< יהושע 21 >

ויגשו ראשי אבות הלוים אל אלעזר הכהן ואל יהושע בן נון ואל ראשי אבות המטות לבני ישראל 1
Hangafoonni maatii Lewwotaa Eleʼaazaar lubichatti, Iyyaasuu ilma Nuunittii fi hangafoota maatiiwwan gosoota Israaʼel kaanitti dhiʼaatanii
וידברו אליהם בשלה בארץ כנען לאמר יהוה צוה ביד משה לתת לנו ערים לשבת ומגרשיהן לבהמתנו 2
Shiiloo Kanaʼaan keessatti argamtu sana keessatti, “Waaqayyo akka isin magaalaa nu keessa jiraannu lafa tikaa kan horii keenyaaf taʼu wajjin nuu kennitan karaa Museetiin ajajee ture” jedhaniin.
ויתנו בני ישראל ללוים מנחלתם אל פי יהוה את הערים האלה ואת מגרשיהן 3
Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo ajajetti dhaala ofii isaanii keessaa magaalaawwan kanneenii fi lafa tikaa Lewwotaaf kennan.
ויצא הגורל למשפחת הקהתי ויהי לבני אהרן הכהן מן הלוים ממטה יהודה וממטה השמעני וממטה בנימן בגורל--ערים שלש עשרה 4
Ixaan jalqabaa gosa Qohaatiif balbala balbalaan baʼe. Lewwota sanyii Aroon lubichaatiifis gosa Yihuudaa, gosa Simiʼoonii fi gosa Beniyaam keessaa magaalaawwan kudha sadii ixaadhaan argatan.
ולבני קהת הנותרים ממשפחת מטה אפרים וממטה דן ומחצי מטה מנשה בגורל--ערים עשר 5
Sanyii Qohaati warra hafaniif immoo balbala gosa Efreem, gosa Daanii fi walakkaa gosa Minaasee keessaa magaalaawwan kudhan ixaadhaan argatan.
ולבני גרשון ממשפחות מטה יששכר וממטה אשר וממטה נפתלי ומחצי מטה מנשה בבשן בגורל--ערים שלש עשרה 6
Sanyiiwwan Geershooniif balbala gosa Yisaakor, gosa Aasheer, gosa Niftaalemii fi walakkaa gosa Minaasee kan Baashaan keessaa sana irraa magaalaawwan kudha sadii ixaadhaan argatan.
לבני מררי למשפחתם ממטה ראובן וממטה גד וממטה זבולן--ערים שתים עשרה 7
Sanyiiwwan Meraariis balbala balbalaan gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi gosa Zebuuloon keessaa magaalaawwan kudha lama ixaadhaan argatan.
ויתנו בני ישראל ללוים את הערים האלה ואת מגרשיהן כאשר צוה יהוה ביד משה בגורל 8
Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajaje sanatti magaalaawwan kanneenii fi lafa tikaa ixaadhaan Lewwotaaf kennan.
ויתנו ממטה בני יהודה וממטה בני שמעון--את הערים האלה אשר יקרא אתהן בשם 9
Gosa Yihuudaa fi gosa Simiʼoon irraa magaalaawwan kanneen maqaa maqaadhaan qoodan;
ויהי לבני אהרן ממשפחות הקהתי מבני לוי כי להם היה הגורל ראישנה 10
sababii ixaan jalqabaa isaaniif baʼeef magaalaawwan kunneen sanyiiwwan Aroon warra Lewwotaa keessaa balbala Qohaati taʼaniif kennaman:
ויתנו להם את קרית ארבע אבי הענוק היא חברון--בהר יהודה ואת מגרשה סביבתיה 11
Isaanis Kiriyaati Arbaaq jechuunis Kebroon ishee biyya gaaraa Yihuudaa keessaa sana lafa tikaa naannoo ishee wajjin kennaniif. Arbaaq abbaa Anaaq ture.
ואת שדה העיר ואת חצריה נתנו לכלב בן יפנה באחזתו 12
Lafa qotiisaa fi gandoota naannoo magaalattii jiran garuu Kaaleb ilma Yefuneetiif handhuuraa godhanii kennan.
ולבני אהרן הכהן נתנו את עיר מקלט הרצח--את חברון ואת מגרשה ואת לבנה ואת מגרשה 13
Kanaafuu sanyiiwwan Aroon lubichaatiif Kebroon jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti baqatuu fi Libnaa,
ואת יתר ואת מגרשה ואת אשתמע ואת מגרשה 14
Yatiir, Eshtimoʼaa,
ואת חלן ואת מגרשה ואת דבר ואת מגרשה 15
Hooloon, Debiir,
ואת עין ואת מגרשה ואת יטה ואת מגרשה את בית שמש ואת מגרשה ערים תשע--מאת שני השבטים האלה 16
Aayin, Yutaanii fi Beet Shemeshi lafa tikaa wajjin kennameef; isaan kunneen magaalaawwan sagallan gosoota lamaan irraa qoodamaniifii dha.
וממטה בנימין את גבעון ואת מגרשה את גבע ואת מגרשה 17
Gosa Beniyaam irraas Gibeʼoon, Gebaaʼi,
את ענתות ואת מגרשה ואת עלמון ואת מגרשה ערים ארבע 18
Anaatootii fi Almoon lafa tikaa wajjin kennaniif; isaanis magaalaawwan afurii dha.
כל ערי בני אהרן הכהנים--שלש עשרה ערים ומגרשיהן 19
Magaalaawwan lafa tikaa wajjin sanyiiwwan Aroon kanneen luboota taʼaniif kennaman hundi kudha sadii turan.
ולמשפחות בני קהת הלוים הנותרים מבני קהת ויהי ערי גורלם ממטה אפרים 20
Qohaatota balbala Lewwii warra hafaniif gosa Efreem irraa magaalaawwan kanneentu ixaadhaan argatan:
ויתנו להם את עיר מקלט הרצח את שכם ואת מגרשה--בהר אפרים ואת גזר ואת מגרשה 21
Isaanis biyya gaaraa Efreem keessaa Sheekem jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu itti baqatu sanaa fi Geezir,
ואת קבצים ואת מגרשה ואת בית חורן ואת מגרשה ערים ארבע 22
Qibxaayimii fi Beet Horoon, walumatti magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin fudhatan.
וממטה דן--את אלתקא ואת מגרשה את גבתון ואת מגרשה 23
Akkasumas gosa Daan keessaa Elteqee, Gibetoon,
את אילון ואת מגרשה את גת רמון ואת מגרשה ערים ארבע 24
Ayaaloonii fi Gat Rimoon, walumaa galatti magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin fudhatan.
וממחצית מטה מנשה--את תענך ואת מגרשה ואת גת רמון ואת מגרשה ערים שתים 25
Walakkaa gosa Minaasee keessaa immoo Taʼanaakii fi Gat Rimoon, magaalaawwan lama lafa tikaa wajjin fudhatan.
כל ערים עשר ומגרשיהן למשפחות בני קהת הנותרים 26
Magaalaawwan kurnan kunneen hundii fi lafti tikaa isaanii balbala gosa Qohaati warra hafaniif kennaman.
ולבני גרשון ממשפחת הלוים--מחצי מטה מנשה את עיר מקלט הרצח את גלון (גולן) בבשן ואת מגרשה ואת בעשתרה ואת מגרשה ערים שתים 27
Geershoonota balbala Lewwiitiif immoo: Walakkaa gosa Minaasee keessaa, Goolaan ishee Baashaan keessaa jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti baqatu sanaa fi Beʼeshitiraa, magaalaawwan lamaa fi lafa tikaa isaaniitu kennameef;
וממטה יששכר את קשיון ואת מגרשה את דברת ואת מגרשה 28
gosa Yisaakor keessaa Kishoon, Daaberaati,
את ירמות ואת מגרשה את עין גנים ואת מגרשה ערים ארבע 29
Yarmuutii fi Een Ganiim, magaalaawwan afurii fi lafa tikaa isaaniitu kennameef;
וממטה אשר את משאל ואת מגרשה את עבדון ואת מגרשה 30
gosa Aasheer keessaa Mishiʼaal, Abdoon,
את חלקת ואת מגרשה ואת רחב ואת מגרשה ערים ארבע 31
Helqaatii fi Rehoob, magaalaawwan afurii fi lafa tikaa isaaniitu kennameef;
וממטה נפתלי את עיר מקלט הרצח את קדש בגליל ואת מגרשה ואת חמת דאר ואת מגרשה ואת קרתן ואת מגרשה ערים שלש 32
gosa Niftaalem keessaa Qaadesh ishee Galiilaa keessaa, magaalaan namni nama ajjeesee himatamu tokko itti kooluu galuu akkasumas Hamoot Doorii fi Qartaan, magaalaawwan sadii lafa tikaa isaanii wajjin kennameef.
כל ערי הגרשני למשפחתם--שלש עשרה עיר ומגרשיהן 33
Gosoota Geershoonotaatiif immoo magaalaawwan kudha sadiitu lafa tikaa wajjin kenname.
ולמשפחות בני מררי הלוים הנותרים--מאת מטה זבולן את יקנעם ואת מגרשה את קרתה ואת מגרשה 34
Lewwota hafan warra balbala Meraarii taʼaniif: gosa Zebuuloon keessaa, Yoqeniʼaam, Qartaa,
את דמנה ואת מגרשה את נהלל ואת מגרשה ערים ארבע 35
Dimnaa fi Naahaalal, magaalaawwan afurtu lafa tikaa wajjin kenname;
וממטה גד את עיר מקלט הרצח את רמת בגלעד ואת מגרשה ואת מחנים ואת מגרשה 36
gosa Ruubeen keessaa Bezer, Yaahizaa,
את חשבון ואת מגרשה את יעזר ואת מגרשה כל ערים ארבע 37
Qidemootii fi Meefiʼaat, magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin kennameef;
כל הערים לבני מררי למשפחתם הנותרים ממשפחות הלוים ויהי גורלם--ערים שתים עשרה 38
gosa Gaad keessaa immoo, Raamooti ishee Giliʼaad keessaa jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti kooluu galu, Mahanayiim,
כל ערי הלוים בתוך אחזת בני ישראל--ערים ארבעים ושמנה ומגרשיהן 39
Heshboonii fi Yaʼizeer, walumaa galatti magaalaawwan afurtu lafa tikaa wajjin kennameef.
תהיינה הערים האלה--עיר עיר ומגרשיה סביבתיה כן לכל הערים האלה 40
Lewwota hafan warra balbala Meraarii taʼaniif walumaa galatti magaalaawwan kudha lamatu ixaadhaan kenname.
ויתן יהוה לישראל את כל הארץ אשר נשבע לתת לאבותם וירשוה וישבו בה 41
Magaalaawwan Lewwotaa kanneen biyya Israaʼeloonni dhuunfatan keessatti argaman lafa tikaa wajjin walumaa galatti afurtamii saddeet turan.
וינח יהוה להם מסביב ככל אשר נשבע לאבותם ולא עמד איש בפניהם מכל איביהם--את כל איביהם נתן יהוה בידם 42
Tokkoon tokkoon magaalaawwan kanneenii naannoo isaaniitii lafa tikaa qabu turan; magaalaawwan hundinuu akkanuma.
לא נפל דבר--מכל הדבר הטוב אשר דבר יהוה אל בית ישראל הכל בא 43
Kanaafuu Waaqayyo biyya abbootii isaaniitiif kennuuf kakate hunda saba Israaʼeliif kenne; isaanis biyya sana qabatanii achi jiraatan.
44
Waaqayyo akkuma abbootii isaaniitiif kakate sana karaa hundaan boqonnaa isaanii kenne. Diinni isaanii tokko iyyuu fuula isaanii dura dhaabachuu hin dandeenye; Waaqayyo diinota isaanii hunda dabarsee harka isaaniitti kenne.
45
Waadaa gaarii Waaqayyo mana Israaʼeliif gale keessaa tokko iyyuu hin hafne; hundinuu guutameera.

< יהושע 21 >