< איוב 9 >

ויען איוב ויאמר 1
Iyyoob akkana jedhee deebise:
אמנם ידעתי כי-כן ומה-יצדק אנוש עם-אל 2
“Ani akka wanni kun dhugaa taʼe beeka. Namni garuu akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa?
אם-יחפץ לריב עמו-- לא-יעננו אחת מני-אלף 3
Namni tokko yoo isa wajjin falmuu barbaade kuma keessaa siʼa tokko illee isaaf deebisuu hin dandaʼu.
חכם לבב ואמיץ כח-- מי-הקשה אליו וישלם 4
Ogummaan isaa gad fagoo dha; humni isaas guddaa dha. Namni isaan mormee utuu hin miidhamin hafu jiraa?
המעתיק הרים ולא ידעו-- אשר הפכם באפו 5
Inni utuu isaan hin beekin tulluuwwan iddoo isaaniitii buqqisa; dheekkamsa isaatiinis isaan gaggaragalcha.
המרגיז ארץ ממקומה ועמודיה יתפלצון 6
Lafa iddoo isheetii ni sochoosa; utubaawwan ishees ni raasa.
האמר לחרס ולא יזרח ובעד כוכבים יחתם 7
Inni biiftuu ni ajaja; isheenis hin baatu; urjiiwwanis chaappaadhaan ni cufa.
נטה שמים לבדו ודורך על-במתי ים 8
Isa qofatu samiiwwan diriirsa; dambalii galaanaa irras ni deema.
עשה-עש כסיל וכימה וחדרי תמן 9
Urjiiwwan Amaaketaa fi urjii sadee, Urjii torbii fi tuuta ‘Urjiiwwan Kibbaa’ jedhaman isatu uume.
עשה גדלות עד-אין חקר ונפלאות עד-אין מספר 10
Inni wantoota gurguddaa qoratanii bira gaʼuun hin dandaʼamne, dinqiiwwan hin lakkaaʼamne hojjeta.
הן יעבר עלי ולא אראה ויחלף ולא-אבין לו 11
Yommuu inni na bira darbu ani isa arguu hin dandaʼu; yommuu inni na cina deemus ani isa hubachuu hin dandaʼu.
הן יחתף מי ישיבנו מי-יאמר אליו מה-תעשה 12
Yoo inni butee deeme eenyutu isa dhowwuu dandaʼa? Eenyutus, ‘Ati maal hojjettaa?’ isaan jechuu dandaʼa?
אלוה לא-ישיב אפו תחתו שחחו עזרי רהב 13
Waaqni dheekkamsa isaa hin deebisu; warri Raʼaabin gargaaran iyyuu gad deebiʼu.
אף כי-אנכי אעננו אבחרה דברי עמו 14
“Yoos ani akkamittan isatti falmuu dandaʼa? Isatti falmuufis akkamittan dubbii filachuu dandaʼa?
אשר אם-צדקתי לא אענה למשפטי אתחנן 15
Ani nama balleessaa hin qabne utuun taʼe iyyuu, isaaf deebisuu hin dandaʼu; abbaa Murtii koo araara kadhachuu qofa nan dandaʼa.
אם-קראתי ויענני-- לא-אאמין כי-יאזין קולי 16
Yoo ani isa waammadhee inni naa deebise illee, akka inni na dhagaʼu ani hin amanu.
אשר-בשערה ישופני והרבה פצעי חנם 17
Inni bubbee hamaadhaan na caccabsa; madaa koos sababii malee natti baayʼisa.
לא-יתנני השב רוחי כי ישבעני ממררים 18
Inni waan hadhaaʼaadhaan na guute malee akka ani hafuura fudhadhuuf illee yeroo naaf hin kennine.
אם-לכח אמיץ הנה ואם-למשפט מי יועידני 19
Waaʼee jabinaa taanaan inni jabaa dha! Waaʼee murtii qajeelaas taanaan eenyutu isa waamuu dandaʼa?
אם-אצדק פי ירשיעני תם-אני ויעקשני 20
Utuu ani nama balleessaa hin qabne taʼe iyyuu afaan koo natti mura; utuma ani hirʼina hin qabaannes yakkamaa taʼuu koo hima.
תם-אני לא-אדע נפשי אמאס חיי 21
“Ani hirʼina qabaachuu baadhu iyyuu, waaʼee ofii kootii hin yaaddaʼu; jireenya koos nan tuffadha.
אחת היא על-כן אמרתי--תם ורשע הוא מכלה 22
Wanni hundinuu tokkuma; kanaafuu ani, ‘Inni isa hirʼina hin qabnes, isa hamaas ni balleessa’ nan jedha.
אם-שוט ימית פתאם-- למסת נקים ילעג 23
Yommuu dhaʼichi buʼee duʼa tasaa fidutti, inni badiisa warra yakka hin qabneetti ni qoosa.
ארץ נתנה ביד-רשע-- פני-שפטיה יכסה אם-לא אפוא מי-הוא 24
Yommuu lafti harka hamootaa jala galtutti, inni ija abbootii murtii ishee ni jaamsa; kun yoo isa taʼuu baate, egaa eenyu ree?
וימי קלו מני-רץ ברחו לא-ראו טובה 25
“Barri jireenya koo nama fiigu caalaa ariifata; utuu gammachuu tokko illee hin argin darba.
חלפו עם-אניות אבה כנשר יטוש עלי-אכל 26
Inni akkuma bidiruu dhallaadduu irraa hojjetamee, akkuma risaa waa butachuuf gad barrisuu ariifata.
אם-אמרי אשכחה שיחי אעזבה פני ואבליגה 27
Yoo ani, ‘Guungummii koo nan dhiisa; nyaara guuruus dhiisee nan seeqa’ jedhe,
יגרתי כל-עצבתי ידעתי כי-לא תנקני 28
ani amma iyyuu dhiphina koo hunda nan sodaadha; akka ati akka nama balleessaa hin qabneetti na hin hedne nan beekaatii.
אנכי ארשע למה-זה הבל איגע 29
Erga yakkamaa taʼuun koo beekamee, ani maaliifin akkasumaan dadhaba ree?
אם-התרחצתי במו- (במי-) שלג והזכותי בבר כפי 30
Utuma ani saamunaadhaan dhiqadhee handoodeedhaanis harka koo qulqulleeffadhe iyyuu,
אז בשחת תטבלני ותעבוני שלמותי 31
ati hamma uffanni koos na balfutti, boolla keessa na dhidhimsita.
כי-לא-איש כמוני אעננו נבוא יחדו במשפט 32
“Akka ani isaa deebisuu fi mana murtiittis wal falminuuf, inni akka koo nama foonii miti.
לא יש-בינינו מוכיח-- ישת ידו על-שנינו 33
Utuu namni nu lamaan irra harka kaaʼu, kan gidduu keenyattis araara buusu tokko jiraatee,
יסר מעלי שבטו ואמתו אל-תבעתני 34
utuu Waaqni ulee isaa narraa kaasee silaa naasisuun isaa na hin sodaachisu ture.
אדברה ולא איראנו כי לא-כן אנכי עמדי 35
Silaa ani utuun isa hin sodaatin nan dubbadhan ture; haalan amma keessa jiruun garuu hin dandaʼu.

< איוב 9 >