< איוב 13 >

הן-כל ראתה עיני שמעה אזני ותבן לה 1
“Waan kana hunda iji koo argeera; gurri koos dhagaʼee hubateera.
כדעתכם ידעתי גם-אני לא-נפל אנכי מכם 2
Waan isin beektan anis beeka; ani isinii gad miti.
אולם--אני אל-שדי אדבר והוכח אל-אל אחפץ 3
Ani garuu Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti nan dubbadha; waaʼee dhimma koos Waaqatti falmuu nan barbaada.
ואולם אתם טפלי-שקר רפאי אלל כלכם 4
Isin garuu sobaan nama faaltu; hundi keessan abbootii qorichaa kanneen faayidaa hin qabnee dha!
מי-יתן החרש תחרישון ותהי לכם לחכמה 5
Isin yoo cal jettan maal qaba! Wanni sun ogummaa isiniif taʼa.
שמעו-נא תוכחתי ורבות שפתי הקשיבו 6
Amma falmii koo dhagaʼaa; kadhannaa afaan kootiis dhaggeeffadhaa.
הלאל תדברו עולה ולו תדברו רמיה 7
Isin jalʼinaan Waaqaaf dubbattuu? Gowwoomsaadhaanis isaaf odeessituu?
הפניו תשאון אם-לאל תריבון 8
Isaaf ni loogduu? Waaqaafis ni falmituu?
הטוב כי-יחקר אתכם אם-כהתל באנוש תהתלו בו 9
Yoo inni isin qore wanni gaariin isin irraa argamaa? Isin akka nama gowwoomsitan, isa gowwoomsuu dandeessuu?
הוכח יוכיח אתכם-- אם-בסתר פנים תשאון 10
Yoo isin dhoksaadhaan loogii hojjettan, inni dhugumaan isinitti dheekkama.
הלא שאתו תבעת אתכם ופחדו יפל עליכם 11
Surraan isaa isin hin sodaachisuu? Sodaachisuun isaa isinitti hin dhagaʼamuu?
זכרניכם משלי-אפר לגבי-חמר גביכם 12
Fakkeenyi keessan fakkeenya daaraa ti; daʼoon keessanis daʼoo suphee ti.
החרישו ממני ואדברה-אני ויעבר עלי מה 13
“Akka ani dubbadhuuf isin cal jedhaa; ergasii wanni barbaade natti haa dhufu.
על-מה אשא בשרי בשני ונפשי אשים בכפי 14
Ani maaliifin foon koo ilkaan kootiin, lubbuu koos harka kootiin qabadha?
הן יקטלני לא (לו) איחל אך-דרכי אל-פניו אוכיח 15
Yoo inni na ajjeese iyyuu ani isa nan abdadha; waaʼee dhimma kootii illee fuula isaa duratti nan falmadha.
גם-הוא-לי לישועה כי-לא לפניו חנף יבוא 16
Kun fayyina koo ni taʼa; warri Waaqatti hin bulle fuula isaa duratti dhiʼaachuu hin dandaʼaniitii!
שמעו שמוע מלתי ואחותי באזניכם 17
Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa; waan ani jedhus gurri keessan haa dhagaʼu.
הנה-נא ערכתי משפט ידעתי כי-אני אצדק 18
Kunoo ani himata koo qopheeffadheera; akka inni murtii qajeelaa naa kennus nan beeka.
מי-הוא יריב עמדי כי-עתה אחריש ואגוע 19
Namni na himatu jiraa? Yoo jiraate, ani nan calʼisa; nan duʼas.
אך-שתים אל-תעש עמדי אז מפניך לא אסתר 20
“Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen lamaan naa kenni malee ani fuula kee duraa hin dhokadhu.
כפך מעלי הרחק ואמתך אל-תבעתני 21
Harka kee narraa fageessi; sodaachisni kees na hin rifachiisin.
וקרא ואנכי אענה או-אדבר והשיבני 22
Ergasii na waami; anis nan owwaadha; yookaan nan dubbadha; ati immoo deebii naa kennita.
כמה לי עונות וחטאות-- פשעי וחטאתי הדיעני 23
Ani balleessaa fi cubbuu hammamin hojjedhe? Yakka kootii fi cubbuu koo na beeksisi.
למה-פניך תסתיר ותחשבני לאויב לך 24
Ati maaliif fuula kee dhokfattee akka diinaatti na ilaalta?
העלה נדף תערוץ ואת-קש יבש תרדף 25
Baala qilleensi harcaase ni ciccirtaa? Habaqii gogaa ni ariitaa?
כי-תכתב עלי מררות ותורישני עונות נעורי 26
Ati waan ittiin na hadheessitu natti barreessitaatii; cubbuu dargaggummaa kootiis na dhaalchifta.
ותשם בסד רגלי-- ותשמור כל-ארחתי על-שרשי רגלי תתחקה 27
Miilla koo jirma gidduu galchita; faana miilla kootiitti mallattoo gootee karaa koo hunda xiyyeeffattee duukaa buuta.
והוא כרקב יבלה כבגד אכלו עש 28
“Namnis akkuma waan bososeetti, akkuma wayyaa biliin nyaateetti ni dhuma.

< איוב 13 >