< איוב 23 >

ויען איוב ויאמר 1
Iyyoob akkana jedhee deebise:
גם-היום מרי שחי ידי כבדה על-אנחתי 2
“Harʼa iyyuu guungummiin koo hadhaaʼaa dha; yoo ani akkam aade iyyuu harki isaa natti ulfaateera.
מי-יתן ידעתי ואמצאהו אבוא עד-תכונתו 3
Ani utuun iddoo itti isa argadhu beekee, utuu iddoo inni jiraatu illee dhaquu dandaʼee!
אערכה לפניו משפט ופי אמלא תוכחות 4
Silaa dhimma koo fuula isaa duratti dhiʼeeffadhee afaan koo falmiin guuttadha ture.
אדעה מלים יענני ואבינה מה-יאמר לי 5
Waan inni naa deebisu nan beekan ture; waan inni naan jedhus nan hubadhan ture.
הברב-כח יריב עמדי לא אך-הוא ישם בי 6
Inni humna isaa guddaa sanaan anaan mormaa? Lakki, na dhaggeeffata malee.
שם--ישר נוכח עמו ואפלטה לנצח משפטי 7
Namni qajeelaan achuma fuula isaa duratti dhimma isaa ni dhiʼeeffata; anis isa natti muru jalaa bara baraan nan baʼa.
הן קדם אהלך ואיננו ואחור ולא-אבין לו 8
“Garuu yoo ani gara baʼa biiftuu deeme, inni achi hin jiru; ani yoo gara dhiʼaa dhaqes achitti isa hin argadhu.
שמאול בעשתו ולא-אחז יעטף ימין ולא אראה 9
Yommuu inni kaabatti hojii irra jirutti ani isa hin argu; yommuu inni gara kibbaatti deebiʼuttis ani hamma libsuu ijaa isa arguu hin dandaʼu.
כי-ידע דרך עמדי בחנני כזהב אצא 10
Inni garuu karaa ani baʼu ni beeka; yommuu inni na qoruttis ani akka warqee taʼee nan mulʼadha.
באשרו אחזה רגלי דרכו שמרתי ולא-אט 11
Miilli koo tarkaanfii isaatti dhiʼaatee duukaa buʼeera; ani utuun irraa hin gorin karaa isaa eegeera.
מצות שפתיו ולא אמיש מחקי צפנתי אמרי-פיו 12
Ani ajaja afaan isaa irraa hin fagaanne; nyaata guyyaa guyyaa caalaas dubbii afaan isaa nan jaalladha.
והוא באחד ומי ישיבנו ונפשו אותה ויעש 13
“Inni garuu of dandaʼee kophaa isaa dhaabata; kan isaan mormuu dandaʼu eenyu? Inni waanuma jaallatu hojjeta.
כי ישלים חקי וכהנה רבות עמו 14
Inni waan natti mure ni raawwata; amma illee karoora akkanaa hedduu yaada isaa keessaa qaba.
על-כן מפניו אבהל אתבונן ואפחד ממנו 15
Wanni ani fuula isaa duratti naʼuufis kanuma; ani yommuun waan kana hunda yaadutti isa nan sodaadha.
ואל הרך לבי ושדי הבהילני 16
Waaqni garaa koo ni raase; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na sodaachise.
כי-לא נצמתי מפני-חשך ומפני כסה-אפל 17
Haa taʼu malee dukkanni, dukkanni limixiin fuula koo haguugu iyyuu na hin barbadeessine.

< איוב 23 >