< יונה 2 >
ויתפלל יונה אל יהוה אלהיו ממעי הדגה | 1 |
Yoonaas garaa qurxummii keessaa Waaqayyoon Waaqa isaa kadhate.
ויאמר קראתי מצרה לי אל יהוה--ויענני מבטן שאול שועתי שמעת קולי (Sheol ) | 2 |
Innis akkana jedhe: “Ani rakkina koo keessatti Waaqayyoon waammadhe; innis deebii naaf kenne. Ani gargaarsa barbaacha garaa siiʼool keessaa nan iyye; atis iyya koo naaf dhageesse. (Sheol )
ותשליכני מצולה בלבב ימים ונהר יסבבני כל משבריך וגליך עלי עברו | 3 |
Ati tuujubatti, garaa galaanaatti gad na darbatte; lolaanis na marse; dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu narra garagalan.
ואני אמרתי נגרשתי מנגד עיניך אך אוסיף להביט אל היכל קדשך | 4 |
Anis, ‘Kunoo ani fuula kee duraa balleeffameera; taʼus ani deebiʼee gara mana qulqullummaa keetii qulqulluu sanaan ilaala’ nan jedhe.
אפפוני מים עד נפש תהום יסבבני סוף חבוש לראשי | 5 |
Bishaanonni na haguugan; tuujubni immoo na marse; aramaan galaanaas mataatti na marame.
לקצבי הרים ירדתי הארץ ברחיה בעדי לעולם ותעל משחת חיי יהוה אלהי | 6 |
Ani gara hundee tulluuwwaniittin gad liqimfame; balballi lafa jalaas bara baraan natti cufame. Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ati garuu lubbuu koo boolla keessaa ol baafte.
בהתעטף עלי נפשי את יהוה זכרתי ותבוא אליך תפלתי אל היכל קדשך | 7 |
“Yaa Waaqayyo, yeroo lubbuun koo dadhabdetti ani sin yaadadhe; kadhannaan koos gara kee gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti ol baʼe.
משמרים הבלי שוא--חסדם יעזבו | 8 |
“Warri waaqota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichan araara Waaqaa irraa garagalu.
ואני בקול תודה אזבחה לך אשר נדרתי אשלמה ישועתה ליהוה | 9 |
Ani garuu faarfannaa galataatiin aarsaa siif nan dhiʼeessa. Ani wareegan wareege sanas nan baasa. Anis, ‘Fayyinni Waaqayyo biraa dhufa’” nan jedha.
ויאמר יהוה לדג ויקא את יונה אל היבשה | 10 |
Waaqayyos qurxummii sana ajaje; qurxummiin sunis lafa gogaa irratti Yoonaasin tufe.