< מִשְׁלֵי 16 >
לאדם מערכי-לב ומיהוה מענה לשון | 1 |
Karoorri garaa kan namaa ti; deebiin arrabaa garuu Waaqayyo biraa dhufa.
כל-דרכי-איש זך בעיניו ותכן רוחות יהוה | 2 |
Nama tokko karaan isaa hundi qulqulluu itti fakkaata; yaada namaa garuu Waaqayyotu madaala.
גל אל-יהוה מעשיך ויכנו מחשבתיך | 3 |
Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu; karoorri kees siif milkaaʼa.
כל פעל יהוה למענהו וגם-רשע ליום רעה | 4 |
Waaqayyo waan hunda kaayyoo ofii isaatiif hojjeta; hamoota iyyuu guyyaa badiisaatiif qopheessa.
תועבת יהוה כל-גבה-לב יד ליד לא ינקה | 5 |
Namni of tuulu kam iyyuu fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha; dhugumaan inni utuu hin adabamin hin hafu.
בחסד ואמת יכפר עון וביראת יהוה סור מרע | 6 |
Namni jaalalaa fi amanamummaadhaan araara cubbuu argata; Waaqayyoon sodaachuudhaanis hammina irraa cita.
ברצות יהוה דרכי-איש גם-אויביו ישלם אתו | 7 |
Yoo karaan namaa Waaqayyoon gammachiise, inni akka diinonni isaas nagaan isa wajjin jiraatan ni godha.
טוב-מעט בצדקה-- מרב תבואות בלא משפט | 8 |
Galii guddaa jalʼinaan argatan mannaa waan xinnoo qajeelummaan argatan wayya.
לב אדם יחשב דרכו ויהוה יכין צעדו | 9 |
Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata; Waaqayyo garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.
קסם על-שפתי-מלך במשפט לא ימעל-פיו | 10 |
Hidhiin mootii hooda dubbata; afaan isaa illee murtii hin jalʼisu.
פלס ומאזני משפט--ליהוה מעשהו כל-אבני-כיס | 11 |
Madaallii fi safartuun qajeelaan kan Waaqayyoo ti; ulfinni korojoo keessa jiru hundinuu hojii isaa ti.
תועבת מלכים עשות רשע כי בצדקה יכון כסא | 12 |
Sababii teessoon qajeelummaadhaan jabaatee dhaabatuuf mootonni waan hamaa hojjechuu ni balfu.
רצון מלכים שפתי-צדק ודבר ישרים יאהב | 13 |
Mootonni afaan dhugaa dubbatutti ni gammadu; isaan nama dhugaa dubbatu ni jaallatu.
חמת-מלך מלאכי-מות ואיש חכם יכפרנה | 14 |
Dheekkamsi mootii ergamaa duʼaa ti; namni ogeessi garuu ni qabbaneessa.
באור-פני-מלך חיים ורצונו כעב מלקוש | 15 |
Jireenyi ifa fuula mootii keessa jira; surraan isaa akkuma duumessa bokkaa arfaasaa ti.
קנה-חכמה--מה-טוב מחרוץ וקנות בינה נבחר מכסף | 16 |
Ogummaa argachuun warqee caala; hubannaa argachuunis meetii caala!
מסלת ישרים סור מרע שמר נפשו נצר דרכו | 17 |
Daandiin nama tolaa hammina irraa fagoo dha; namni karaa isaa eegus jireenya isaa eeggata.
לפני-שבר גאון ולפני כשלון גבה רוח | 18 |
Of tuuluun badiisaan dura, of bokoksuunis kufaatiin dura deema.
טוב שפל-רוח את-עניים (ענוים) מחלק שלל את-גאים | 19 |
Warra of tuulu wajjin boojuu qooddachuu mannaa, hafuuraan gad of qabanii warra cunqurfame wajjin jiraachuu wayya.
משכיל על-דבר ימצא-טוב ובוטח ביהוה אשריו | 20 |
Namni gorsa fudhatu kam iyyuu ni milkaaʼa; kan Waaqayyoon amanatus eebbifamaa dha.
לחכם-לב יקרא נבון ומתק שפתים יסיף לקח | 21 |
Namni garaadhaan ogeessa taʼe qalbeeffataa jedhama; dubbiin miʼaawu immoo gorsa dabala.
מקור חיים שכל בעליו ומוסר אולים אולת | 22 |
Hubannaan nama isa qabuuf madda jireenyaa ti; gowwummaan garuu gowwootatti adabbii fida.
לב חכם ישכיל פיהו ועל-שפתיו יסיף לקח | 23 |
Garaan nama ogeessaa arraba isaa qajeelcha; afaan isaas gorsa dabala.
צוף-דבש אמרי-נעם מתוק לנפש ומרפא לעצם | 24 |
Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti; inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.
יש דרך ישר לפני-איש ואחריתה דרכי-מות | 25 |
Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira; dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
נפש עמל עמלה לו כי-אכף עליו פיהו | 26 |
Fedhiin hojjetaan tokko nyaataaf qabu hojiif isa kakaasa; beelaʼuun isaas ittuma cima.
איש בליעל כרה רעה ועל-שפתיו (שפתו) כאש צרבת | 27 |
Namni faayidaa hin qabne hammina malata; haasaan isaas akkuma ibidda waa gubuu ti.
איש תהפכות ישלח מדון ונרגן מפריד אלוף | 28 |
Namni jalʼaan lola kakaasa; hamattuun immoo michoota walitti dhiʼaatan gargar baafti.
איש חמס יפתה רעהו והוליכו בדרך לא-טוב | 29 |
Namni jeequmsaan deemu ollaa isaa gowwoomsee karaa jalʼaatti isa geessa.
עצה עיניו לחשב תהפכות קרץ שפתיו כלה רעה | 30 |
Namni ija qisu jalʼina karoorfata; kan hidhii ciniinnatu immoo hammina fida.
עטרת תפארת שיבה בדרך צדקה תמצא | 31 |
Arriin gonfoo ulfinaa ti; innis karaa qajeelaadhaan argama.
טוב ארך אפים מגבור ומשל ברוחו מלכד עיר | 32 |
Goota waraanaa irra nama obsa qabu, nama magaalaa tokko boojiʼee fudhatu irra kan of qabu wayya.
בחיק יוטל את-הגורל ומיהוה כל-משפטו | 33 |
Ixaan gudeeda irratti buufama; murtoon isaa garuu guutumaan guutuutti Waaqayyo biraa dhufa.