< תהילים 125 >

שיר המעלות הבטחים ביהוה-- כהר-ציון לא-ימוט לעולם ישב 1
Faarfannaa ol baʼuu. Warri Waaqayyoon amanatan akka Tulluu Xiyoon kan hin raafamne, kan bara baraan jiraatu sanaa ti.
ירושלם-- הרים סביב לה ויהוה סביב לעמו-- מעתה ועד-עולם 2
Akkuma tulluuwwan Yerusaalemin marsan sana, Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, saba isaa ni marsa.
כי לא ינוח שבט הרשע-- על גורל הצדיקים למען לא-ישלחו הצדיקים בעולתה ידיהם 3
Akka qajeeltonni jalʼina hojjechuuf harka isaanii ol hin diriirfanneef, bokkuun hamootaa lafa qajeeltotaaf ixaadhaan qoodame irra hin jiraatu.
היטיבה יהוה לטובים ולישרים בלבותם 4
Yaa Waaqayyo, warra gaariif, warra garaa isaaniitiin toloota taʼaniifis waan gaarii godhi.
והמטים עקלקלותם-- יוליכם יהוה את-פעלי האון שלום על-ישראל 5
Warra karaa micciiramaatti garagalan garuu, Waaqayyo akkuma warra hammina hojjetan balleessu jaras ni balleessa. Nagaan Israaʼeliif haa taʼu.

< תהילים 125 >