< במדבר 34 >

וידבר יהוה אל משה לאמר 1
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
צו את בני ישראל ואמרת אלהם כי אתם באים אל הארץ כנען זאת הארץ אשר תפל לכם בנחלה ארץ כנען לגבלתיה 2
“Akkana jedhii Israaʼeloota ajaji: ‘Yeroo isin Kanaʼaan seentanitti biyyi akka dhaalaatti isinii kennamtu sun daangaawwan kanneen qabaatti:
והיה לכם פאת נגב ממדבר צן על ידי אדום והיה לכם גבול נגב מקצה ים המלח קדמה 3
“‘Daangaan keessan kan gama kibbaa Gammoojjii Siin kan qarqara Edoom irra jirtu irraa jalqaba; karaa baʼaatiin daangaan keessan kan kibbaa dhuma Galaana Soogiddaa irraa jalqaba;
ונסב לכם הגבול מנגב למעלה עקרבים ועבר צנה והיה (והיו) תוצאתיו מנגב לקדש ברנע ויצא חצר אדר ועבר עצמנה 4
daangaan keessan kibba irraa gara tabba Aqrabiimitti deebiʼee, gara Siinitti ceʼee hamma kibba Qaadesh Barneetti deema. Ergasiis gara Hazar Adaaritti ittuma fufee gara Azimoonitti darba.
ונסב הגבול מעצמון נחלה מצרים והיו תוצאתיו הימה 5
Daangaan sunis Azimoon irraa gara laga Gibxitti deebiʼee galaana gaʼee dhuma.
וגבול ים והיה לכם הים הגדול וגבול זה יהיה לכם גבול ים 6
Daangaan keessan kan gama dhiʼaa immoo qarqara Galaana guddichaa ti. Kunis gama dhiʼaatiin daangaa keessan taʼa.
וזה יהיה לכם גבול צפון מן הים הגדל תתאו לכם הר ההר 7
Daarii keessan kan kaabaatiif galaana guddaadhaa hamma Tulluu Huuritti,
מהר ההר תתאו לבא חמת והיו תוצאת הגבל צדדה 8
Tulluu Huuriitii hamma Leeboo Hamaatiitti mallattoo tolchaa. Daariin sunis hamma Zedaaditti deemee
ויצא הגבל זפרנה והיו תוצאתיו חצר עינן זה יהיה לכם גבול צפון 9
hamma Ziifronitti itti fufee Hazar Eenaan irratti dhuma. Kunis daarii keessan kan kaabaa taʼa.
והתאויתם לכם לגבול קדמה מחצר עינן שפמה 10
Daarii keessan kan baʼaatiifis Hazar Eenaanii jalqabaatii hamma Shefaamaatti mallattoo tolchaa.
וירד הגבל משפם הרבלה מקדם לעין וירד הגבל ומחה על כתף ים כנרת קדמה 11
Daariin sunis Shefaamaa jalqabee karaa baʼa Aayiniitiin hamma Riibilaatti gad buʼa; itti fufees hamma ededa gama baʼaa Galaana Kinereetitti argamuutti deema.
וירד הגבול הירדנה והיו תוצאתיו ים המלח זאת תהיה לכם הארץ לגבלתיה סביב 12
Daariin kunis Yordaanositti gad buʼee Galaana Soogiddaa gaʼee dhaabata. “‘Egaa biyyi gama hundaan daarii qabu kun keessan taʼa.’”
ויצו משה את בני ישראל לאמר זאת הארץ אשר תתנחלו אתה בגורל אשר צוה יהוה לתת לתשעת המטות וחצי המטה 13
Museen akkana jedhee Israaʼeloota ajaje: “Biyya kana dhaala godhadhaatii ixaadhaan qoodadhaa; Waaqayyo akka biyyi kun gosa sagalii fi walakkaadhaaf kennamu ajajeera;
כי לקחו מטה בני הראובני לבית אבתם ומטה בני הגדי לבית אבתם וחצי מטה מנשה לקחו נחלתם 14
maatiiwwan gosa Ruubeen, kan gosa Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee dhaala ofii fudhataniiruutii.
שני המטות וחצי המטה לקחו נחלתם מעבר לירדן ירחו--קדמה מזרחה 15
Gosoonni lamaanii fi walakkaan gosa tokkoo Yordaanos gamaa, fuullee Yerikootii gara baʼa biiftuutti karaa baʼaatiin dhaala isaanii argataniiru.”
וידבר יהוה אל משה לאמר 16
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
אלה שמות האנשים אשר ינחלו לכם את הארץ אלעזר הכהן ויהושע בן נון 17
“Maqaan namoota akka dhaalaatti lafa kana isinii qoodaniis Eleʼaazaar lubichaa fi Iyyaasuu ilma Nuunii ti.
ונשיא אחד נשיא אחד ממטה--תקחו לנחל את הארץ 18
Isinis akka isaan lafa dhaalaa qoodaniif tokkoo tokkoo gosaa keessaa hoogganaa tokko filadhaa.
ואלה שמות האנשים למטה יהודה כלב בן יפנה 19
“Maqaan isaaniis kanneenii dha: “Gosa Yihuudaa keessaa, Kaaleb ilma Yefunee;
ולמטה בני שמעון שמואל בן עמיהוד 20
gosa Simiʼoon keessaa, Shemuuʼeel ilma Amiihuud;
למטה בנימן אלידד בן כסלון 21
gosa Beniyaam keessaa, Eliidaad ilma Kisloon;
ולמטה בני דן נשיא--בקי בן יגלי 22
gosa Daan keessaa hoogganaan, Bukii ilma Yoogilii;
לבני יוסף למטה בני מנשה נשיא--חניאל בן אפד 23
gosa Minaasee ilma Yoosef keessaa hoogganaan, Haniiʼeel ilma Eefoodi;
ולמטה בני אפרים נשיא--קמואל בן שפטן 24
gosa Efreem ilma Yoosef keessaa hoogganaan, Qamuʼeel ilma Shiifxaan;
ולמטה בני זבולן נשיא--אליצפן בן פרנך 25
gosa Zebuuloon keessaa hoogganaan, Eliisaafaan ilma Phaarnaak;
ולמטה בני יששכר נשיא--פלטיאל בן עזן 26
gosa Yisaakor keessaa hoogganaan, Phaaltiiʼeel ilma Azaan;
ולמטה בני אשר נשיא--אחיהוד בן שלמי 27
gosa Aasheer keessaa hoogganaan, Ahiihuud ilma Sheloomii;
ולמטה בני נפתלי נשיא--פדהאל בן עמיהוד 28
gosa Niftaalem keessaa hoogganaan, Phedaaʼeel ilma Amiihuud.”
אלה אשר צוה יהוה לנחל את בני ישראל בארץ כנען 29
Namoonni kunneen warra Waaqayyo akka isaan biyya Kanaʼaan keessatti Israaʼelootaaf dhaala hiraniif isaan ajajee dha.

< במדבר 34 >