif haa kennu; karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu.
נרננה בישועתך-- ובשם-אלהינו נדגל ימלא יהוה כל-משאלותיך 5
Yommuu ati moʼattutti ililchinee maqaa Waaqa keenyaatiin faajjii keenya ol fudhanna. Waaqayyo waan ati kadhattu hundumaa siif haa kennu.
עתה ידעתי-- כי הושיע יהוה משיחו יענהו משמי קדשו-- בגברות ישע ימינו 6
Ani akka Waaqayyo dibamaa isaa fayyisu amma beeka; Waaqayyo humna nama fayyisu kan harka isaa mirgaa keessa jiru sanaan samii isaa qulqulluu keessaa deebii ni kennaaf.
אלה ברכב ואלה בסוסים ואנחנו בשם-יהוה אלהינו נזכיר 7
Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu; nu garuu maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaa amananna.
המה כרעו ונפלו ואנחנו קמנו ונתעודד 8
Isaan gufatanii kufu; nu garuu ol kaana; jabaannees ni dhaabanna.
יהוה הושיעה המלך יעננו ביום-קראנו 9
Yaa Waaqayyo, ati mootiidhaaf moʼannaa kenni! Yommuu nu si waammannuttis deebii nuu kenni!

< תהילים 20 >