< במדבר 10 >
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe:
עשה לך שתי חצוצרת כסף--מקשה תעשה אתם והיו לך למקרא העדה ולמסע את המחנות | 2 |
“Meetii tumame irraa malakata lama tolfadhuutii hawaasa walitti waamuu fi akka qubanni kaʼee deemu gochuuf itti fayyadami.
ותקעו בהן--ונועדו אליך כל העדה אל פתח אהל מועד | 3 |
Yeroo malakanni lamaan afuufamanitti hawaasni hundi balbala dunkaana wal gaʼiitti fuula kee duratti walitti haa qabamu.
ואם באחת יתקעו--ונועדו אליך הנשיאים ראשי אלפי ישראל | 4 |
Yoo malakanni tokko qofti afuufame garuu hooggantoonni jechuunis abbootiin gosoota Israaʼel fuula kee duratti walitti haa qabaman.
ותקעתם תרועה--ונסעו המחנות החנים קדמה | 5 |
Yeroo malakanni afuufamutti gosoonni gama baʼa biiftuutiin qubatan kaʼanii haa deeman.
ותקעתם תרועה שנית--ונסעו המחנות החנים תימנה תרועה יתקעו למסעיהם | 6 |
Yeroo malakanni siʼa lammaffaa afuufamutti immoo gosoonni gama kibbaatiin qubatan kaʼanii haa deeman. Malakanni afuufamu sun mallattoo isaan ittiin qubata keessaa baʼanii dha.
ובהקהיל את הקהל--תתקעו ולא תריעו | 7 |
Hawaasa walitti qabuudhaaf malakata afuufi; garuu mallattoo wal fakkaatuun hin afuufin.
ובני אהרן הכהנים יתקעו בחצצרות והיו לכם לחקת עולם לדרתיכם | 8 |
“Ilmaan Aroon luboonni malakatawwan sana haa afuufan. Kunis isinii fi dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
וכי תבאו מלחמה בארצכם על הצר הצרר אתכם--והרעתם בחצצרת ונזכרתם לפני יהוה אלהיכם ונושעתם מאיביכם | 9 |
Isin yommuu biyya keessan keessatti diina isin cunqursu tokkotti duuluuf baatanitti malakatawwan sana afuufaa. Yoos Waaqayyo Waaqni keessan isin yaadatee diina keessan jalaa isin baasa.
וביום שמחתכם ובמועדיכם ובראשי חדשיכם--ותקעתם בחצצרת על עלתיכם ועל זבחי שלמיכם והיו לכם לזכרון לפני אלהיכם אני יהוה אלהיכם | 10 |
Akkasumas guyyaa gammachuu keessanii jechuunis gaafa ayyaana beekamaa fi Ayyaana Baatii Haaraatti aarsaa keessan kan gubamuu fi aarsaa keessan kan nagaa irratti malakatawwan afuufaa; wanni kunis fuula Waaqa keessanii duratti yaadannoo isiniif taʼa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.”
ויהי בשנה השנית בחדש השני--בעשרים בחדש נעלה הענן מעל משכן העדת | 11 |
Jiʼa lammaffaa waggaa lammaffaa keessa guyyaa digdammaffaatti duumessi sun dunkaana dhuga Baʼumsaa irraa kaʼe.
ויסעו בני ישראל למסעיהם ממדבר סיני וישכן הענן במדבר פארן | 12 |
Israaʼeloonnis Gammoojjii Siinaatii kaʼanii hamma duumessi sun Gammoojjii Phaaraanii keessa qubatutti iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti deeman.
ויסעו בראשנה על פי יהוה ביד משה | 13 |
Isaan yeroo jalqabaa kanatti ajaja Waaqayyo karaa Museetiin kenneen kaʼanii deeman.
ויסע דגל מחנה בני יהודה בראשנה--לצבאתם ועל צבאו--נחשון בן עמינדב | 14 |
Kutaan qubata ijoollee Yihuudaa faajjii isaanii jalaan jalqabatti deeman. Nahishoon ilmi Amiinaadaab ajajaa isaanii ture.
ועל צבא--מטה בני יששכר נתנאל בן צוער | 15 |
Naatnaaʼel ilmi Zuuwaar ajajaa kutaa gosa Yisaakor ture;
ועל צבא--מטה בני זבולן אליאב בן חלן | 16 |
Eliiyaab ilmi Heeloon ajajaa kutaa gosa Zebuuloon ture.
והורד המשכן ונסעו בני גרשון ובני מררי נשאי המשכן | 17 |
Dunkaanni qulqulluun sunis achii buqqifame; akkasiin Geershoononnii fi Meraaronni warri dunkaana baatan kaʼanii deeman.
ונסע דגל מחנה ראובן--לצבאתם ועל צבאו--אליצור בן שדיאור | 18 |
Kutaan qubata Ruubeenis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliizuur ilmi Shedeeʼuur ajajaa isaanii ture.
ועל צבא--מטה בני שמעון שלמיאל בן צורישדי | 19 |
Shilumiiʼeel ilmi Zuriishadaayi ajajaa kutaa gosa Simiʼoon ture;
ועל צבא מטה בני גד אליסף בן דעואל | 20 |
Eliyaasaaf ilmi Deʼuuʼeel ajajaa kutaa gosa Gaad ture.
ונסעו הקהתים נשאי המקדש והקימו את המשכן עד באם | 21 |
Ergasii Qohaatonni miʼa qulqulluu baatanii kaʼanii deeman. Dunkaanni qulqulluun sun immoo utuu isaan achi hin gaʼin dhaabamee ture.
ונסע דגל מחנה בני אפרים--לצבאתם ועל צבאו--אלישמע בן עמיהוד | 22 |
Kutaan qubata Efreemis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliishaamaan ilmi Amiihuud ajajaa isaanii ture.
ועל צבא--מטה בני מנשה גמליאל בן פדהצור | 23 |
Gamaaliʼeel ilmi Phedaasuur ajajaa kutaa gosa Minaasee ture;
ועל צבא--מטה בני בנימן אבידן בן גדעוני | 24 |
Abiidaan ilmi Gaadeyoon ajajaa kutaa gosa Beniyaam ture.
ונסע דגל מחנה בני דן--מאסף לכל המחנת לצבאתם ועל צבאו--אחיעזר בן עמישדי | 25 |
Dhuma irratti kutaan qubata Daan eegduu karaa duubaa kan kutaawwan hundaa taʼanii faajjii isaanii jalaan kaʼanii deeman. Ahiiʼezer ilmi Amiishadaay ajajaa isaanii ture.
ועל צבא--מטה בני אשר פגעיאל בן עכרן | 26 |
Fagiʼeel ilmi Okraan ajajaa kutaa gosa Aasheer ture;
ועל צבא--מטה בני נפתלי אחירע בן עינן | 27 |
Ahiiraan ilmi Eenaan ajajaa kutaa gosa Niftaalem ture.
אלה מסעי בני ישראל לצבאתם ויסעו | 28 |
Egaa kutaawwan saba Israaʼel yommuu kaʼanii deemanitti tartiiba kanaan sochoʼan.
ויאמר משה לחבב בן רעואל המדיני חתן משה נסעים אנחנו אל המקום אשר אמר יהוה אתו אתן לכם לכה אתנו והטבנו לך כי יהוה דבר טוב על ישראל | 29 |
Ergasii Museen Hoobaab ilma Reʼuuʼeel, namicha Midiyaan abbaa niitii Musee sanaan akkana jedhe; “Nu biyya Waaqayyo, ‘Ani isinii kenna’ nuun jedhe sana dhaquuf deemaa jirra. Nu waan gaarii siif goonaatii kottuu nu wajjin deemi; Waaqayyo waan gaarii Israaʼelootaaf kakateeraatii.”
ויאמר אליו לא אלך כי אם אל ארצי ואל מולדתי אלך | 30 |
Inni immoo, “Lakki ani hin deemuu; ani biyyuma kootti gara saba kootti nan deebiʼa” jedhee deebise.
ויאמר אל נא תעזב אתנו כי על כן ידעת חנתנו במדבר והיית לנו לעינים | 31 |
Museen garuu akkana jedheen; “Maaloo nu dhiistee hin deemin. Ati gammoojjii keessatti iddoo nu qubannu ni beekta; ijas nuu taʼuu dandeessa.
והיה כי תלך עמנו והיה הטוב ההוא אשר ייטיב יהוה עמנו--והטבנו לך | 32 |
Yoo ati nu wajjin deemte nu waan gaarii Waaqayyo nuu kennu si wajjin qoodanna.”
ויסעו מהר יהוה דרך שלשת ימים וארון ברית יהוה נסע לפניהם דרך שלשת ימים לתור להם מנוחה | 33 |
Isaan tulluu Waaqayyoo irraa kaʼanii guyyaa sadii deeman. Taabonni kakuu Waaqayyoos iddoo isaan boqotan isaaniif barbaaduuf jedhee guyyaa sadanuu isaan dura deeme.
וענן יהוה עליהם יומם בנסעם מן המחנה ] | 34 |
Duumessi Waaqayyoo sun yeroo isaan qubata keessaa baʼan guyyaa guyyaa isaan irra ture.
ויהי בנסע הארן ויאמר משה קומה יהוה ויפצו איביך וינסו משנאיך מפניך | 35 |
Yeroo taabonni sun kaʼee deemu Museen akkana jedha ture; “Yaa Waaqayyo, kaʼi! Diinonni kee haa bittinneeffaman; warri si jibbanis fuula kee duraa haa baqatan.”
ובנחה יאמר שובה יהוה רבבות אלפי ישראל ] | 36 |
Yeroo inni boqochuuf dhufu akkana jedha ture; “Yaa Waaqayyo, gara kumaatama Israaʼel hedduutti deebiʼi.”