< תהילים 124 >

שיר המעלות לדוד לולי יהוה שהיה לנו-- יאמר-נא ישראל 1
Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Israaʼel akkana haa jedhu: Utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee,
לולי יהוה שהיה לנו-- בקום עלינו אדם 2
utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee, yommuu namoonni nutti kaʼanitti,
אזי חיים בלעונו-- בחרות אפם בנו 3
yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti, silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan;
אזי המים שטפונו-- נחלה עבר על-נפשנו 4
lolaan nu liqimsee dhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture;
אזי עבר על-נפשנו-- המים הזידונים 5
bishaan hamaan nu fudhatee bada ture.
ברוך יהוה-- שלא נתננו טרף לשניהם 6
Waaqayyo akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuuf dabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu.
נפשנו-- כצפור נמלטה מפח יוקשים הפח נשבר ואנחנו נמלטנו 7
Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu, nu isaan jalaa baaneerra; kiyyoon ni ciccite; nus jalaa baane.
עזרנו בשם יהוה-- עשה שמים וארץ 8
Gargaarsi keenya maqaa Waaqayyoo, Uumaa samii fi lafa sanaa ti.

< תהילים 124 >