< ויקרא 17 >

וידבר יהוה אל משה לאמר 1
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
דבר אל אהרן ואל בניו ואל כל בני ישראל ואמרת אליהם זה הדבר אשר צוה יהוה לאמר 2
“Aroonii fi ilmaan isaatti, saba Israaʼel hundattis akkana jedhii himi; ‘Wanni Waaqayyo ajaje kunoo kana:
איש איש מבית ישראל אשר ישחט שור או כשב או עז במחנה או אשר ישחט מחוץ למחנה 3
Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yoo qubata keessatti yookaan qubataan alatti sangaa yookaan hoolaa yookaan reʼee qalee
ואל פתח אהל מועד לא הביאו להקריב קרבן ליהוה לפני משכן יהוה--דם יחשב לאיש ההוא דם שפך ונכרת האיש ההוא מקרב עמו 4
dunkaana qulqulluu Waaqayyoo duratti aarsaa godhee Waaqayyoof dhiʼeessuuf balbala dunkaana wal gaʼiitti fiduu baate namichi sun dhiiga dhangalaase sanatti ni gaafatama; inni dhiiga dhangalaaseeraatii saba isaa keessaa haa balleeffamu.
למען אשר יביאו בני ישראל את זבחיהם אשר הם זבחים על פני השדה והביאם ליהוה אל פתח אהל מועד אל הכהן וזבחו זבחי שלמים ליהוה--אותם 5
Kunis akka Israaʼeloonni aarsaawwan amma alatti dhiʼeessaa jiran kana Waaqayyoof fidaniif. Isaanis aarsaawwan kanneen aarsaa nagaa godhanii Waaqayyoof dhiʼeessuuf balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fidan.
וזרק הכהן את הדם על מזבח יהוה פתח אהל מועד והקטיר החלב לריח ניחח ליהוה 6
Lubichis dhiiga sana iddoo aarsaa Waaqayyoo kan balbala dunkaana wal gaʼii irra jiru sanatti haa facaasu; cooma isaas urgaa Waaqayyotti tolu godhee haa gubu.
ולא יזבחו עוד את זבחיהם לשעירם אשר הם זנים אחריהם חקת עולם תהיה זאת להם לדרתם 7
Isaanis siʼachi waaqota tolfamoo bifa reʼee kanneen duukaa buʼanii sagaagalaa turan sanaaf aarsaa isaanii tokko illee dhiʼeessuu hin qaban; kunis isaaniif dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa.’
ואלהם תאמר--איש איש מבית ישראל ומן הגר אשר יגור בתוכם אשר יעלה עלה או זבח 8
“Akkanas isaaniin jedhi; ‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan isaan gidduu jiraatu kam iyyuu yoo aarsaa gubamu yookaan qalma dhiʼeessee
ואל פתח אהל מועד לא יביאנו לעשות אתו ליהוה--ונכרת האיש ההוא מעמיו 9
balbala dunkaana wal gaʼii duratti Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf fiduu baate namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu.
ואיש איש מבית ישראל ומן הגר הגר בתוכם אשר יאכל כל דם--ונתתי פני בנפש האכלת את הדם והכרתי אתה מקרב עמה 10
“‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan gidduu isaanii jiraatu kam iyyuu dhiiga yoo nyaate, ani nama dhiiga nyaate sana fuula ittin hammaa dha; saba isaa keessaas isa nan balleessa.
כי נפש הבשר בדם הוא ואני נתתיו לכם על המזבח לכפר על נפשתיכם כי הדם הוא בנפש יכפר 11
Sababii jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga keessa jiruuf ani ittiin araara lubbuu keessaniif buusuudhaaf dhiiga sana iddoo aarsaa irratti isinii kenneera; wanni jireenya namaatiif araara buusus dhiiga.
על כן אמרתי לבני ישראל כל נפש מכם לא תאכל דם והגר הגר בתוככם לא יאכל דם 12
Kanaafuu ani Israaʼelootaan, “Isin keessaa namni tokko iyyuu dhiiga hin nyaatin yookaan alagaan gidduu keessan jiraatu dhiiga hin nyaatin” nan jedha.
ואיש איש מבני ישראל ומן הגר הגר בתוכם אשר יצוד ציד חיה או עוף אשר יאכל--ושפך את דמו וכסהו בעפר 13
“‘Saba Israaʼel keessaa namni kam iyyuu yookaan alagaan gidduu keessan jiraatu kan bineensa yookaan simbira nyaatamu adamsu kam iyyuu dhiiga waan sanaa dhangalaasee biyyoo itti haa deebisu;
כי נפש כל בשר דמו בנפשו הוא ואמר לבני ישראל דם כל בשר לא תאכלו כי נפש כל בשר דמו הוא כל אכליו יכרת 14
jireenyi waan lubbuu qabu tokkoo dhiiga isaa ti. Sababiin ani Israaʼelootaan, “Waan jireenyi waan lubbuu qabu hundaa dhiiga isaa taʼeef isin dhiiga waan lubbuu qabu tokko illee hin nyaatinaa; namni dhiiga nyaatu kam iyyuu saba keessaa haa balleeffamuu” jedheefis kanuma.
וכל נפש אשר תאכל נבלה וטרפה באזרח ובגר וכבס בגדיו ורחץ במים וטמא עד הערב--וטהר 15
“‘Namni kam iyyuu dhalataa biyyaas taʼu alagaan waan duʼee argame yookaan bineensi ciccire nyaatu uffata isaa haa miiccatu; dhagna isaas bishaaniin haa dhiqatu; inni hamma galgalaatti akka seeraatti xuraaʼaa dha; ergasii ni qulqullaaʼa.
ואם לא יכבס ובשרו לא ירחץ--ונשא עונו 16
Yoo uffata isaa miiccachuu fi dhagna isaa dhiqachuu baate garuu inni cubbuu sanatti ni gaafatama.’”

< ויקרא 17 >