< איכה 2 >

איכה יעיב באפו אדני את בת ציון--השליך משמים ארץ תפארת ישראל ולא זכר הדם רגליו ביום אפו 1
Gooftaan akkamitti duumessa dheekkamsa isaatiin intala Xiyoon haguuge! Inni ulfina Israaʼel samiidhaa lafatti gad daddarbateera; inni guyyaa dheekkamsa isaatti ejjeta miilla isaa hin yaadanne.
בלע אדני לא (ולא) חמל את כל נאות יעקב--הרס בעברתו מבצרי בת יהודה הגיע לארץ חלל ממלכה ושריה 2
Gooftaan gara laafina tokko malee iddoo jireenya Yaaqoob hunda liqimseera; daʼannoo intala Yihuudaas dheekkamsa isaatiin diige. Inni mootummaa isheetii fi bulchitoota ishee salphisee lafatti gad deebise.
גדע בחרי אף כל קרן ישראל--השיב אחור ימינו מפני אויב ויבער ביעקב כאש להבה אכלה סביב 3
Inni dheekkamsa sodaachisaadhaan gaanfa Israaʼel hunda caccabse. Yommuu diinni dhiʼaatettis harka isaa mirgaa duubatti deebifate. Inni akkuma arraba ibiddaa kan waan naannoo isaa jiru gubu sanaa Yaaqoob keessatti bobaʼe.
דרך קשתו כאויב נצב ימינו כצר ויהרג כל מחמדי עין באהל בת ציון שפך כאש חמתו 4
Inni akkuma diinaatti iddaa isaa dabsate; harki isaa mirgaa qophaaʼeera. Warra ijatti bareedan hunda akkuma amajaajiitti qale; dunkaana intala Xiyoonitti dheekkamsa isaa akkuma ibiddaa roobse.
היה אדני כאויב בלע ישראל--בלע כל ארמנותיה שחת מבצריו וירב בבת יהודה תאניה ואניה 5
Gooftaan akkuma diinaa taʼe; inni Israaʼelin liqimseera. Inni masaraawwan ishee hunda liqimsee daʼannoo ishee jabaa illee diigeera. Inni Intala Yihuudaatti booʼichaa fi faaruu booʼichaa baayʼiseera.
ויחמס כגן שכו שחת מעדו שכח יהוה בציון מועד ושבת וינאץ בזעם אפו מלך וכהן 6
Inni lafa jireenya isaa akkuma iddoo biqiltuu onseera; iddoo wal gaʼii isaas balleesseera. Waaqayyo akka Xiyoon ayyaana ishee kan murtaaʼee fi Sanbatoota ishee irraanfattu godheera; inni dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaan moototaa fi luboota akka malee tuffate.
זנח אדני מזבחו נאר מקדשו--הסגיר ביד אויב חומת ארמנותיה קול נתנו בבית יהוה כיום מועד 7
Gooftaan iddoo aarsaa isaa tuffateera; iddoo qulqulluu isaa illee dhiiseera. Dallaawwan masaraawwan ishee dabarsee harka diinotaatti kenneera; isaan akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti mana Waaqayyoo keessatti sagalee ol fudhatanii iyyan.
חשב יהוה להשחית חומת בת ציון--נטה קו לא השיב ידו מבלע ויאבל חל וחומה יחדו אמללו 8
Waaqayyo dallaa naannoo Intala Xiyoon jiru diiguuf murteesseera. Inni safartuu diriirseera; barbadeessuu irraas harka isaa hin deebifanne. Akka dallaan eegumsaatii fi keenyan faarsanii booʼan godhe; isaanis tokkummaadhaan badan.
טבעו בארץ שעריה אבד ושבר בריחיה מלכה ושריה בגוים אין תורה--גם נביאיה לא מצאו חזון מיהוה 9
Karrawwan ishee lafa keessa dhidhimaniiru; inni danqaraawwan sibiila ishee caccabsee balleesseera. Mootiin isheetii fi ilmaan mootota ishee boojiʼamanii saboota gidduu bibittinnaaʼaniiru; seerri siʼachi hin jiraatu; raajonni ishees siʼachi Waaqayyo biraa mulʼata hin argan.
ישבו לארץ ידמו זקני בת ציון--העלו עפר על ראשם חגרו שקים הורידו לארץ ראשן בתולת ירושלם 10
Maanguddoonni Intala Xiyoon calʼisanii lafa tataaʼan; isaan daaraa mataatti firfirfatanii uffata gaddaas uffatan. Shamarran Yerusaalem mataa isaanii gad qabatan.
כלו בדמעות עיני חמרמרו מעי--נשפך לארץ כבדי על שבר בת עמי בעטף עולל ויונק ברחבות קריה 11
Iji koo booʼichaan dadhabeera; keessa kootti dhiphadheera; sababii sabni koo dhumeef sababii ijoollee fi daaʼimman daandiiwwan magaalaa irratti gaggabaniif garaan koo gaddaan laafeera.
לאמתם יאמרו איה דגן ויין בהתעטפם כחלל ברחבות עיר--בהשתפך נפשם אל חיק אמתם 12
Isaan yommuu daandiiwwan magaalaa irratti akkuma namoota madaaʼaniitti gaggabanitti, yommuu lubbuun isaanii hammuu haadha isaanii irratti baʼuuf jirtutti “Buddeennii fi daadhiin wayinii eessaa jiru?” jedhanii haadhota isaanii gaafatu.
מה אעידך מה אדמה לך הבת ירושלם--מה אשוה לך ואנחמך בתולת בת ציון כי גדול כים שברך מי ירפא לך 13
Yaa intala Yerusaalem, ani maal siif jechuun dandaʼa? Maaliinan wal si qixxeessa? Yaa Intala Xiyoon durba qulqullittii ani akkan si jajjabeessuuf maalittin si fakkeessuu dandaʼa? Madaan kee akkuma galaanaa gad fagoo dha. Eenyutu si fayyisuu dandaʼa?
נביאיך חזו לך שוא ותפל ולא גלו על עונך להשיב שביתך (שבותך) ויחזו לך משאות שוא ומדוחים 14
Mulʼanni raajota keetii sobaa fi kan faayidaa hin qabnee dha; isaan boojiʼamuu kee hambisuuf cubbuu kee ifa hin baafne. Raajiin isaan siif kennanis sobaa fi kan karaa irraa nama balleessuu dha.
ספקו עליך כפים כל עברי דרך--שרקו וינעו ראשם על בת ירושלם הזאת העיר שיאמרו כלילת יפי--משוש לכל הארץ 15
Warri karaa keetiin darban hundinuu harka isaanii sitti rurrukutu; isaanis intala Yerusaalemitti qoosuu fi mataa raasuudhaan, “Magaalaan muummee miidhaginaa gammachuu guutuu lafaa jedhamtee waamamte sun kanaa?” jedhu.
פצו עליך פיהם כל איביך--שרקו ויחרקו שן אמרו בלענו אך זה היום שקוינהו מצאנו ראינו 16
Diinonni kee hundinuu afaan isaanii sitti banatu; isaan qoosuu fi ilkaan isaanii qaruudhaan “Nu ishee liqimsineerra. Guyyaan nu eeggachaa turre sun kanaa dha; nu waan kana arguuf jiraanneerra” jedhu.
עשה יהוה אשר זמם בצע אמרתו אשר צוה מימי קדם--הרס ולא חמל וישמח עליך אויב הרים קרן צריך 17
Waaqayyo waan karoorfate hojjeteera; dubbii isaa kan bara dheeraan dura dubbate sana guuttateera. Inni gara laafina tokko malee si garagalcheera; akka diinni kee sitti gammadu godheera; gaanfa amajaajii keetii ol ol qabeera.
צעק לבם אל אדני חומת בת ציון הורידי כנחל דמעה יומם ולילה--אל תתני פוגת לך אל תדם בת עינך 18
Onneen namootaa gara Gooftaatti iyya. Yaa dallaa Intala Xiyoon halkanii guyyaa imimmaan kee akka lagaa haa yaaʼu; boqonnaa tokko illee ofii keetiif hin kennin; iji kees hin boqotin.
קומי רני בליל (בלילה) לראש אשמרות--שפכי כמים לבך נכח פני אדני שאי אליו כפיך על נפש עולליך--העטופים ברעב בראש כל חוצות 19
Yommuu eegumsi halkanii jalqabutti kaʼiitii halkaniin iyyi; fuula Gooftaa duratti onnee kee akka bishaanii dhangalaasi. Lubbuu ijoollee keetii kanneen fiixee daandii hundaatti beelaan gaggabaniitiif jedhiitii harka kee gara isaatti ol qabadhu.
ראה יהוה והביטה למי עוללת כה אם תאכלנה נשים פרים עללי טפחים אם יהרג במקדש אדני כהן ונביא 20
“Yaa Waaqayyo, ati ilaali; argis: Ati takkumaa eenyu irratti waan akkasii gootee beekta? Haadhonni daaʼimman isaanii, ijoollee kunuunsanii guddisan nyaachuu qabuu? Lubnii fi raajiin, iddoo qulqulluu kan Gooftaa keessatti ajjeefamuu qabuu?
שכבו לארץ חוצות נער וזקן בתולתי ובחורי נפלו בחרב הרגת ביום אפך טבחת לא חמלת 21
“Dargaggoonnii fi maanguddoonni, walii wajjin awwaara karaa irra ciisu; dargaggoonnii fi shamarran koo goraadeedhaan ajjeefamaniiru. Ati gaafa dheekkamsa keetiitti isaan fixxe; gara laafina tokko malee isaan qalte.
תקרא כיום מועד מגורי מסביב ולא היה ביום אף יהוה פליט ושריד אשר טפחתי ורביתי איבי כלם 22
“Ati akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti nama waamtutti qixa hundaanuu sodaa natti waamte. Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti, homaa hin miliqne yookaan hin hafne; warra ani daʼee guddise diinni koo na jalaa balleesseera.”

< איכה 2 >