< תהילים 149 >
הללו-יה שירו ליהוה שיר חדש תהלתו בקהל חסידים | 1 |
Haalleluuyaa. Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa.
ישמח ישראל בעשיו בני-ציון יגילו במלכם | 2 |
Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu; sabni Xiyoon Mootii isaatti haa gammadu.
יהללו שמו במחול בתף וכנור יזמרו-לו | 3 |
Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu; dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.
כי-רוצה יהוה בעמו יפאר ענוים בישועה | 4 |
Waaqayyo saba isaatti ni gammadaatii; warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa.
יעלזו חסידים בכבוד ירננו על-משכבותם | 5 |
Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan; siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan.
רוממות אל בגרונם וחרב פיפיות בידם | 6 |
Galanni Waaqaa afaan isaanii keessa haa jiraatu; goraadeen afaan lamaas harka isaanii keessa haa jiraattu;
לעשות נקמה בגוים תוכחות בלאמים | 7 |
kunis sabootatti haaloo baʼuu fi namoota adabuudhaaf;
לאסר מלכיהם בזקים ונכבדיהם בכבלי ברזל | 8 |
mootota isaanii foncaan, hangafoota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf,
לעשות בהם משפט כתוב-- הדר הוא לכל-חסידיו הללו-יה | 9 |
murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf. Kunis amanamtoota isaa hundaaf ulfina. Haalleluuyaa.