< נחמיה 11 >

וישבו שרי העם בירושלם ושאר העם הפילו גורלות להביא אחד מן העשרה לשבת בירושלם עיר הקדש ותשע הידות בערים 1
Yeroo sanatti hooggantoonni sabaa Yerusaalem keessa qubatan; warri kaan immoo akka inni Yerusaalem magaalaa qulqulluu sana keessa jiraatuuf nama kudhan keessaa tokko fidachuuf ixaa buufatan; warri hafan sagallan immoo magaalaadhuma ofii isaanii keessatti hafan.
ויברכו העם--לכל האנשים המתנדבים לשבת בירושלם 2
Sabnis namoota Yerusaalem keessa jiraachuuf fedhiin of kennan hunda eebbise.
ואלה ראשי המדינה אשר ישבו בירושלם ובערי יהודה ישבו איש באחזתו בעריהם ישראל הכהנים והלוים והנתינים ובני עבדי שלמה 3
Warri kunneen hooggantoota kutaa biyyaa kanneen Yerusaalem keessa qubatanii dha; magaalaawwan Yihuudaa keessa garuu tokkoon tokkoon isaanii qabeenya ofii isaaniitiin magaalaawwan ofii isaanii keessa jiraatan; isaanis: Israaʼeloota, luboota, Lewwota, tajaajiltoota mana qulqullummaa fi sanyiiwwan tajaajiltoota Solomoon;
ובירושלם ישבו מבני יהודה ומבני בנימן מבני יהודה עתיה בן עזיה בן זכריה בן אמריה בן שפטיה בן מהללאל--מבני פרץ 4
ilmaan Yihuudaa fi ilmaan Beniyaam tokko tokko immoo Yerusaalem keessa jiraatan. Sanyii Yihuudaa Keessaa: Ataayaa ilma Uziyaa, ilma Zakkaariyaas, ilma Amariyaa, ilma Shefaaxiyaa, ilma Mahalaleel, sanyii Faares; akkasumas
ומעשיה בן ברוך בן כל חזה בן חזיה בן עדיה בן יויריב בן זכריה--בן השלני 5
Maʼaseyaa ilma Baaruk, ilma Kol-Hoozee, ilma Hazaayaa, ilma Adaayaa, ilma Yooyaariib, ilma Zakkaariyaas, sanyii Shelaa.
כל בני פרץ הישבים בירושלם--ארבע מאות ששים ושמנה אנשי חיל 6
Sanyiin Faares warri Yerusaalem keessa jiraatan walumaa galatti namoota jajjaboo 468 turan.
ואלה בני בנימן סלא בן משלם בן יועד בן פדיה בן קוליה בן מעשיה בן איתיאל--בן ישעיה 7
Sanyii Beniyaam keessaa: Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Yooʼeed, ilma Phedaayaa, ilma Qolaayaa, ilma Maʼaseyaa, ilma Iitiiʼeel, ilma Yeshaayaa,
ואחריו גבי סלי--תשע מאות עשרים ושמנה 8
duukaa buutota isaa Gabayii fi Salaayi; isaan walumatti nama 928 turan.
ויואל בן זכרי פקיד עליהם ויהודה בן הסנואה על העיר משנה 9
Yooʼeel ilmi Zikrii toʼataa isaanii ture; Yihuudaan ilmi Hasenuuʼaa bulchaa itti aanaa ture.
מן הכהנים ידעיה בן יויריב יכין 10
Luboota keessaa: Yedaaʼiyaa, ilma Yooyaariib, Yaakiin;
שריה בן חלקיה בן משלם בן צדוק בן מריות בן אחיטוב--נגד בית האלהים 11
Seraayaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub, bulchaa mana Waaqaa,
ואחיהם עשה המלאכה לבית--שמנה מאות עשרים ושנים ועדיה בן ירחם בן פלליה בן אמצי בן זכריה בן פשחור בן מלכיה 12
obboloota isaanii kanneen mana qulqullummaa keessa hojjetan; walumatti dhiira 822 turan. Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phelaaliyaa, ilma Amzii, ilma Zakkaariyaas, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaatii fi
ואחיו ראשים לאבות מאתים ארבעים ושנים ועמשסי בן עזראל בן אחזי בן משלמות בן אמר 13
obboloota isaa warra abbootii maatii turan; walumatti dhiira 242 turan. Amashisaay ilma Azariʼeel, ilma Ahazaayi, ilma Mashileemoot, ilma Imeeriitii fi
ואחיהם גברי חיל מאה עשרים ושמנה ופקיד עליהם זבדיאל בן הגדולים 14
obboloota isaa namoota jajjaboo; walumatti dhiira 128 turan. Toʼataan isaanii Zabdiiʼel ilma Hagdoolim ture.
ומן הלוים שמעיה בן חשוב בן עזריקם בן חשביה בן בוני 15
Lewwota Keessaa: Shemaaʼiyaa ilma Hashuub, ilma Azriiqaam, ilma Hashabiyaa, ilma Buunii;
ושבתי ויוזבד על המלאכה החיצנה לבית האלהים מראשי הלוים 16
hangafoota Lewwotaa keessaa Shaabetaayii fi Yoozaabaad warra hojii mana Waaqaatiin alaatti itti gaafatamoo turan.
ומתניה בן מיכא בן זבדי בן אסף ראש התחלה יהודה לתפלה ובקבקיה משנה מאחיו ועבדא בן שמוע בן גלל בן ידיתון (ידותון) 17
Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zabdii, ilma Asaaf, namicha yeroo galataatii fi kadhannaatti sagantaa qajeelchu sana; Baqbuqiyaa isa obboloota ofii isaa keessaa lammaffaa ture sana; Abdaa ilma Shamuuʼaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun.
כל הלוים בעיר הקדש מאתים שמנים וארבעה 18
Lewwonni magaalaa qulqullittii walumatti 284 turan.
והשוערים עקוב טלמון ואחיהם השמרים בשערים--מאה שבעים ושנים 19
Eegdota karraa: Aquub, Talmoonii fi obboloota isaanii kanneen karra eegan; isaanis walumatti dhiira 172 turan.
ושאר ישראל הכהנים הלוים בכל ערי יהודה איש בנחלתו 20
Israaʼeloonni kaan immoo lubootaa fi Lewwota wajjin magaalaawwan Yihuudaa keessa tokkoon tokkoon isaanii dhaala ofii isaaniitiin jiraatan.
והנתינים ישבים בעפל וציחא וגשפא על הנתינים 21
Tajaajiltoonni mana qulqullummaa garuu tulluu Oofeel irra jiraatan; Ziihaa fi Gishiphaan immoo ajajjoota isaanii turan.
ופקיד הלוים בירושלם--עזי בן בני בן חשביה בן מתניה בן מיכא מבני אסף המשררים לנגד מלאכת בית האלהים 22
Uuziin ilmi Baanii, ilmi Hashabiyaa, ilmi Mataaniyaa, ilmi Miikaa sun Lewwota Yerusaalem keessa jiraatan irratti qondaala hangafa ture. Uuziin kun sanyiiwwan Asaaf warra faarfattoota itti gaafatamtoota hojii mana Waaqaa turan keessaa tokko ture.
כי מצות המלך עליהם ואמנה על המשררים דבר יום ביומו 23
Faarfattoonni sun ajaja mootichaa kan guyyaa guyyaan hojii isaanii qajeelchu jala turan.
ופתחיה בן משיזבאל מבני זרח בן יהודה ליד המלך לכל דבר לעם 24
Phetaayaan ilmi Mesheezabeel inni sanyiiwwan Zaaraa ilma Yihuudaa keessaa tokko taʼe sun dhimma saba ilaalu hunda keessatti iddoo buʼaa mootichaa ture.
ואל החצרים בשדתם--מבני יהודה ישבו בקרית הארבע ובנתיה ובדיבן ובנתיה וביקבצאל וחצריה 25
Gama gandoota lafa qotiisaa qabaniitiin immoo sabni Yihuudaa tokko tokko Kiriyaati Arbaaqii fi gandoota ishee keessa, Diiboonii fi gandoota ishee keessa, Yeqabziʼeelii fi gandoota ishee keessa,
ובישוע ובמלדה ובבית פלט 26
Yeeshuʼaa keessa, Molaadaa keessa, Beet Phelexi keessa,
ובחצר שועל ובבאר שבע ובנתיה 27
Hazar Shuuʼaal keessa, Bersheebaa fi gandoota ishee keessa,
ובצקלג ובמכנה ובבנתיה 28
Siiqlaagi keessa, Mekoonaa fi gandoota ishee keessa,
ובעין רמון ובצרעה ובירמות 29
Een Rimoon keessa, Zoraa keessa, Yarmuut keessa,
זנח עדלם וחצריהם לכיש ושדתיה עזקה ובנתיה ויחנו מבאר שבע עד גיא הנם 30
Zaanoʼaa keessa, Adulaamii fi gandoota ishee keessa, Laakkiishii fi lafa qotiisaawwan ishee keessa, Azeeqaa fi gandoota ishee keessa qubatan. Kanaafuu isaan Bersheebaa jalqabanii hamma Sulula Hinoomitti jiraatan.
ובני בנימן מגבע מכמש ועיה ובית אל ובנתיה 31
Sanyiiwwan Beniyaam Gebaadhaa jalqabanii Mikmaas keessa, Ayyaa keessa, Beetʼeelii fi gandoota ishee keessa,
ענתות נב ענניה 32
Anaatoot keessa, Noobii fi Hanaaniyaa keessa,
חצור רמה גתים 33
Haazoor keessa, Raamaa fi Gitayim keessa,
חדיד צבעים נבלט 34
Haadiid keessa, Zebooʼiimii fi Nebalaax keessa,
לד ואונו גי החרשים 35
Lood, Oonoo fi Gehaaraashim keessa jiraatan.
ומן הלוים--מחלקות יהודה לבנימין 36
Garee Lewwota Yihuudaa keessaa tokko tokko immoo gosoota Beniyaam gidduu qubatan.

< נחמיה 11 >