< יהושע 5 >

ויהי כשמע כל מלכי האמרי אשר בעבר הירדן ימה וכל מלכי הכנעני אשר על הים את אשר הוביש יהוה את מי הירדן מפני בני ישראל עד עברנו (עברם) וימס לבבם ולא היה בם עוד רוח מפני בני ישראל 1
Mootonni Amoorotaa kanneen gama dhiʼa Yordaanos jiraatanii fi mootonni Kanaʼaanotaa kanneen qarqara galaanaa jiraatan hundi akka Waaqayyo hamma nu ceenutti fuula saba Israaʼel duratti Yordaanos gogse yommuu dhagaʼanitti onneen isaanii ni baqxe; deebiʼaniis fuula Israaʼelootaa dura dhaabachuu sodaatan.
בעת ההיא אמר יהוה אל יהושע עשה לך חרבות צרים ושוב מל את בני ישראל שנית 2
Waaqayyo yeroo sana Iyyaasuudhaan, “Haaduu qara qabu tolchiitii ammas Israaʼeloota dhagna qabi” jedhe.
ויעש לו יהושע חרבות צרים וימל את בני ישראל אל גבעת הערלות 3
Kanaafuu Iyyaasuun haaduu qara qabu tolchee Gibeʼaat Aaralootitti Israaʼeloota dhagna qabe.
וזה הדבר אשר מל יהושע כל העם היצא ממצרים הזכרים כל אנשי המלחמה מתו במדבר בדרך בצאתם ממצרים 4
Sababiin Iyyaasuun waan kana hojjeteef kana: Warri biyya Gibxii baʼanii dhufan hundinuu jechuunis dhiironni lolan hundinuu erga Gibxii baʼanii booddee gammoojjii keessatti karaatti dhuman.
כי מלים היו כל העם היצאים וכל העם הילדים במדבר בדרך בצאתם ממצרים--לא מלו 5
Namoonni Gibxii baʼan hundi dhagna qabatanii turan; warri yeroo Gibxii baʼanii gammoojjii keessa deemaa turanitti karaatti dhalatan garuu dhagna hin qabamne.
כי ארבעים שנה הלכו בני ישראל במדבר עד תם כל הגוי אנשי המלחמה היצאים ממצרים אשר לא שמעו בקול יהוה אשר נשבע יהוה להם לבלתי הראותם את הארץ אשר נשבע יהוה לאבותם לתת לנו ארץ זבת חלב ודבש 6
Israaʼeloonni sababii Waaqayyoof ajajamuu didaniif hamma namoonni yeroo Gibxii baʼanitti loluu dandaʼan hundi dhumanitti waggaa afurtama gammoojjii keessa jooran. Waaqayyo akka isaan biyya inni nuu kennuuf abbootii isaanii abdachiisee ture, biyya aannanii fi damma baaftu sana hin argine isaanitti kakatee tureetii.
ואת בניהם הקים תחתם אתם מל יהושע כי ערלים היו כי לא מלו אותם בדרך 7
Kanaafuu inni qooda isaanii ilmaan isaanii kaase; isaanis warra Iyyaasuun dhagna qabee dha. Isaan sababii karaatti dhagna hin qabaminiif hamma harʼaatti utuu dhagna hin qabamin jiraatan.
ויהי כאשר תמו כל הגוי להמול וישבו תחתם במחנה עד חיותם 8
Isaanis erga sabni guutuun dhagna qabamee booddee hamma fayyanitti lafuma jiran sana qubata keessa turan.
ויאמר יהוה אל יהושע היום גלותי את חרפת מצרים מעליכם ויקרא שם המקום ההוא גלגל עד היום הזה 9
Waaqayyos Iyyaasuudhaan, “Ani harʼa arrabsoo Gibxi sana isin irraa gangalcheera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun hamma harʼaatti Gilgaal jedhamee waamama.
ויחנו בני ישראל בגלגל ויעשו את הפסח בארבעה עשר יום לחדש בערב--בערבות יריחו 10
Galgala bultii kudha afuraffaa jiʼa sanaatti sabni Israaʼel utuma dirree Yerikoo irra Gilgaal keessa qubatee jiruu Faasiikaa ayyaaneffate.
ויאכלו מעבור הארץ ממחרת הפסח--מצות וקלוי בעצם היום הזה 11
Isaanis guyyaa Faasiikaatti aanee dhufu, gaafuma sana midhaan biyyattii keessaa waa nyaatan; kunis Maxinoo fi asheetii waadamee dha.
וישבת המן ממחרת באכלם מעבור הארץ ולא היה עוד לבני ישראל מן ויאכלו מתבואת ארץ כנען בשנה ההיא 12
Mannaanis guyyuma isaan midhaan biyya sanaa nyaatanitti aanu gad buʼuu dhiise; ergasii mannaan tokko iyyuu warra Israaʼeliif gad hin buune; garuu isaan waggaa sana keessa midhaan biyya Kanaʼaan nyaatan.
ויהי בהיות יהושע ביריחו וישא עיניו וירא והנה איש עמד לנגדו וחרבו שלופה בידו וילך יהושע אליו ויאמר לו הלנו אתה אם לצרינו 13
Iyyaasuun yommuu Yerikootti dhiʼaatetti, ol milʼatee nama goraadee luqqifame harkatti qabatee isa dura dhaabatu tokko arge. Iyyaasuun gara isaa dhaqee, “Ati gara keenya moo gara diinota keenyaa ti?” jedhee isa gaafate.
ויאמר לא כי אני שר צבא יהוה--עתה באתי ויפל יהושע אל פניו ארצה וישתחו ויאמר לו מה אדני מדבר אל עבדו 14
Innis deebisee, “Ani gara eenyuu iyyuu miti; garuu ani amma akka ajajaa loltoota Waaqayyootti dhufeera” jedhe. Iyyaasuunis addaan lafatti gombifamee sagadee, “Ergaan Gooftaan koo garbicha isaatiif qabu maali?” jedhee isa gaafate.
ויאמר שר צבא יהוה אל יהושע של נעלך מעל רגלך כי המקום אשר אתה עמד עליו קדש הוא ויעש יהושע כן 15
Ajajaan loltoota Waaqayyoos Iyyaasuudhaan, “Sababii iddoon ati dhaabattu kun qulqulluu taʼeef kophee kee of irraa baasi” jedhe. Iyyaasuunis akkasuma godhe.

< יהושע 5 >