< מִשְׁלֵי 26 >

כשלג בקיץ--וכמטר בקציר כן לא-נאוה לכסיל כבוד 1
Akkuma cabbii yeroo bonaa yookaan bokkaa yeroo haamaa, nama gowwaaf ulfinni hin malu.
כצפור לנוד כדרור לעוף-- כן קללת חנם לא (לו) תבא 2
Akkuma simbirri barriftu yookaan daaloteen barriftu abaarsi sababii malee dhufu nama irra hin buʼu.
שוט לסוס מתג לחמור ושבט לגו כסילים 3
Alangaan fardaaf, luugamni harreef, uleen immoo dugda gowwaatiif mala!
אל-תען כסיל כאולתו פן-תשוה-לו גם-אתה 4
Gowwaadhaaf akka gowwummaa isaatti hin deebisin; yoo akkas goote ati mataan kee iyyuu akkuma isaa taata.
ענה כסיל כאולתו פן-יהיה חכם בעיניו 5
Gowwaadhaaf deebii gowwummaa isaatiif malu kenni; yoo kanaa achii inni ogeessa of seʼaa.
מקצה רגלים חמס שתה-- שלח דברים ביד-כסיל 6
Harka nama gowwaatti ergaa ergachuun, akkuma miilla ofii irraa muruu yookaan summii dhuguu ti.
דליו שקים מפסח ומשל בפי כסילים 7
Afaan nama gowwaa keessatti, fakkeenyi akkuma miilla naafaa ti.
כצרור אבן במרגמה-- כן-נותן לכסיל כבוד 8
Namni gowwaadhaaf ulfina kennu, akkuma nama furrisaatti dhagaa guduunfuu ti.
חוח עלה ביד-שכור ומשל בפי כסילים 9
Fakkeenyi afaan gowwaa keessatti akkuma qoraattii harka nama machaaʼee keessaa ti.
רב מחולל-כל ושכר כסיל ושכר עברים 10
Namni gowwaa yookaan kara deemaa qaxaratu akkuma adamsaa nama hunda xiyyaan madeessuu ti.
ככלב שב על-קאו-- כסיל שונה באולתו 11
Akkuma sareen diddiga isheetti deebitu sana, gowwaan gowwummaa isaa irra deddeebiʼa.
ראית--איש חכם בעיניו תקוה לכסיל ממנו 12
Ati nama akka ilaalcha ofii isaatti ogeessa taʼe argitaa? Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.
אמר עצל שחל בדרך ארי בין הרחבות 13
Dhibaaʼaan, “Leenci karaa irra jira; leenci sodaachisaan daandii irra jira!” jedha.
הדלת תסוב על-צירה ועצל על-מטתו 14
Akkuma saanqaan muchoo isaa irra naannaʼu, dhibaaʼaan siree ofii irra gaggaragala
טמן עצל ידו בצלחת נלאה להשיבה אל-פיו 15
Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa; gara afaan isaatti deebifachuuf ni dhibaaʼa.
חכם עצל בעיניו-- משבעה משיבי טעם 16
Dhibaaʼaan namoota hubannaadhaan deebii kennan torba caalaa ogeessa of seʼa.
מחזיק באזני-כלב-- עבר מתעבר על-ריב לא-לו 17
Namni lola nama biraa keessa seenu, akkuma nama harkaan gurra saree qabuu ti.
כמתלהלה הירה זקים-- חצים ומות 18
Akkuma maraatuu ibidda yookaan xiyya namatti gad dhiisu tokkoo
כן-איש רמה את-רעהו ואמר הלא-משחק אני 19
namni, “Ani nan qoose!” jedhee ollaa isaa gowwoomsus akkasuma.
באפס עצים תכבה-אש ובאין נרגן ישתק מדון 20
Ibiddi yoo qoraan dhabe ni dhaama; hamiin yoo hin jiraanne, lolli ni qabbanaaʼa.
פחם לגחלים ועצים לאש ואיש מדונים (מדינים) לחרחר-ריב 21
Akkuma cileen barbadaa ibiddaa bobeessee qoraan ibidda qabsiisu sana namni lola jaallatu lola kakaasa.
דברי נרגן כמתלהמים והם ירדו חדרי-בטן 22
Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; gara kutaa garaattis gad buʼa.
כסף סיגים מצפה על-חרש-- שפתים דלקים ולב-רע 23
Dubbiin gaariin garaa hamaa keessaa baʼu akkuma okkotee meetiin irra dibamee ti.
בשפתו ינכר שונא ובקרבו ישית מרמה 24
Namni maqaa namaa balleessu tokko arrabuma ofiitiin nama tolaa of fakkeessa; garaa isaa keessatti immoo gowwoomsaa guduunfata.
כי-יחנן קולו אל-תאמן-בו כי שבע תועבות בלבו 25
Yoo dubbiin isaa sitti miʼaawe iyyuu isa hin amanin; wanni jibbisiisaan torba garaa isaa guuteeraatii.
תכסה שנאה במשאון תגלה רעתו בקהל 26
Jalʼinni isaa sobaan haguugamee dhokfamuu dandaʼa; hamminni isaa garuu fuula waldaa duratti ifatti baʼa.
כרה-שחת בה יפול וגולל אבן אליו תשוב 27
Namni boolla qotu boolla keessa buʼa; nama dhagaa gangalchus, dhagaan sun isumatti deebiʼa.
לשון-שקר ישנא דכיו ופה חלק יעשה מדחה 28
Arrabni sobu tokko warruma miidhu sana jibba; afaan saadu tokkos badiisa fida.

< מִשְׁלֵי 26 >