< מִשְׁלֵי 13 >

בן חכם מוסר אב ולץ לא-שמע גערה 1
Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa; qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu.
מפרי פי-איש יאכל טוב ונפש בגדים חמס 2
Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin gammada; namni hin amanamne garuu jeequmsaaf ariifata.
נצר פיו שמר נפשו פשק שפתיו מחתה-לו 3
Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata; kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata.
מתאוה ואין נפשו עצל ונפש חרצים תדשן 4
Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu; fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa.
דבר-שקר ישנא צדיק ורשע יבאיש ויחפיר 5
Namni qajeelaan soba jibba; namni hamaan garuu qaanii fi salphina fida.
צדקה תצר תם-דרך ורשעה תסלף חטאת 6
Qajeelummaatu nama tolaa tiksa; hamminni garuu cubbamaa galaafata.
יש מתעשר ואין כל מתרושש והון רב 7
Namni tokko sooressa of fakkeessa; garuu homaa hin qabu; tokko immoo hiyyeessa of fakkeessa; garuu qabeenya guddaa qaba.
כפר נפש-איש עשרו ורש לא-שמע גערה 8
Soorumni nama tokkoo furii jireenya isaa taʼuu dandaʼa; hiyyeessi garuu ifannaa hin dhagaʼu.
אור-צדיקים ישמח ונר רשעים ידעך 9
Ifni nama qajeelaa akka gaarii ifa; ibsaan nama hamaa garuu ni dhaama.
רק-בזדון יתן מצה ואת-נועצים חכמה 10
Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu warra gorsa dhagaʼan biratti argamti.
הון מהבל ימעט וקבץ על-יד ירבה 11
Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada; namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata.
תוחלת ממשכה מחלה-לב ועץ חיים תאוה באה 12
Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa; hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti.
בז לדבר יחבל לו וירא מצוה הוא ישלם 13
Namni gorsa tuffatu badiisa ofitti fida; kan ajaja ulfeessu immoo badhaasa argata.
תורת חכם מקור חיים-- לסור ממקשי מות 14
Barsiisni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti; kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.
שכל-טוב יתן-חן ודרך בגדים איתן 15
Hubannaan gaariin surraa argamsiisa; karaan warra hin amanamnee garuu badiisatti isaan geessa.
כל-ערום יעשה בדעת וכסיל יפרש אולת 16
Namni qalbii qabu kam iyyuu beekumsaan hojjeta; gowwaan immoo gowwummaa isaa mulʼisa.
מלאך רשע יפל ברע וציר אמונים מרפא 17
Ergamaan hamaan rakkoo keessa seena; ergamaan amanamaan garuu fayyina fida.
ריש וקלון פורע מוסר ושמר תוכחת יכבד 18
Namni adabamuu jibbu ni hiyyooma; ni qaanaʼas; kan sirreeffama kabaju immoo ulfina argata.
תאוה נהיה תערב לנפש ותועבת כסילים סור מרע 19
Hawwiin guutame namatti miʼaawa; gowwoonni garuu waan hamaa irraa deebiʼuu balfu.
הלוך (הולך) את-חכמים וחכם (יחכם) ורעה כסילים ירוע 20
Namni nama ogeessa wajjin deemu ogeessa taʼa, michuun gowwootaa garuu ni miidhama.
חטאים תרדף רעה ואת-צדיקים ישלם-טוב 21
Wanni hamaan cubbamoota ariʼata; badhaadhummaan immoo badhaasa qajeelotaa ti.
טוב--ינחיל בני-בנים וצפון לצדיק חיל חוטא 22
Namni gaariin ilmaan ilmaan isaatiif dhaala dabarsa; qabeenyi nama cubbamaa garuu qajeeltotaaf kuufama.
רב-אכל ניר ראשים ויש נספה בלא משפט 23
Qonnaan hiyyeessaa midhaan guddaa baasa; murtiin jalʼaan garuu haxaaʼee duraa balleessa.
חושך שבטו שונא בנו ואהבו שחרו מוסר 24
Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba; kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.
צדיק--אכל לשבע נפשו ובטן רשעים תחסר 25
Namni qajeelaan hamma quufutti nyaata; garaan nama hamaa garuu ni beelaʼa.

< מִשְׁלֵי 13 >