< שופטים 14 >
וירד שמשון תמנתה וירא אשה בתמנתה מבנות פלשתים | 1 |
Saamsoon gara Tiimnaahitti gad buʼee durba Filisxeem tokko achitti arge.
ויעל ויגד לאביו ולאמו ויאמר אשה ראיתי בתמנתה מבנות פלשתים ועתה קחו אותה לי לאשה | 2 |
Yommuu achii deebiʼettis abbaa fi haadha isaatiin, “Ani Tiimnaahitti intala Filisxeem tokko argeeraatii na fuusisaa” jedhe.
ויאמר לו אביו ואמו האין בבנות אחיך ובכל עמי אשה--כי אתה הולך לקחת אשה מפלשתים הערלים ויאמר שמשון אל אביו אותה קח לי כי היא ישרה בעיני | 3 |
Abbaa fi haatii isaa deebisanii, “Wanni akka ati Filisxeemota dhagna hin qabanne keessaa niitii fuutu si godhu firoota kee keessaa yookaan saba keenya hunda keessaa dubartiin dhabamteetii?” jedhaniin. Saamsoon garuu abbaa isaatiin, “Isheetu naa taʼaatii ishuma naa fidi” jedhe.
ואביו ואמו לא ידעו כי מיהוה היא--כי תאנה הוא מבקש מפלשתים ובעת ההיא פלשתים משלים בישראל | 4 |
Abbaa fi haatii isaa akka wanni kun Waaqayyo biraa dhufe hin beekne; Waaqayyo karaa ittiin Filisxeemota dhaʼu barbaadaa tureetii. Yeroo sanatti Filisxeemonni Israaʼeloota gad qabanii bulchaa turan.
וירד שמשון ואביו ואמו תמנתה ויבאו עד כרמי תמנתה והנה כפיר אריות שאג לקראתו | 5 |
Saamsoon abbaa isaatii fi haadha isaa wajjin gara Tiimnaahitti gad buʼe. Akkuma isaan iddoo dhaabaa wayinii Tiimnaahi bira gaʼaniinis leenci saafelli tokko ittanaa isatti dhufe.
ותצלח עליו רוח יהוה וישסעהו כשסע הגדי ומאומה אין בידו ולא הגיד לאביו ולאמו את אשר עשה | 6 |
Hafuurri Waaqayyoos jabinaan Saamsoon irra buʼe; innis homaa of harkaa qabaachuu baatu illee akkuma nama ilmoo reʼee tokko cicciruutti leenca saafela sana ciccire. Garuu waan hojjete sana abbaa fi haadha isaatti hin himne.
וירד וידבר לאשה ותישר בעיני שמשון | 7 |
Ergasii gad buʼee dubartittii wajjin haasaʼe; isheenis ija isaatti tolte.
וישב מימים לקחתה ויסר לראות את מפלת האריה והנה עדת דבורים בגוית האריה ודבש | 8 |
Innis yeroo gabaabaa booddee yommuu ishee fuudhuuf achi deebiʼetti raqa leenca sanaa ilaaluuf of irra gara gale. Raqa leencichaa keessas tuunni kanniisaa guutee damma dammeessee ture;
וירדהו אל כפיו וילך הלוך ואכל וילך אל אביו ואל אמו ויתן להם ויאכלו ולא הגיד להם כי מגוית האריה רדה הדבש | 9 |
dammichas harka isaatti fudhatee nyaachaa karaa isaa itti fufe. Yommuu gara abbaa fi haadha isaa dhufettis damma sana irraa isaaniif kenne; isaanis ni nyaatan. Inni garuu akka damma sana raqa leencaa keessaa fuudhe isaanitti hin himne.
וירד אביהו אל האשה ויעש שם שמשון משתה כי כן יעשו הבחורים | 10 |
Ergasii abbaan isaa intalattii ilaaluuf gad buʼe; Saamsoon akkuma dargaggoonni yeroo fuudhanitti cidha godhatan sana achitti cidha qopheesse.
ויהי כראותם אותו ויקחו שלשים מרעים ויהיו אתו | 11 |
Yommuu inni achi dhiʼaatettis isa arganii amaamota soddoma isaaf kennan.
ויאמר להם שמשון אחודה נא לכם חידה אם הגד תגידו אותה לי שבעת ימי המשתה ומצאתם--ונתתי לכם שלשים סדינים ושלשים חלפת בגדים | 12 |
Saamsoonis akkana isaaniin jedhe; “Ani hibboo tokko isinitti nan hima; yoo isin guyyoota cidhichaa torban keessatti hiikkaa isaa argattan, ani wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame soddomaa fi uffata kittii soddoma isiniifin kenna.
ואם לא תוכלו להגיד לי--ונתתם אתם לי שלשים סדינים ושלשים חליפות בגדים ויאמרו לו--חודה חידתך ונשמענה | 13 |
Isin yoo hiikkaa isaa natti himuu dadhabdan wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame soddomaa fi uffata kittii soddoma naa kennitu.” Isaanis, “Hibboo kee ni dhageenyaa nutti hima” jedhan.
ויאמר להם מהאכל יצא מאכל ומעז יצא מתוק ולא יכלו להגיד החידה שלשת ימים | 14 |
Innis deebisee, “Kan nyaatu keessaa wanni nyaatamu, jabaa keessaa immoo wanni miʼaawu baʼe” isaaniin jedhe. Isaanis hamma guyyaa sadiitti hibboo sana hiikuu hin dandeenye ture.
ויהי ביום השביעי ויאמרו לאשת שמשון פתי את אישך ויגד לנו את החידה--פן נשרף אותך ואת בית אביך באש הלירשנו קראתם לנו הלא | 15 |
Isaanis guyyaa afuraffaatti niitii Saamsooniin, “Akka dhirsi kee hiikkaa hibboo kanaa nutti himuuf mee nuu kadhadhu; yoo kanaa achii nu siʼii fi mana abbaa keetii ibiddaan gubnaa. Ati nu saamuuf asitti nu waamtee?” jedhaniin.
ותבך אשת שמשון עליו ותאמר רק שנאתני ולא אהבתני--החידה חדת לבני עמי ולי לא הגדתה ויאמר לה הנה לאבי ולאמי לא הגדתי--ולך אגיד | 16 |
Niitiin Saamsoonis fuula isaa duratti booʼaa “Ati na jibbiteerta! Ati dhugumaan na hin jaallattu. Ati saba koo hibboo gaafatteerta; garuu hiikkaa isaa natti hin himne” jetteen. Innis deebisee, “Ani abbaa koottii fi haadha kootti iyyuu hin himne; egaa ani sitti himuu qabaa?” jedheen.
ותבך עליו שבעת הימים אשר היה להם המשתה ויהי ביום השביעי ויגד לה כי הציקתהו ותגד החידה לבני עמה | 17 |
Isheenis guyyaa cidha sanaa torbanuu boottee isa rakkifte; innis sababii isheen ittuma fuftee boqonnaa isa dhowwiteef guyyaa torbaffaatti hiikkaa isaa isheetti hime. Isheen immoo hiikkaa hibboo sanaa saba isheetti himte.
ויאמרו לו אנשי העיר ביום השביעי בטרם יבא החרסה מה מתוק מדבש ומה עז מארי ויאמר להם--לולא חרשתם בעגלתי לא מצאתם חידתי | 18 |
Namoonni magaalaa sanaas guyyaa torbaffaatti utuu biiftuun hin lixin, “Wanni damma caalaa miʼaawu maali? Jabaan leenca caalu maali?” jedhaniin. Saamsoonis, “Utuu raada kootiin qotachuu baattanii, isin silaa hibboo koo hin hiiktan ture” jedheen.
ותצלח עליו רוח יהוה וירד אשקלון ויך מהם שלשים איש ויקח את חליצותם ויתן החליפות למגידי החידה ויחר אפו ויעל בית אביהו | 19 |
Kana irratti Hafuurri Waaqayyoo jabinaan isa irra buʼe. Innis gara Ashqaloonitti gad buʼee namoota magaalaa keessaa soddoma ajjeese; waan isaan qabanis irraa fudhatee namoota hibboo sana hiikaniif uffata kittii kenne. Aariidhaanis gubachaa gara mana abbaa isaatti deebiʼe.
ותהי אשת שמשון למרעהו אשר רעה לו | 20 |
Niitii Saamsoonis miinjee isaatti heerumsiisan.