< תהילים 12 >

למנצח על-השמינית מזמור לדוד ב הושיעה יהוה כי-גמר חסיד כי-פסו אמונים מבני אדם 1
Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu. Yaa Waaqayyo, namni Waaqa sodaatu hin jiruutii ati na gargaar; ilmaan namaa keessaas namni amanamu dhabameeraatii.
שוא ידברו--איש את-רעהו שפת חלקות--בלב ולב ידברו 2
Namni hundinuu ollaa isaatti soba dubbata; isaan nama saadanii garaa lamaan dubbatu.
יכרת יהוה כל-שפתי חלקות-- לשון מדברת גדלות 3
Waaqayyo afaan nama saadu hunda, arraba of tuulu hundas haa kukkutu;
אשר אמרו ללשננו נגביר--שפתינו אתנו מי אדון לנו 4
isaanis, “Nu arraba keenyaan ni moona; hidhiin keenyas keenyuma; eenyutu nurratti gooftummaa qaba?” jedhu.
משד עניים מאנקת אביונים עתה אקום יאמר יהוה אשית בישע יפיח לו 5
Waaqayyo, “Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif, sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa. Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa” jedha.
אמרות יהוה אמרות טהרות כסף צרוף בעליל לארץ מזקק שבעתים 6
Dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu; innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfamee yeroo torba qulqulleeffamee ti.
אתה-יהוה תשמרם תצרנו מן-הדור זו לעולם 7
Yaa Waaqayyo ati nu eegda; dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita.
סביב רשעים יתהלכון כרם זלות לבני אדם 8
Yeroo wanni faayidaa hin qabne ilmaan namaa gidduutti kabajamutti hamoonni of dhiibuudhaan kallattii hundaan asii fi achi naannaʼu.

< תהילים 12 >