< תהילים 139 >
למנצח לדוד מזמור יהוה חקרתני ותדע | 1 |
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ati na qorteerta; na beekteertas.
אתה ידעת שבתי וקומי בנתה לרעי מרחוק | 2 |
Ati yeroo ani gad taaʼuu fi yeroo ani ol kaʼu ni beekta; yaada koos fagootti hubatta.
ארחי ורבעי זרית וכל-דרכי הסכנתה | 3 |
Deemuu koo fi ciisuu koo addaan baaftee beekta; karaa koo hundas beekta.
כי אין מלה בלשוני הן יהוה ידעת כלה | 4 |
Yaa Waaqayyo, akka dubbiin tokko iyyuu arraba koo hin jirre, ati guutumaan guutuutti ni beekta.
אחור וקדם צרתני ותשת עלי כפכה | 5 |
Ati duraa fi duubaan na marsiteerta; harka kees narra keesseerta.
פלאיה (פליאה) דעת ממני נשגבה לא-אוכל לה | 6 |
Beekumsi akkanaa anaaf akka malee dinqii dha; hubachuufis akka malee narraa fagoo dha.
אנה אלך מרוחך ואנה מפניך אברח | 7 |
Hafuura kee biraa ani eessa dhaquun dandaʼa? Fuula kee duraas ani eessatti baqachuun dandaʼa?
אם אסק שמים שם אתה ואציעה שאול הנך (Sheol ) | 8 |
Yoo ani samiiwwanitti ol baʼe, ati achi jirta; yoo ani siree koo siiʼool keessa dhaabbadhes, achis ni jirta. (Sheol )
אשא כנפי-שחר אשכנה באחרית ים | 9 |
Yoo ani qoochoo ganamaatiin barrisee qarqara galaanaa fagoo irra qubadhe,
גם-שם ידך תנחני ותאחזני ימינך | 10 |
achittis harki kee karaa na argisiisa; harki kee mirgaas jabeessee na qaba.
ואמר אך-חשך ישופני ולילה אור בעדני | 11 |
Yoo ani, “Dhugumaan dukkanni na dhoksa; ifnis naannoo kootti halkan taʼa” jedhe,
גם-חשך לא-יחשיך ממך ולילה כיום יאיר-- כחשיכה כאורה | 12 |
dukkanni iyyuu siif dukkana hin taʼu; halkanis akkuma guyyaa ifa; dukkanni siif akkuma ifaatii.
כי-אתה קנית כליתי תסכני בבטן אמי | 13 |
Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii; gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.
אודך-- על כי נוראות נפליתי נפלאים מעשיך ונפשי ידעת מאד | 14 |
Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef sin galateeffadha; hojiin kee dinqisiisaa dha; kanas ani akka gaariittan beeka.
לא-נכחד עצמי ממך אשר-עשיתי בסתר רקמתי בתחתיות ארץ | 15 |
Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame, lafeen koo si duraa hin dhokanne. Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame,
גלמי ראו עיניך ועל-ספרך כלם יכתבו ימים יצרו ולא (ולו) אחד בהם | 16 |
iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge. Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin, kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.
ולי--מה-יקרו רעיך אל מה עצמו ראשיהם | 17 |
Yaa Waaqi, yaada kee hubachuun akkam ulfaata! Baayʼinni isaas akkam guddaa dha!
אספרם מחול ירבון הקיצתי ועודי עמך | 18 |
Utuu ani isaan lakkaaʼee jiraadhee, silaa lakkoobsi isaanii cirracha irra baayʼata. Ani yeroon dammaqutti, amma iyyuu suma wajjinan jira.
אם-תקטל אלוה רשע ואנשי דמים סורו מני | 19 |
Maaloo yaa Waaqi, ati utuu hamoota fixxee! Warri dhiiga namaa dhangalaaftan, narraa fagaadhaa!
אשר ימרוך למזמה נשוא לשוא עריך | 20 |
Isaan yaada hamaadhaan waaʼee kee dubbatu; diinonni kee akkasumaan maqaa kee dhaʼu.
הלוא-משנאיך יהוה אשנא ובתקוממיך אתקוטט | 21 |
Yaa Waaqayyo, ani warra si jibban hin jibbuu? Warra sitti kaʼanis hin xireeffadhuu?
תכלית שנאה שנאתים לאויבים היו לי | 22 |
Ani hamma dhumaatti isaan jibbeera; akka diina koottis isaan nan heda.
חקרני אל ודע לבבי בחנני ודע שרעפי | 23 |
Yaa Waaqi, na sakattaʼi; garaa koos beeki; qoriitii na ilaali; yaada koos beeki.
וראה אם-דרך-עצב בי ונחני בדרך עולם | 24 |
Yoo karaan hamminaa na keessa jiraate mee ilaali; karaa bara baraa irras na adeemsisi.