< איוב 15 >
ויען אליפז התימני ויאמר | 1 |
Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise:
החכם יענה דעת-רוח וימלא קדים בטנו | 2 |
“Namni ogeessi tokko dubbii faayidaa hin qabneen deebii kennaa? Yookaan bubbee baʼa biiftuutiin garaa isaa guutataa?
הוכח בדבר לא-יסכון ומלים לא-יועיל בם | 3 |
Inni dubbii faayidaa hin qabneen, haasaa buʼaa hin qabneenis ni falmaa?
אף-אתה תפר יראה ותגרע שיחה לפני-אל | 4 |
Ati garuu Waaqa sodaachuu ni tuffatta; Waaqa kadhachuu illee nama dhowwita.
כי יאלף עונך פיך ותבחר לשון ערומים | 5 |
Cubbuun kee afaan kee ni barsiifti; atis afaan jalʼootaa filatta.
ירשיעך פיך ולא-אני ושפתיך יענו-בך | 6 |
Afaanuma keetu sitti mura malee afaan koo miti; arrabuma keetu ragaa sitti taʼa.
הראישון אדם תולד ולפני גבעות חוללת | 7 |
“Situ nama hunda dura dhalatee? Yookaan situ tulluuwwan dura argamee?
הבסוד אלוה תשמע ותגרע אליך חכמה | 8 |
Ati dhoksaa Waaqaa dhageesseertaa? Ogummaas ofuma keetiif dhuunfattaa?
מה-ידעת ולא נדע תבין ולא-עמנו הוא | 9 |
Wanni ati beektu kan nu hin beekne maali? Hubannaan ati qabdu kan nu hin qabne maali?
גם-שב גם-ישיש בנו-- כביר מאביך ימים | 10 |
Namoonni arrii baasanii fi kanneen jaaran, warri abbaa kee iyyuu caalaa dullooman nu gidduu jiru.
המעט ממך תנחומות אל ודבר לאט עמך | 11 |
Gorsi Waaqaa kan nama jajjabeessu, dubbiin suutaan sitti himame sun si hanqatee?
מה-יקחך לבך ומה-ירזמון עיניך | 12 |
Yaadni kee maaliif si fudhatee bada? Ijas maaliif babaafta?
כי-תשיב אל-אל רוחך והצאת מפיך מלין | 13 |
Wanni akka ati Waaqatti aartu, akka dubbiin akkasiis afaan keetii baʼu godhe maali?
מה-אנוש כי-יזכה וכי-יצדק ילוד אשה | 14 |
“Akka qulqulluu taʼuuf namni maali? Yookaan akka qajeeltota taʼaniif warri dubartoota irraa dhalatan maali?
הן בקדשו לא יאמין ושמים לא-זכו בעיניו | 15 |
Yoo Waaqni qulqulloota isaa illee amanuu baatee samiiwwan iyyuu fuula isaa duratti qulqulluu taʼuu baatan,
אף כי-נתעב ונאלח איש-שתה כמים עולה | 16 |
yoos sanyiin namaa inni hamaa fi xuraaʼaan, kan akkuma bishaaniitti cubbuu dhugu sun hammam hammasii gad haa taʼu ree!
אחוך שמע-לי וזה-חזיתי ואספרה | 17 |
“Na dhaggeeffadhu; ani siifan ibsaa; waanan arges sitti nan hima;
אשר-חכמים יגידו ולא כחדו מאבותם | 18 |
waan namoonni ogeeyyiin waan abbootii isaanii irraa dhagaʼan keessaa tokko illee utuu hin dhoksin odeessan sana nan dubbadha;
להם לבדם נתנה הארץ ולא-עבר זר בתוכם | 19 |
biyyattiin abbootii isaanii qofaaf kennamte; alagaan tokko iyyuu isaan gidduu hin jiraanne.
כל-ימי רשע הוא מתחולל ומספר שנים נצפנו לעריץ | 20 |
Namni dabaan bara jireenya isaa guutuu, gara jabeessis bara isaaf qoodame guutuu ni rakkata.
קול-פחדים באזניו בשלום שודד יבואנו | 21 |
Sagaleen sodaachisaan gurra isaatti ni iyya; utuma inni nagaan jiraatuus saamtonni tasuma itti dhufu.
לא-יאמין שוב מני-חשך וצפו (וצפוי) הוא אלי-חרב | 22 |
Inni akka deebiʼee dukkana keessaa baʼu hin amanu; goraadeetu isa eeggata.
נדד הוא ללחם איה ידע כי-נכון בידו יום-חשך | 23 |
Inni waan nyaatamu barbaacha asii fi achi joora; akka guyyaan dukkanaa dhiʼaates ni beeka.
יבעתהו צר ומצוקה תתקפהו כמלך עתיד לכידור | 24 |
Dhiphinaa fi gaddi isa sodaachisu; akkuma mootii lolaaf qophaaʼeettis isatti cimu;
כי-נטה אל-אל ידו ואל-שדי יתגבר | 25 |
inni harka isaa Waaqatti ol fudhatee Waaqa Waan Hunda Dandaʼus tuffateera;
ירוץ אליו בצואר בעבי גבי מגניו | 26 |
gaachana yabbuu fi jabaa qabatee isaan mormuuf mata jabinaan baʼeera.
כי-כסה פניו בחלבו ויעש פימה עלי-כסל | 27 |
“Yoo fuulli isaa coomaan haguugamee mudhiin isaa foon baasee iitaʼe iyyuu,
וישכון ערים נכחדות--בתים לא-ישבו למו אשר התעתדו לגלים | 28 |
inni magaalaawwan barbadaaʼan keessa, manneen namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, kanneen diigamanii tuulamuu gaʼan keessa jiraata.
לא-יעשר ולא-יקום חילו ולא-יטה לארץ מנלם | 29 |
Inni siʼachi hin sooromu; qabeenyi isaas hin jiraatu; yookaan qabeenyi isaa lafa irra hin turu.
לא-יסור מני-חשך--ינקתו תיבש שלהבת ויסור ברוח פיו | 30 |
Inni dukkana jalaa hin baʼu; arrabni ibiddaa damee isaa ni gogsa; hafuurri afaan Waaqaatii baʼus isa fudhata.
אל-יאמן בשו נתעה כי-שוא תהיה תמורתו | 31 |
Inni sababii beenyaa tokko illee hin arganneef, waan faayidaa hin qabne amanachuudhaan of hin gowwoomsin.
בלא-יומו תמלא וכפתו לא רעננה | 32 |
Inni utuu yeroon isaa hin gaʼin ni coollaga; dameen isaas hin lalisu.
יחמס כגפן בסרו וישלך כזית נצתו | 33 |
Inni akka muka wayinii iji isaa utuu hin bilchaatin irraa funaanamee, akka ejersa daraaraa isaa of irraa harcaasee ni taʼa.
כי-עדת חנף גלמוד ואש אכלה אהלי-שחד | 34 |
Gareen warra Waaqaaf hin bullee ni maseena; ibiddis dunkaana warra mattaʼaa jaallatanii ni guba.
הרה עמל וילד און ובטנם תכין מרמה | 35 |
Isaan rakkina ulfaaʼanii hammina dhalan; garaan isaaniis jalʼina yaada.”