< איוב 4 >
ויען אליפז התימני ויאמר | 1 |
Eliifaaz namichi Teemaan sun akkana jedhee deebise:
הנסה דבר אליך תלאה ועצר במלין מי יוכל | 2 |
“Yoo namni tokko sitti dubbachuu yaale, ati ni komattaa? Garuu eenyutu dubbachuu dhiisa?
הנה יסרת רבים וידים רפות תחזק | 3 |
Ati akka nama baayʼee barsiifte, akka harka dadhabaa illee jajjabeessite yaadadhu.
כושל יקימון מליך וברכים כרעות תאמץ | 4 |
Dubbiin kee warra gatantaran gargaaree dhaabeera; atis jilba laafe jabeessiteerta.
כי עתה תבוא אליך ותלא תגע עדיך ותבהל | 5 |
Amma garuu rakkinni sirra gaʼe; atis abdii kutatteerta; rakkinni si miidheera; atis rifatteerta;
הלא יראתך כסלתך תקותך ותם דרכיך | 6 |
Waaqa sodaachuun kee irkoo kee, qajeelinni karaa keetiis abdii kee mitii?
זכר-נא--מי הוא נקי אבד ואיפה ישרים נכחדו | 7 |
“Ammas yaadadhu; namni qulqulluun takkumaa badee beekaa? Qajeelonni eessatti badanii beeku?
כאשר ראיתי חרשי און וזרעי עמל יקצרהו | 8 |
Akka ani hubadhetti warri waan hamaa qotatan, kanneen waan hamaa facaasanis isuma haammatu.
מנשמת אלוה יאבדו ומרוח אפו יכלו | 9 |
Isaanis hafuura Waaqni isaanitti baafatuun badu; hafuuraa dheekkamsa isaaniitiinis ni barbadeeffamu.
שאגת אריה וקול שחל ושני כפירים נתעו | 10 |
Leenci ni aada; ni gururiʼas; ilkaan leenca saafelaa garuu ni caccaba.
ליש אבד מבלי-טרף ובני לביא יתפרדו | 11 |
Leenci jabaan waan adamsu dhabee ni duʼa; ilmaan leenca dhaltuus ni bittinnaaʼu.
ואלי דבר יגנב ותקח אזני שמץ מנהו | 12 |
“Dubbiin tokko icciitiidhaan naa fidame; gurri koos asaasa isaa dhagaʼe.
בשעפים מחזינות לילה בנפל תרדמה על-אנשים | 13 |
Abjuu halkanii sodaachisaa keessa, yommuu hirribni cimaan nama qabatutti,
פחד קראני ורעדה ורב עצמותי הפחיד | 14 |
sodaa fi hollachuun na qabatee lafee koo hunda raase.
ורוח על-פני יחלף תסמר שערת בשרי | 15 |
Hafuurri luffi jedhee fuula koo dura darbe; rifeensi dhagna koos kaʼee dhaabate.
יעמד ולא אכיר מראהו-- תמונה לנגד עיני דממה וקול אשמע | 16 |
Innis ni dhaabate; ani garuu inni maal akka taʼe hubachuu hin dandeenye. Fakkiin tokko ija koo dura dhaabate; anis sagalee tasgabbii kan akkana jedhu tokkon dhagaʼe:
האנוש מאלוה יצדק אם מעשהו יטהר-גבר | 17 |
‘Namni duʼa hin oolle, Waaqa caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa? Namni Uumaa isaa caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa?
הן בעבדיו לא יאמין ובמלאכיו ישים תהלה | 18 |
Waaqni tajaajiltoota isaa hin amanatu; ergamoota isaas balleessaa isaaniitiin ni gaafata;
אף שכני בתי-חמר--אשר-בעפר יסודם ידכאום לפני-עש | 19 |
yoos warri manneen suphee keessa jiraatan, warri hundeen isaanii biyyoo taʼe, warri bilii caalaa burkutaaʼan immoo akkam haa taʼan ree?
מבקר לערב יכתו מבלי משים לנצח יאבדו | 20 |
Isaan ganamaa fi galgala gidduutti burkutaaʼu; tasumas bara baraan ni badu.
הלא-נסע יתרם בם ימותו ולא בחכמה | 21 |
Akka isaan ogummaa malee duʼaniif funyoon dunkaana isaanii hin luqqifamnee?’