< מִשְׁלֵי 9 >
חכמות בנתה ביתה חצבה עמודיה שבעה | 1 |
Ogummaan mana ishee ijaarratte; utubaa ishee torbanis dhagaa irraa qopheeffate.
טבחה טבחה מסכה יינה אף ערכה שלחנה | 2 |
Isheen horii qalattee daadhii wayinii ishee bulbulatte; maaddii ishee illee qopheeffatte.
שלחה נערתיה תקרא-- על-גפי מרמי קרת | 3 |
Tajaajiltoota ishee dubarran ergattee fiixee magaalaa irraa lallabde.
מי-פתי יסר הנה חסר-לב אמרה לו | 4 |
Isheen warra qalbii hin qabneen akkana jetti; “Isin warri homaa hin beekne hundi as kottaa!
לכו לחמו בלחמי ושתו ביין מסכתי | 5 |
Kottaatii nyaata koo nyaadhaa; daadhii wayinii ani bulbuladhe illee dhugaa.
עזבו פתאים וחיו ואשרו בדרך בינה | 6 |
Karaa gowwummaa keessanii sana dhiisaatii jiraadhaa; karaa hubannaa irra deemaa.
יסר לץ--לקח לו קלון ומוכיח לרשע מומו | 7 |
“Namni nama namatti qoosu gorsu kam iyyuu ni arrabsama; namni nama hamaa ifatu kam iyyuu ni salphata.
אל-תוכח לץ פן-ישנאך הוכח לחכם ויאהבך | 8 |
Ati nama namatti qoosu hin ifatin; inni si jibbaatii; nama ogeessa ifadhu; inni si jaallataatii.
תן לחכם ויחכם-עוד הודע לצדיק ויוסף לקח | 9 |
Nama ogeessa gorsi; inni ittuma caalchisee ogeessa taʼaa; nama qajeelaaf barumsa kenni; inni beekumsa isaatti dabalaatii.
תחלת חכמה יראת יהוה ודעת קדשים בינה | 10 |
“Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.
כי-בי ירבו ימיך ויוסיפו לך שנות חיים | 11 |
Karaa kootiin barii jireenya keetii ni dheerata; jireenya kee irrattis waggoonni ni dabalamuutii.
אם-חכמת חכמת לך ולצת לבדך תשא | 12 |
Yoo ati nama ogeessa taate, ogummaan kee si badhaasa; yoo ati kan namatti qoostu taate suma qofatu gidirama.”
אשת כסילות המיה פתיות ובל-ידעה מה | 13 |
Dubartiin gowwaan oduu baayʼifti; isheen raatuu homaa hin beeknee dha.
וישבה לפתח ביתה-- על-כסא מרמי קרת | 14 |
Isheen balbala mana ishee dura, fiixee magaalaa gubbaa barcuma irra teessee
לקרא לעברי-דרך המישרים ארחותם | 15 |
warra achiin darban, kanneen qajeelanii daandii isaanii irra deeman waamti.
מי-פתי יסר הנה וחסר-לב ואמרה לו | 16 |
Isheen warra qalbii hin qabneen akkana jetti. “Isin warri homaa hin beekne hundi as kottaa!
מים-גנובים ימתקו ולחם סתרים ינעם | 17 |
Bishaan hatan ni miʼaawa; nyaanni dhoksaan nyaatanis guddoo namatti tola!”
ולא-ידע כי-רפאים שם בעמקי שאול קראיה (Sheol ) | 18 |
Isaan garuu akka warri duʼan achi jiran, akka keessumoonni ishee dhidhima awwaalaa keessa jiran illee xinnuma beeku. (Sheol )