< מיכה 5 >

עתה תתגדדי בת גדוד מצור שם עלינו בשבט יכו על הלחי את שפט ישראל 1
Yaa magaalaa raayyaa waraanaa, raayyaa kee hiriirsi; nu marfamneerraatii. Isaan uleedhaan maddii bulchaa Israaʼel dhaʼu.
ואתה בית לחם אפרתה צעיר להיות באלפי יהודה--ממך לי יצא להיות מושל בישראל ומוצאתיו מקדם מימי עולם 2
“Garuu yaa Beetlihem Efraataa, ati yoo balbala Yihuudaa keessaa xinnoo taate iyyuu, kan bulchaa Israaʼel taʼu, kan jiraachuun isaa durumaa, kan bara duriitii jalqabee ture tokko si keessaa baʼee naaf dhufa.”
לכן יתנם עד עת יולדה ילדה ויתר אחיו ישובון על בני ישראל 3
Kanaafuu Israaʼel hamma isheen ciniinsifachaa jirtu deessee obboloonni isaa warri hafan Israaʼelootatti makamuuf deebiʼanitti kophaa hafti.
ועמד ורעה בעז יהוה--בגאון שם יהוה אלהיו וישבו כי עתה יגדל עד אפסי ארץ 4
Inni jabina Waaqayyootiin surraa maqaa Waaqayyo, Waaqa isaatiin dhaabatee bushaayee isaa tikfata. Yeroo sanatti surraan isaa waan daarii lafaa gaʼuuf isaan nagaadhaan jiraatu.
והיה זה שלום אשור כי יבוא בארצנו וכי ידרך בארמנותינו והקמנו עליו שבעה רעים ושמנה נסיכי אדם 5
Inni nagaa keenya taʼa; yeroo warri Asoor biyya keenya weeraranii daʼannoo keenya keessa baʼanitti nu tiksoota torbaa fi ajajjuuwwan saddeet itti kakaasna.
ורעו את ארץ אשור בחרב ואת ארץ נמרד בפתחיה והציל מאשור--כי יבוא בארצנו וכי ידרך בגבולנו 6
Isaan biyya Asoor goraadeedhaan biyya Naamruudis goraadee luqqifameen bulchu. Yeroo warri Asoor biyya keenya weeraranii daarii keenya keessa baʼanitti, inni warra Asoor sana jalaa nu baasa.
והיה שארית יעקב בקרב עמים רבים כטל מאת יהוה כרביבים עלי עשב--אשר לא יקוה לאיש ולא ייחל לבני אדם 7
Hambaan Yaaqoob namoota hedduu gidduutti akkuma fixeensa Waaqayyo biraa dhufuu, akkuma tiifuu marga irraa kan nama hin eegnee yookaan ilmaan namaa hin eeggannee taʼa.
והיה שארית יעקב בגוים בקרב עמים רבים כאריה בבהמות יער ככפיר בעדרי צאן--אשר אם עבר ורמס וטרף ואין מציל 8
Hambaan Yaaqoob saboota gidduutti, uummata hedduu gidduuttis, akkuma leenca bineensota bosonaa gidduu jiruu, akkuma leenca saafela bushaayee gidduu jiru kan irra ejjetee isaan cicciruutii fi kan namni tokko iyyuu harkaa buusuu hin dandeenyee taʼa.
תרם ידך על צריך וכל איביך יכרתו 9
Harki kee moʼannaadhaan diinota keetti kaʼa; amajaajonni kee hundinuu ni barbadeeffamu.
והיה ביום ההוא נאם יהוה והכרתי סוסיך מקרבך והאבדתי מרכבתיך 10
Waaqayyo akkana jedha; “Gaafas ani fardeen keessan gidduu keessanii nan balleessa; gaariiwwan keessan kan waraanaas nan barbadeessa.
והכרתי ערי ארצך והרסתי כל מבצריך 11
Ani magaalaawwan biyya keessanii nan barbadeessa; daʼannoowwan keessan hundas nan diiga.
והכרתי כשפים מידך ומעוננים לא יהיו לך 12
Ani falfaltoota keessan nan balleessa; isinis deebitanii hin mortan.
והכרתי פסיליך ומצבותיך מקרבך ולא תשתחוה עוד למעשה ידיך 13
Ani fakkiiwwan kee soofamoo fi utubaawwan waaqeffannaa keetii gidduu keetii nan balleessa; ati siʼachi gad jettee hojii harka keetiitiif hin sagaddu.
ונתשתי אשיריך מקרבך והשמדתי עריך 14
Ani siidaa Aasheeraa gidduu keetii buqqisee magaalaawwan kees nan barbadeessa.
ועשיתי באף ובחמה נקם--את הגוים אשר לא שמעו 15
Ani saboota naaf hin ajajamin irratti aarii fi dheekkamsaan haaloo nan baʼa.”

< מיכה 5 >